Baankiin Ijaa Itoophiyaa namoota 2400'f agartuu deebisuu ibse

Wal'aansa ijaa

Madda suuraa, Getty Images

Baankiin Ijaa Itoophiyaa tibba kana badhaasa 'P3 IMPACT AWARD' jedhamu aragate.

Baankichis badhaasa kana kan argate Ministeera Dhimma Aalaa Ameerikaatti Waajjira walta'insa Idi-addunyaa; Dhabbata tola ooltummaa Konkordiyaa jedhamuufi Yunivarsitii Varjiiniyaatti irraayi.

Baankiin Ijaa Itoophiyaa dhaabbate biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii keessatti qofaasaa agartuu ijaa namootaa walitti qabuun jiddu-galaawwan agartuu wallaananiif raabsuun gargaarsa taasisaa kan jiruudha.

Baankiin ijaa Itoophiyaa waggoota 17 dura kan hundeeffame yoo ta'u, kaayyoonsaa ijoonis, qaroo dhabuummaa sababiiwwan godaansa agartuufi rakkoolee walfakkaataniin walqabatee dhufu ittisuufi wallaansi kunis Itoophiyaa keessatti akka eegalmu taasisuu ture.

Haaluma kanaanis dhaabbanni kunis hojii gaarii hojjataa jiruun badhaasa kana argachuu danda'e jedhu Ittigaafatamtuun baankichaa Lamlam Ayyalaa.

''Baankichi namoota godaanis ijaafi sababiiwwan kana fakkaataniin agartuu dhabuuf saaxilaman wallaanuun hojii gaarii raawwateen badhaasa kanaaf qaqqabe''jechuun BBC'tti himan.

Badhaasa kanaaf dorgomtoonni shan kan dhiyaatan yoo ta'u, kanneen keessaati, baankiin Ijaa Itoophiyaa badhaafamu kan danda'e.

''Baankiin Ijaa Itoophiyaa badhaasa kana argachu kan danda'e hojii walta'insa sadarkaa addunyaatti rawwateen. Fakeenyaaf Baankichi Ministeera Fayyaa, dhaabbata Ameerikaa ijarratti hojjatuu'Sight life' jechamuu fi Pirojaktii Himaliyaan Katarakti waliin ta'uu hojii Itoophiyaa keessatti qaro dhabummaa ittisuuf taasiseen'' jedhan Daarektaritiin kun.

Addunyaa irratti namoonni qarosaanii sababii garaa garaatiin dhaban miliyoon 12 ta'aniitu argama.

Kanneen keessaa kan kuma 300 ta'an Itoophiyaa keessatti kan argaman ta'u ibsi dhaabbiee waliin ta'insaan dhimmi kanarratti hojjataniin bahee tokko ni mul'isa.

Badhaasin amma Baankii Ijaa Itoophiyaa argame kunis kan kennamuu dhaabbilee motummaa, mit-motummaa fi tola oltummaa garuu hojiiwwan rakkin hawaasaa hiikaniifi tajaajila hawaasaafi kennan irratti hirmaatan jajabeessuuf jedhameera.

Daareekataritiin akka jedhaniitti, rakkoolee godaanisa ijaatiin walqabatanis balaa ilmaan namaa gara qaroo dhabuu qaqabsisaniidha. ''Haa ta'u malee qaro dhabumaa akkasii kunis gutummaatti fayyu kan danda'udha'' jetti.

''Rakkoon akkasii kunis fayyu kan danda'u ammo yoo namoonni du'u isaanitiin dura qaroo ijasaanii arjomaniidhas,'' jedhan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, ''Dhukkuboonni qaroo ijaa nama dhabsiisan hedduun yaalamuu kan danda'anidha''

Fakkeenyaaf namoonni wayita lubbuun jiran yoo qaroo ijasaanii baankichaaf arjoman, baankichi wayita namni sun du'uutti qaroo sana walitti qabuun kaa'ee, erga qulqullinaafi sadarkaa fayyinsaanii haalaa mirkanneesseen booda haaluma wallaansa sadarkaa idil addunyaatiin namoota rakkina qaroo ijaa qabaniif akka oolfamu taasifamu.

Badhaasni amma baankiichi argatees hojii kana haala gaariin waan hojjateefi ta'u dabaluun himan Daarekiritiin Lamlam Ayalaa.

Baankichi beekkamtii idil-addunyaa akkasii argachuun isaa carraaqqii namoota qaroo dhaban tajaajiluuf taasisuu keessatti hiikkaa olaanaa qabachuu ni himu.

Fakkeenyaaf, ''baankii ijaa Itoophiyaa haala aadaa lafa namoonni baayyeen waa'ee qaama ofii (qaroo) du'aan booda arjoomuufi wallaansaan deebiisanii qaroo nama biraa irraa argameen wallaanamuu irratti hubannoo gadaanaa ta'e keessatti hojjataa jira,'' jedhu daarektarri kun.

Kanaafuu badhaafni amma dhaabbatichi argate kunis hubannoo hawaasni gama kanaan qabu cimsuufi ta'e deeggarsa barbaachisu argachuuf gahee olaanaa qabaachuulleen hin dhoksine.

Baankiin Ijaa Itoophiyaa Afriikaa keessatti kan jalqabaa waan ta'eef, badhaasichi yaalii gara wiirtuu qu'annootti guddachuuf taasisaa jiruuf gumaata qabas jedhan.

Baankichi hnaga ammaatti hojiiwwan hawaasni qaroo ijasaa erga du'aniin booda akka arjomaniif barsiisuu, erga du'aniin booda namoota arjoman irraa qaroo ijaa walitti qabuun sadarkaafi qulqullina qaroo sassaabamanii mirkanneessu akkasumas dhaabbilee wallaansa qaroo bakka buusuu raawwataniif dhiyeessuu hojjataa jira.

Baankiin kunis Magaalaa Finfinnee Hospitaala Minilki keessatti waggaa 17 dura tajaajila kennuu kan eegale yoo ta'u, amma garuu bakkeewwan garaa garaa afuriitti damee saaqqachuun hojjataa jiraachuu daarektarittiin ibsaniiru.

Haaluma kanaanis Naannoo Oromiyaatti Hospitaala Yunivarsii Jimmaa keessatti, Naannoo Amaaraatti Hospitaala Yunivarsitii Gondariitti, Tigraayi Hospitaala Qihaa keessattiifi Kibbatti ammoo Hospitaala Haawaasaa keessatti wallaansa qaroo ijaa geeddaruu kana raawwataa jiraachuu dubbatan.

Haaluma kanaanis waggoottaan darban kanneen keessatti Itoophiyaatti namoonni 2,400 wallaansi qaroo ijaa bakka buusuu taasifamuun ifa deebiisanii akka argatan taasifamuu daarektarri dhaabbatichaa dubbatan.

Haaluma walfakkaatunis namoonni kumaatamaan lakkaa'ama erga du'aniin booda qaroo ijaasaanii arjopmuuf waadaa galuusaanilleen ibsaniiru.