Teeknolojii namoonni qaro-dhabeeyyiin akka argan gargaaruu kaayyeffate

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo tokko hoolota gosti isaanii hin baratamnetu Awustiraaliyaa keessa ture. Hoolonni kun qaroon ija isaanii adda kan ta'edha.
Bara darbe tuutni hoolotaa muraasni ija nam-tochee duuba raatiinaa isaanii irratti hojjetameefin ji'oota sadiif arguu danda'anii ture.
Hoolotni kun qaama yaalii ija nam-tolcheetiin namoota qaro-dhabeeyyii tahan akka arganiif gargaaruuf qorannoo taasifamaa jiruuf itti fayyadamaman.
Kaayyoon qorannoon kun hoolota irratti yaalameefis meeshaan Fooneksi 99 [Phoenix 99] jedhamu kun qaama isaaniirraa mormiin akka mudatu ilaaluuf ture. Garuu iji nam-tolchee kun beelladootni kun obsumaan ofirra tursiisan.
Sababa kanaaf jecha amma ija nam-tolchee kana gara dhala namaatiif oolchuutti ce'uuf yaaliirra jira.
Pirojektiin kun garee qorattootaa Yunvarsiitiiwwan Sidinii fi Niw Saawuz Weelsi keessaa walitti dhufanin kan adeemsifamaa jiru.
Meeshaan Phoenix 99 jedhamu kuni funyoo maleessa (Wireless) fi kaameeraa daawwitiiwwan lamaan walqunnamsiifameen Raatiinaa si'eessuudhaan kan hojjetuudha.
Raatiinaan irra keessa ijaa kan seelota ifa baayyee hin dandeenye ofirraa qabuufi ifa gara ergaa Elekrtikaalaatti jijjiiruun karaa Ooptik Narvii gara S=sammuutti erguun erga ungulaalameen booda waan ijaan agarru kana taha.
Meeshaan Phoenix 99 kun Seeliiwwan Raatiinaa dadhaban bira darbuun seeliiwwan raatiinaa hojjechuu dandahan dammaqsuun akka hojjetan godha.

Madda suuraa, Getty Images
"Tiishuuwwan naannoo meeshichaa jiran irraa mormii adda ta'e hin mudanne. Kanaaf, waggaa dheeraaf akkuma kanatti itti fufu jennee abdanna," jedhan Yunivarsiitii Sydney'tti Injinara Baayoomeedikaalaa kan tahan Samuel Eggenberger.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti, Addunyaarraa namoonni miiliyoona 2.2 tahan qaro dhabummaa gariin ta'ee hanga guutumatti arguu dhadhabuutti rakkataa jiru.
Dhaabbatichi akka jedhutti sababa namoonni kuni omisharratti hin bobbaaneef dinagdeen osoo hin argamin hafu waggaatti Doolaara Biiliyoona 25 taha.
Malli karaa namtolcheetiin qaro dhabummaa fayyisuun dandeessisu kun namoota qaro dhabeeyyii hedduuf furmaata fida jedhamee abdatameera.
"Fooyya'iinsi teeknolojii saayinsii qorannoo fi yaala ijaa kana hedduu jijjiiraa jira. Kalaqniwwan amma dhufaa jiran akkaataa dhibeen ittiin yaalamu qofa osoo hin taane dhukkubsattoonnis yaalaa fi qabiinsa fooyya'aa akka argatan gochaa jira" jetti Dr. Diane Hilal-Campo, Qorattuun Oftaalmolojii (Qorannoo saayinsii Ijaa).
Fooneksi 99 [Phoenix 99] kanaan alattis oomishni Orriyoon [Orion] jedhamu kan sammuu keessa galfamuun qaro dhabummaa gosa hunda fayyisa jedhmee abdatames sadarkaa Yaalii Kilinikaawaa irra jira.
Meeshaan Piriimaa Divaayis [Pirima Device] jedhmu kan dhaabbata Faransaayiin hojjetamee fi 'Bionic eye system' jedhamu garee Awustiraaliyaatiin hojjetamaa jirus yaaliiwwan kalaqa namtolcheetiin qaroo dhabeeyyiin akka arganiif taasifamu keessa jiru.














