Ambulaansii Xabbitaa: Itoophiyaatti nama 'yeroo jalqabaaf' tajaajila ambulaansii dhuunfaa hundeessan

Madda suuraa, Tebita Ambulance
Kibreet Abbaba Tufaan Finfinneetti dhalatan. Barnoota isaanii sadarkaa duraa mana barumsaa Hibret Firee jedhamu kan ijoolleen loltoota Kooriyaatti duulanii itti baratanitti hordofan.
Sadarkaa lammaffaa immoo mana barnootaa Kookkeba Tsibahaatti baratan.
Yunivarsiitii Jimmaa irraa immoo oguummaa narsiin erga eebbifamaniin booda, Baalee waggaa shaniif tajaajilanii gara hospitaala Xiqur Ambassaatti geeddaraman.
Achitti waggaa tokko erga tajaajilaniin booda ogummaa Anaesthesia (wal'aansaaf jecha qaama hadoochuu) baratanii achuma Xiqur Ambassaatti hafuun waggaa 17 hojjetaniiru.
Saayinsii hawaasummaan immoo Yunivarsiitii Finfinnee irraa digirii jalqabaan eebbifamaniiru.
Imala of barbaaduu
''Ani yeroo hunda of barbaadaan jira. Namoonni gara eenyummaa isaanii isa badhaadhaatti kan dhufan yeroo of barbaadani dha, achi keessa immoo wanti baayyeen jira,'' jedhu Obbo Kibret Abbaba.
Bara Hospitaala Xiqur Ambassaa hojjechaa turetti ''hojjetaa 'cimaa,' kan dhukkubsattootaafi namootaaf kabaja qabu ta'uun barbaada, kunimmoo filannoo kooti,'' jedhu.
Ogeessi qaama namaa hadoochuu irratti hojjetu namoonni oonneen isaanii yoo dhaabbate, sirni hargansuu isaanii rakkoon yoo isa mudate kan to'atu isa dha. Kanaaf hojii koo nan kabaja jedhu.
Abbaan koo yeroo isaatti gooota ture, ''Afaan Amaaraa yeroo dubbatu gara Afaan Oromoo gatii isa harkisuuf, muudamuu hin dandeessu yommuu isa jedhan isinittan agarsiisa jedhee nama 'Shaambal' tahuu danda'ee, Kooriyaattis duulee ture.
Seenaa kana immoo ijoolleesaa hunda keenyatti himaa ture. Ani immoo isattan bahe,'' jedhu Obbo Kibret.

Madda suuraa, Tebita Ambulance
Ambulaansiin Xabbitaa akkamitti jalqabe?
Filannoo Itoophiyaa kan bara 1997 lammiin Biriiteen Itoophiyaa dhufan sababa ol-ka'insa lafa Itoophiyaa irraan kan ka'e rakkoon hargansuufi onnee isaan mudatee akkan isaaniin gargaaraa gara UKtti deebisee geessun waamame jedhu Obbo Kibret.
Tajaajilli ambulaansii UKttiarge waanin ani sana dura yaadaa ture sirrii akka tahe naa mirkaneesse, ''biyyi kuni hiyyeettii gatii taateef miti nuti ijaa hin hojjenneefi, animmoo warra rakkoo uumu osoo hin taane kan warra furmaata fiduu tahuun barbaada.''
Kanaaf yeroon achii deebi'u Xiquur Ambassaa irraa hayyama kootiin hojii gadhiisee bahe,'' jedhu.
Xiqur Ambassaa irraa sababiin na baase inni guddaan ''namoota du'uuf jiran kutaa oppireeshiniitti eegee du'a isaanii keessatti hin hirmaadhu. Namooti balaan gaafa irra gahu idduma jiraniiti karaa ogummaa qabuun gargaaruun barbaada jedheeni.
''Biyya keenya keessa konokolaataa 10,000tti namoonni 194 du'u Jaappaanitti garuu namni tokko du'uuf konkolaataan 20,000 daandiitti ba'uu qaba''
''Nama karaa salphaa taheen baraaruun akka danda'amu ani yoo hin dubbanne immoo eenyuyyuu himu hin danda'u'' jedhu.
Haa tahu malee Ministeerri Fayyaa ''ati daldalaa tahuu barbaaddaa nuti immoo hojii akkasiif gulantaa ittiin madaallu waan hin qabneef beekamtii siif kennuu hin dandeenyu naan jedhan,'' jedhu.

