Dhimma umurii dorgommiiwwan ispoortii Afrikaa keessatti falmiisiisaa ta’e

Madda suuraa, Getty Images
Rakkoon dhimma waliin dhahuu umurii taphattootaa waggootaaf kan ispoortii Afriikaa keessatti ka’udha.
Dorgommii waancaa Afrikaa umurii wagga 17 dhiheenya kana gaggeeffame irrattis dhimmi umurii taphattootaa kan bal’inaan mul'ataa ture.
Biyyoota dorgommii waancaa Afriikaa umuriin waggaa 17 gadii Kaameruun qopheessite keessatti biyyoota hirmaatan keessaa tokko kan turte DR Koongoodha. Haata’u malee, jalqabbii taphichaatiin dura akka dorgommicha irraa haqamtu taasifameera.
Sababiin ittiin haqamtes, tabattoonni dorgommichaaf ergaman keessaa 25 umuriin saanii waggaa 17 ol ta’u, waan qorannoo MRI'n bira gahameefiidha.
Koongoon alattis Chaadis sababiidhuma wal fakkaataan dorgommicha irraa haqamte jirti.
Pirezidantiin Kubbaa Miilaa Kaameeruun, Saamu’eel Ettoon qorannoon MRI akka taasifamuuf erga ajajeen booda, taphattoota Chaadi dorgomichaaf ergite keessaa aknneen 30 ta’an daangaa umurii kaa’ame kan darbaniidha.
Ogeessi saayinsii Ispoortii federeshinoota kuphaa miilaa addunyaa gorsaan tataajila, Dr Adam Howuskii, waliin dhahuun umurii tabattoota Afriikaa irratti mullatu dhaabachu akka qabaatu waliin galannis, umurii tabattootaa adda baasuuf MRI garuu filmaata sirrii ta’uu dhiisu mala jedhan.
Solanti Yunivarsitiitti, gargaaraa Pirofesara saayinsii Ispoortii Saawuz Haampitan kan ta’an Dr Adam Hoowiikii, qorannoon MIR umurii taphattootaa sirrii agarsiisuuf filamaa miti jedhan.
Yeroo duraan kaa’ame keessatti walitti fufiinsaan qorannoon MRI taasifamuun bu’aan isaanii yoo hin xinxalamne, umurii taphataa meeqa akka ta’e adda baasuun ni rakkisa jedhan.
Umurii taphattootaa kana adda baasuuf MRI'tti fayyadamuurratti gaaffii kan kaasan Dr Adam qofaa hin turre.
Bara 2013tti lammiin Ameerikaa Abuuchii Obiinwaan waraqaa ragaa guyyaa dhalootasaa biyya itti dhalate Ameerikaa irraa dhiyeessuulleen, qorannoo umurii MRI taasifameef darbu hin dandeenye ture.
Sanadiin taphataan kun dhiyeesse garuu madda amanamaa irraa ta’u kaasuun, qorannichi bu’aa addaa agarsiisuun isaa mata duree dubbii ta’ee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon MIR attamiin hojjataa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hogganaa Kubbaa Miilaa Addunyaa kan ta’e FIFA'n bara 2009tti qopheessituu kan taatee Naayijeeriyaan qophaa’ee kan ture dorgommii waancaa Addunyaa umuriin wagga 17 gadii irratti MRI umurii tabattootaa adda baasuuf faayidaa irra akka oolfamuuf murteesse ture.
Magnetic Resonance Imaging (MRI) dambaliiwwan raadiyoo fi maagineetiitti fayyadamuun gogaa namaa keessa seenuun ogeessoonni damichaa akka lafeefi qaama keessoo ilaalan dandeessisa.
Qorannoo umurii safaruudhaaf karaa MRI'n taasifamu kanaanis ganaa harkaatii keessuun qaama taphaataa hanga ciqileetto argamurratti qorannoo taasisuun tilmaamni umurii kennama.
Dr Adaam ammo umurii safaruudhaaf MIR hojiirra oolfamunsaa carraa gara biraa qabatee dhufu danda’a jedhu.
Akka Dr Adaam jedhaniitti, MIR umurii qorachuuf qofaa osoo hin taane, tabattootaaf qorannoowwan garaa garaa taasisuun fayyummaa qaamasaanii mirkanneessuuf carraa ni uma jedhan.
Kiristiyaan Eruuksan bara 2022tti of walaaluun dirree kubbaa keessatti kufuunsaa ni yaadatama.
‘‘Malawwan akka MIR jiraniitti fayyadamuun rakkoolee onnee isporteessitoota dargaggoota ta’an irratti mudatan dursanii adda baasuuf ni fayyada.’’
Kunis, ‘‘Qorannoo Ejansiin Farra Qorichoota Jajjabeessoo ta’anii idlieen taasisuun adda ta’u dhiisuu danda’a,’’ jedhan.
‘‘Dubbataa kan jiru waa’ee ilmaan namaati…waa’ee rakkoo gara fuula duraatti jireenya ogummaa saaniitti isaan mudachu danda’u qofaa osoo hin taane, miidhaa fayyaasaanii irratti isaan mudachu danda’u dursanii adda baasuun barbaachisa,’’ jedhan Dr Adaam.
Bara 2003tti MaakiShiishaayaan osoo taphaa jiruu of wallaaluun dirree keessatti erga kufeen booda lubbunsaa darbuun ni yaadatama.
Dhiheenyattis taphaa Kaameeruun kan ture Moodastee Miibaamii umurii wagga 40tti sababii rakkoo onneetiin lubbunsaa darbuun ni yaadatama.
Tabataan Deenmaarkii fi Maanchistar Yunaayitid kan ta’e Kirisityaan Eriksan bara 2020tti Waancaa Awuroppaa irratti dhukkuba onneetiin dirre irratti of walaaluun kufee amma xiqqoof lubbunsaa baheera.
Kanaafu mala qorannoo MIR kana osoo hojiirra oolfamee dursanii rakkoo fayyaa tabbattootaa irratti mudachu danda’utti tarkaanfii fudhachuuf ni dandeessisa jedhu Dr Adaam.












