Meeshaan misaa'ela suphuuf Chaayinaatti ergame Taayiwaanitti yaaddoo nageenyaa uume

Misaa'ela Hsiung Feng III

Madda suuraa, Getty Images

Taayiwaan meeshaa qaama misaa'elaa ta'e suphuuf Chaayinaatti erginaan lammileen Taayiwaan hedduun yaaddoo nageenyaa qaban ibsataa jiru. Meeshaan suphaaf Chaayinatti ergame qaama misaa'elaa farra doonii waraanaa ta'ee fageenya misaa'elli ittiin dhuka'u tilmaamuf gargaarudha jedhame.

Taayiwaan misaa'ela farra doonii waraanaa Hsiung-Feng III jedhamu qabdi. Meeshaa qaama misaa'elaa hojjachiisuf Taayiwaan jalqaba gara Siwizarlanditti ergite.

Dhaabbanni omisha misaa'elaa Taayiwan, Insititiyuutii Saayinsiifi Teekinolojii Biyyoolessaa Chung Shaan jedhamu akka ibsetti meeshan misaa'elaa kun suphaaf bakka itti omishame Siwizarlaanditti geeffame. Achirraan ammoo wiirtuu suphaa Eshiyaa Chaayinaa magaala Qingdao tti argamutti darbe. Chaayinaafi Taayiwaan wal-gaarreffannaa yeroo dheeraa qabu waan ta'eef meeshan waraanaa kun gara Chaayinaatti geeffamuun isaa lammiilee Taayiwaan hin gammachiifne. Yaaddon nageenyaa Chaayinaa irraa isaan mudachuu akka danda'u kaasan.

Inistitiyuutin omisha Taayiwaan kun ammoo meeshan misaa'elaa kun gara Awurooppatti osoo hin ergamin dura mimoriin isaa keessaa fuudhamee akka tureefi erga gara Chaayinaa geeffamee achii deebi'ees qorannoo nageenyaa barbaachisaa gochuufi icciitin meeshaa waraanaa Taayiwan bahe homtuu akka hin jirre beeksise.

Bara faranjootaa darbe kana keessa Chaayinaan naannawa oddoola Taayiwaanitti sochii shaakala waraanaa gurguddaa gaggeessaa turte.

Chaayinaan oddola Taayiwaan akka qaama isheetti malee akka biyya of dandeessetti hin fudhattu. Taayiwaan ammoo Chaayinaa irraa adda of-baasun of dandeessee mootummaafi raayyaa ittisa mataa ishee qabdi.

Pirezidaantin Taayiwaan Tsai Ing-wen Chaayinaan tarii yoo nu weerarte jechuun humna waraanaa cimaa ijaaruf karoorsuu himan. Akkasumas lammiilen Taayiwaan tajaajila waraanaa kan dirqamaan kennuu qaban ji'a afur irraa gara waggaa tokkootti akka guddatu karoora qabaachuu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Inistiituyuutii Qorannoo Ittisa Nageenya Taayiwaan irraa Dr. Su Tzu-yun akka jedhanitti meeshan qaama misaa'elaa Taayiwaan Chaayinaatti ergame misaa'ela guutuu ta'uu baatus Taayiwaan waan hundaafuu of-eeggannoo gochuu akka qabdu dhaaman.

"Taayiwaan hojii kontiraatan hojjachiiftun wal-qabatee of-eeggannoo cimaa gochuu qabdi. Nuti meeshan akkasii suphaaf gara Chaayinaa akka dhaqu hin feenu," jedhan.

Meeshan misaa'elaa suphaaf Chaayinaa dhaqe jedhame kun theodolite kan jedhamu yoo ta'u misaa'ela dhukaasuf bakkee itti dhuka'u sirrii ta'e agarsiisuf akkasumas kallattii dhukaasaa agarsiisuf kan ooludha akka ta'e himu Dr. Su Tsu-yen.

Dhimma sagantaa misaa'ela Taayiwaan irratti yaaddon ka'uun isaa kun kan jalqabaa miti. Bara darbe hojjattoonni dhaabbata Taayiwaanif tajaajila dhiyeessii misaa'elaa kennuu lama galtee meeshaa waraanaa Chaayinaa irraa dhufe kan Ameerikaa fakkeessanii dhiyeessuu isaanif hidhaan waggaa 4 hanga 10 itti murtaa'ee ture.