Manni Murtii oliyyannoo Obbo Taayyeerratti dhiyaateerratti jalamurtii kennuuf beellama biraa qabate

Taayyee Danda'a

Madda suuraa, Taayyee Danda'a

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa oliyannoo Abbaan Alangaa Obbo Taayyee Danda'aarratti dhiyeeffaterratti jalamurtii laachuuf har'atti beellamee turus beellama biraa qabate.

Abbaan Alangaa himatawwan lama Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Obbo Taayyeen bilisa jedheen irratti oliyyannoo dhiyeeffachuunsaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa dhaddacha ALI Ebla 21, 2017 taa'een abbaan seeraa tokko dhukkubsatanii hafuusaanii eeruun dhimmicharratti jalamurtii laachuuf beellama biraa qaachuun akka barbaachisu himuun ture har'atti kan beellame.

Dhaddacha har'aa irratti Abbaan Alangaa akkasumas deebii kennaa kan ta'an Obbo Taayyee Danda'aa Abukaatoo isaanii walin dhaddacharratti argamanii turan.

Haa ta'u malee dhaddacha har'aa irratti manni murtichaa 'galmicha kan ilaalle ta'us abbaan seeraa galmicha qabatan waan dhukkubsataniif beellamni biraan yaa kennamu' jechuun ajaja kenne.

Haluma kanaan oliyyannoo Abbaa Alangaafii deebii Obbo Taayyee Danda'aa kennan irratti jalamurtii laachuuf ALI Caamsaa 12, 2017'tti beellama qabateera.

Himatawwan lamaan Abbaan Alangaa oliyyate…

Deetaa Ministeera Nagaa kan turanfi miseensa Caffee Oromiyaa kan ta'an Obbo Taayyee Danda'aa, Abbaa Alangaa Federaalaan himatawwan sadi irratti banamanii dhimmi isaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa erga turee booda ALI Adoolessa 30, 2016 himatawwan lamaan bilisa jedhamanii ture.

Himatawwan lamaan kunis Seera Yakkaa Itoophiyaa ALI bara 1996 bahe Keewwata 251/C diina waliin waloomuu kan jedhufii Keewwata 257/E darbaniiru kan jedhanidha.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa keewwatawwan lamaan kana jalatti Obbo Taayyeen, 'Yaadni piropogaandaa (ololli) humnootii farreen nageenyaa 'ABO Shanee fi Faannoo' fudhatama akka argatu yaaduun ergaawwan sochii qaamolee kunneenii deeggaru gama fuula Feesbuukii isaaniitiin qoodaniiru akkasumas bifa qindaa'een ergaawwan hamilee ummataa gadi buusan yookiin dandeettii dandamachuusaa diigan qoodaniiru jedhee ture kan himate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata'u malee, Obbo Taayyee Danda'aa barreeffamoonni ani qoode mirga yaada bilisaan ibsachuu bu'uureeffachuun kan qoodamanfii nagaa kan lallabani jechuun mana murtii hubachiisanii turan.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataas dhimma tokkoon himata lama hundeessuun hindanda'amu jechuun dabalataan dhimmi Obbo Taayyeen ittiin himataman mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu agarsiisu malee mirga nama biraa kan dhiibanii miti jedhee ture.

Haaluma kanaan Obbo Taayyee Danda'aa himatawwan lamaan ofirraa ittisuun osoo irraa hin eegamin bilisa jechuun jalamurtii kennee ture.

Haa ta'u malee Abbaan Alangaa, jalamurtiin mana murtii jalaatiin kenname kun kufaa akka ta'ufii Obbo Taayyee Danda'aa himatawwan lamaan akka ofirraa ittisaniif Dhaddacha Oliyyannoo Yakkaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaaf oliyyannoo dhiyeeffate.

Obbo Taayyee Danda'aa gama isaaniitiin oliyyannoo Abbaa Alangaarratti deebii ittisaa barreeffamaa kan dhiyeeffatan yemmuu ta'u, manni murtichaas yaada garee lamaanii qoratee jalamurtii kennuuf beellama qabateera.

Gama biraatiin Obbo Taayyeen himata sadaffaa dhimma meeshaa waraanaa seeraan alaa mana isaaniitii argameera jedhame akka ofirraa ittisan jalamurtiin kennamuun kan yaadatamu yemmuu ta'u, dhimmichis Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa jira.