Madda suuraa, Tebita Ambulance
Achiin booda, ''gulantaa ogummaan kuni ittiin madaalamu biyyooti kaan akkuma qopheessan nuti ni dandeenya jedheen gulantaa yaalii balaa tasaa Itoophiyaa yeroo jalqabaaf kan fuula 70 qabu qopheesse jedhan.
''Kunimmoo baayyee na boonsa. ''Hin danda'amuudhaan, hin danda'amu jedheen hojii dhaan agarsise'' jedhan.
Kana hunda booda hojiitti seenuudhaaf baankoliin qarshii akka isaaniif liqeessan haa gaafataniyyuu malee, liqii karaa salphaa taheen argachuu hin dandeenye.
Kanaaf, ''mana koo gurguruutti nan murteesse. Isa immoo haati warraa koo na mormitee jaarsolii natti baafte, isaaniis ishee deeggaran.
Mana gurguranii namoota biroo nan gargaara jechuun maraatummaadha naan jettes turte.
Dhuma irratti, kaayyoo koo kana galmaan hin gahu taanaan jiraachuu hin danda'u jedhee jennaan haati warraa koo anaa waliin wali galte.
Achii Dubaay deemeen konkolaataawwan moofaa sadii gara ambulaansiitti geeddaree fidee dhufe.
Ambulaansiin Xabbitaa bara 2008tti akkasitti jalqabe,'' jedhu ''Lafa sirni bibilaa yeroo tasaa hin jiretti,'' jedhu.
Ergasiis qarshii ijaan hin qabneef konkolaataa dhuunfaa koo ittiin socho'uuf immoo nan gurgure, jedhan.

Madda suuraa, Kibret Abebe
Imala milkii
Yeroos irraa jalqabee hanga har'aattii 'namoota 70,000 tahan iddoo tokkoo gara iddoo gara biraatii geejibneerra jedhu.
Ambulaansiiwwan 20 tahanis kan miiyi yaalii balaa tasaa gargaaruuf tahu sadarkaa idila addunyaa guutan akka qabanis dubbatu
Koolleejii barnoota yaalii balaa tasaa kennu banuudhaanis barattoota 14 achirraa eebbifaman deebisanii dhaabbata isaaniitti akka qacaran ni dubbatu Obbo Kibret.
Tajaajila ambulaansii asii hanga biyya alaa qillensarraan kenninneerra. Magaalota naannolee deemuudhaan tajaajila isaanii akka qaqqabsiisanis ni dubbatu.
''Amma ani pireezidantii Hojii Uumtoota Hawaasummaati, rakkoon keenyi baayyeen karaa daldala hawaasummaan hiikamuu ni danda'a'' jedhu
''Nuti hojiin keenyi inni duraa lubbuu namaa baraaruu dha. Qarshii immoo nama qaburraa malee harka qal'eessarraa hin fudhannu'' jedhan.
Haa tahu malee mootummaan haala hojii isaanii kana waan hin hubanneef isaan gargaaruurra danqaa itti tahaa akka jirus himu.
'Waan shan otoo hin du'in milkeeffachuun fedha'
Inni jalqabaa sirna ambulaansii lafoo qindaa'e namni kamiyyuu qarshii yoo qabaates qabaachuu baates, nama tahuusaa qofaaf kan itti yaalamu diriirsuu dha.
Lammata immoo hospitaala namootni madaa'an qofti itti yaalaman dhaabuu, namooti miidhamanii lubbuun isaanii balaarra jiru haala addaatti hospitaala keessummeessu jechuu dha.
Koolleejii ammayyuu jalqabnee jirru wiirtuu leenjii yaalii balaa tasaa Afrikaa akka tahu gochuu dha inni sadaffaa.
Itoophiyaa keeessa rakkoon guddaan tokko dhiyeessi miiya yaalii hatattamaa gatii taheef warshaa meeshaalee kana oomishu dhaabuun kaayyoo koo isa arfaffaa yoo tahu,
Inni dhumaa immoo tajaajila wal'aansa hatattamaa xiyyaaraan kennamu eegaluu dha.
Kanaanis ambulaansiidhaan jireenya baraaruufi namoota kaaniif immoo hojii uumuu nan danda'a jedhaniiru obbo Kibret.














