'Teknoloojiin kaaniif jiruu salphise ana garuu jiruu keessaa na tufee daandiitti na baase' - Obbo Awwal Bulloo

Obbo Awwal Bulloo, magaalaa Finfinnee keessatti daandii gubbaa hojii madaallii kanaan jiraatu

Madda suuraa, Fayyeeraa Margaa

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Awwal Bulloo, magaalaa Finfinnee keessatti daandii gubbaa hojii madaallii kanaan jiraatu

Mee ilaalaa, maaltu saffisaan jijjiiramaa hin jirre? Mobaayilii harkaa qabannu kunillee waggoota muraasa keessatti meeqa jijjiiramee bahe. Jijjiiramni teknoloojii tokkoof carraa kaaniif ammoo rakkoo fidaa jira.

''Yeroo teknoloojiin haala jireenya namootaaf salphisuun isa torbanitti hojjatamuu malu guyyaatti, isa guyyaa sa’aatiitti, kan sa’atii daqiiqaa fi sekondii keessatti akka hojjetamee xumuramu taasisee kanatti anaan garuu hojiikoo keessaa na tufee daandiitti na baase,'' jedhan maanguddoon BBC'n dubbise kun.

Dur ogummaa teknoloojiin qabuuf namni mana isaatti ana hin waamne hin turre kan jedhan Obbo Awwal Bulloo, Magaalaa Finfinnee naannoo Markaatoo keessatti maqaansaanii hedduu beekamaa ta'u himu.

''Akka ammaa kana televizhinii flat hin tahiin malee, kan durii sana namni manaa qabu, raadiyoo fi teeppii fa’aa namni qabu hedduun na hin wallaalu'' jedhu.

Obbo Awwal Bulloo Baaleetti dhalatanii yeroo daa’ima waggaa tahan maatiin isaanii qabatanii Finfinneetti galan. Achuma magaalaa Finfinnee naannoo Markaatoo Masjiida Anuwaaritti guddatan.

Jireenya gaarii jiraataa turan. Obbo Awwaluun ammoo teeknishaana raadiyoo fi televizhinii fa’aa turan.

Namni raadiyoon jalaa cabe ykn hojii dhaabe, televizhiniin hojjechuu dide gara isaanii fidata, ykn manatti deemuun hojjetanii jiraachaa turan.

Galii gaariis argataa akka turanii fi barbaadamummaan isaaniis guddaa akka ture yaadachuun BBC'tti himan.

Yeroo BBC’n bilbilaan dubbisu Finfinnee naannoo Biheraawwiitti daandii gubbaa taa’anii namoota madaalaa turan. Madaallii [miizana] daandii gubbaa kaa’uun ulfaatina namoota madaalu jechuudha.

Dubbii keenya irratti osooma gaaffiif deebii waliin gochaa jirruu iyyuu yoo xiqqaate namootni shanii ol madaala isaanii kana ira bahun ulfaatina isaanii madaalamanii darban.

Akkamiin hojii daandiitti bahan?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Awwal amma umuriin isaanii 60 keessa akka tahu himan. Tilmaamaan malee sirriitti meeqa akka tahe hin beekan. Bara mootummaa Dargii keessa mana barumsaa galanii barachaa turan.

Garuu kutaa 8ffaa akka gahaniin mootummaan dargii dargaggootaa fi ol adeemaa waraanaaf filee dirqamaan waan leenjisuuf maatiin isaan dhoksaa akka turan hima.

Kana irraa kan ka’e barnoota addaan kutuun gara Jabuutiitti baqachuun gara ji’ota jahaa achi dhokatanii akka ofirra dabarsan himan.

Ergasii carraa banoota isaaniitti deebi’uu hin arganne. Garuu yeroos ana hanga kana barachuun hojii gaggaarii hojjechuufiyyuu carraa isaaniif kenneera.

Akka amma dargaggootni kumaatama barnoota digirii ykn digirii lammataa xumuranii hojii dhabanii taa’an miti jechuudha.

Isaan garuu qacaramanii osoo hin taane ogummaa suphaa meeshaalee elektirooniksii kana sirriitti waan qabaniif isaan hojjechaa turan.

Garuu yeroo mootumaan dargii kufee kan wayyaanee dhufus jireenyi akka eegan boqonnaa akka hin kennineef himu.

Abbaan isaanii Markaatoo naannoo Sidaamoo Taraa jedhamuu keessatti Hoteela Madda walaabuu jedhamu qabu ture. Bara mootummaa Dargii keessa jechuudha. Hoteela Madda Walaabuu jennaan Oromoon achi hin buufanne hin jiru jedhu Obbo Awwal.

‘’Firootni, hiriyyootni abbaakoo fi kaan Baalee, Arsii irraa dhufan Hoteela Madda Walaabuu kana bufatu. Abbaankoo namatti dhiyaata. Nuun illee haala kanaan namoota hedduu nu barsiise.

