Fayyaa: Pirootiniin Algee qaro-dhabeessi akka argu gargaare

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Pirootiniin Algee (samphaphuu) keessatti argamu namticha guutumaan guutuutti qaroo dhabee ture tokko hanga tokko deebi’ee akka argu gargaare.
Namtichi qaroo dhabeessi tokko wal’aansa Optojenetiksi jedhamuun deebi’ee arguu kan danda’e.
Malli kun Pirootinii Algeerraa argameen seelota duuba ijaatti argaman to’achuudha.
Wal’aansa kana namtichi erga argateen booda karaa mallattoo imaltoonni lafoo daandii irra qaxxamuraan hubachuu danda’eera.
Amma namtichi waantota minjaalarra kaa’aman fuudhee lakka’uus danda’eera jedha gabaasni Neechar Meedisiin jedhamu.
Namtichi kun eenyu akka ta’e garuu hin ibsamne.
Akka gabaasni kun jedhutti, namtichi jiraataa Firaans wayita ta’u magaalaa Paarisitti wal’aaname.
Namtichi kun dhibee seeloota ratinaa, ifa keessatti arguuf gargaaran ajjeesuun beekamu retinitis pigmetosaa jedhamuun ganna 40 dura qabamee ture.
Dhibeen ijaa kun namoota miliyoona lama caalan addunyaarratti miidhe.
Rakkoon ijaa akkasi guutummaatti qaroo namaa hin jaamsu, taatullee namtichi kun waggoota 20 darban guutummaatti qaroosaa dhabee ture.
Optojenetikisiin damee wal’aansa fayyaa haaraa ta’us, bu’uurrisaa niwuroosaayiinsii wajjin hidhata qaba.
Malli kun ifatti gargaaramuun seelota sammmuu sirnaan to’achuuf kan fayyadu wayita ta’u, saayintistoonni ijji namticha qaroo dhabee deebi’ee akka ifa adda baafachuu danda’u gargaaraniiru.
Tooftaan kunis Pirootiniin Algeen wayita ifa argatu jijjirama agarsiisuu Chaanalrodopsinsi jedhamu bu’uura kan goodhateedha.
Wal’aansa kana keessatti tarkaanfiin jalqabaa wal’aansa qaccee sanyiiti.
Qajeelfamni dhala sanyii Rodopsinsi tolchuuf oolu immoo Algeerraa fudhatama.
Sana booda seelota baqqanaa ijaa ratinaa duuba ijaatti argamuuf kennama.
Itti aanse yeroo ifti itti bahu dhaamsa gara sammuutti ergu jechuudha.
Kanaafuu dhukkubsataan ijaa fuullee ijaa, kaameeraa viidiyoo waraabu fuulduraan qabuufi pirojektara duubarraan qaba keewwata.
Rodopsinsiin sadarkaa olaaanaan ija keessatti kuufachuufi sammuun afaan haaraa baree, namni qaroo dhabe deebi’ee arguuf turtii ji’a tokkoo fudhata.
Institiyuutii Vizhiin Paarisitti ogeessa kan ta’an Dr Joos Aliin Saahel, "dhukkubsatan ijaa sun yeroo inni lilmoon fudhateefi yeroo inni arguu jalqabe addaan fagachuutti hanga tokko mufatee ture," jedhan.
Sana booda karaa gubbaatti mallattoo daandiin irraa ce’amu itti fufiinsaan argeetti gammaduusaa kaasaniiru.
‘’Isa qofaa miti nuti hundi keenya ni gammadne,’’jedhan ogeessi kun.
Namtichi qaroo dhabeessi kun ammas sirnaan hin argu, garuu qaroo guutummaatti dhabuufi hanga tokko arguu danda’uun garaa garummaa uumu qaba jedha.
Ogeessii Yuunvarsiitii Basel pirofeesar Botond Roskaa’’argannoon kun wal’aansa optogenetiksiitti gargaaramuun qaroo arguu dadhabde gartokkeen deebisuun akka danda’amu mirkaneesse’’jedhan.
Qaroo arguu dadhabde deebisuuf tooftaalee hedduun hanga yoonatti yaalameera.
Tooftaan yaalame qaccee qaroo namaa jaamsuuf ka’umsa ta’e suphuuf yaalameera.
Kan biraan kaamera duuba ijaan walqunnamsiisuu danda’u bakka buusuuf yaalamees ture.
UK qoratan dhimma ratinaa pirofeesar Jeemsi Bireenbiriij, qorannichi gahumsa olaaanaa qabaatus nama tokkicharratti gaggeeffamu ibsan .
Ogeessi qorannoon kun teeknoloojii haaraan tarii namoota arguun dadhaban gargaaruuf waan danda’uuf gammachiisaa ta’u dubbataniiru.