''Afaan Oromoo carraa dubbachuu gaarii kan argannes mana keessatti maatii keenya waliin akkasumas Oromoota hoteela keenya buufatan waliin dubbachuun ture.’’

Mootummaan ADWUI erga aangootti dhufee booda hoteela abbaa isaanii harkaa fudhachuu himu. ''Maatin keenya yeroo kana waan qaban hedduu dhabuun addaan faffacaane.’’

''Teeknishaanan ture. Teeppiin yeroo hojiin ala tahu, bakki kaassettii isaa cabu isafaan suphaa ture.

''Amma kun gara miimooriitti erga cehee namni kaassetta teeppii fudhatu fayyadamu dhaabe. Kanaaf teeknoloojiin hojii keessaa nu tufe.

''Televizhinii durii sana beekta mitii? Kan duubaan garaa qabu sana. Isa fa’aan hojjedha ture.

''Amma filaattii tahe, miimoorii fudhata. Beekumsi keenya ammoo teeknoloojii haaraa dhufe kana waliin deemuu hin dandeenye,'' jedhan.

Televizhinii durii

Madda suuraa, Bruno Arujo

Namni beekumsaa fi daandeettii bara waliin deemu argachuun dirqama mitiiree. ''Akka baran osoo hin taane akka baraa bulu,'' makmaaksi jedhu kana fa’aa ibsuu hin oolu.

Kanatu Obbo Awwal daandiitti isaan baase. Madaala namaa bitatanii waggaa shaniif daandiitti bahanii hojjechaa jiru.

“Yoo gabaan jiraate Birrii 400, 350 fa’aa nan argadha. Yoo gabaan hin jiraannes hanga Birrii 200 fa’a nan argadha.

''Namni tokko Birrii tokko qofa kaffalamuun ulfaatina isaa madaalama, garuu umurii kanaan daandiirra taa’uukoo ilaalanii namootni Birrii 50, 100’s naa kennanii deeman jiru,‘‘ jedhan.

Markaatoo barteedhaan naannoo Goojjam Barandaa jedhamu fa’aa keessa manni muuziqaa kaaseta Afaan Oromoo maxxansuun gurguraa turan akka turan yaadatu.

Amma isaanis hin jiran. Hedduun isaaniis cufamaniiru.

Finfinnee keessatti ''cunqursaan Oromoo ture'' jechuun haala keessa darban dubbatu. Qabeenya qaban kan isaan dhabsiisee bittinse ilaalchuma akkasii ta'uu himu.

''Amma barri sun darbeera. Ahaa! Namni kun Oromoo tureey jechaa jirra. Amma nama baay’eetu aniyyuu Oromoon ture jedhee as bahaa jira.

''Kan dhokates as baheeti Oromoon amma isa durii caalaa bal’aa taheyyuu….[kolfa]. Hiriyyootuma waliin jiraachaa turre keessaati,'' jedhu Obbo Awwal.

‘‘Mana barumsaa keessatti Awwal Bulluu Cigagoo yoo jedhamee dubbifamuu …khaa khaa… jedhanii Cigaagoo jedhanii maqaan abbaakoo fi akaakayyuukoo Oromoo tahuu isaan natti kolfu tureyyuu'' jedhan.

''Yeroo sana 'min quwaanqaa tiqeyirale?' nu jedhu ture, yeroo Afaan Oromoo dubbannu. Galata rabbii amma namnuu ofitti boonee dubbachaa deema. Warri akkas nu jechaa jiran amma ofiiyyuu barachuu barbaadu.''

Ummanni Oromoo Itoophiyaa keessa lakkoofsaan guddicha ta'us cunqursaa siyaasaafi dinagdee himataa ture.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Oromoo jalqabaa yeroo ammaa Itoophiyaa bulchaa jiranidha.

Finfinnee waggaa 40, 50 duraa yaadatanii yoo dubbatan, amma waan hunduu jijjiirameera jedhu. Daandii, ijaarsa gamoowwanii….Markaatoo naannoo isaan itti guddatanillee bakka durii hin jirtu.

Gamoowwan samii gahan, daandii asfaaltii ammaayyaa’aa, daandii baaburaa….waan hunduu ni jijjiirame.. jechuun duubatti deebi’anii yaadachuun kaasu.

Manguddoon kun amma hojiima kanaan jireenya isaanii gaggeessaa jiru. Garuu umuriin raagaa waan deemaniif iji isaaniis akka durii miti.

Namni hunduu beekumsaa fi dandeettii bara waliin deemu horachuun dirqama.

Yoo akkas hin taane teeknoloojiiin amma jiru kunis darbee akkuma koo jireenya keessaa isaan baasa jedhu.