Itoophiyaan bara 2021 keessa interneetiin addaan cituusaatiin $164.5 mln dhabde - gabaasa

Interneeta cufame

Madda suuraa, ULLSTEIN BILD

Itoophiyaan bara 2021 keessa interneetii cufuudhaan maallaqa dolaara miliyoona 164.5 kan dhabde yoo ta'u, Afrikaa keessatti ammoo biyyoota gar-malee miidhaman keessaa lamaffaa taateetti.

Baay'ina uummata qabaniin Afrikaa keessatti Naayijeeriyaafi Itoophiyaan duraafi duubaan tokkoffaafi lamaffaarratti kan argaman yoo ta'an, bara 2021 keessa interneetiin cufamuunis biyyoota Afrikaa miidhaman tokkofaafi lammaa ta'aniiru.

Akka gabaasni TOP10VPN qixeesse agarsiisutti, Yugaandaan ammoo Itoophiyaatti aantee dolaara miliyoona 109.7 dhabdeetti.

Akka gabaasa kanaatti, sababa interneetii cufuutiin bara dabre biyyoonni Afrikaa Sahaaraan Gadii maallaqa dolaara biliyoona 2 dhabaniiru.

Afrikaa keessatti baay'ina ummataan tokkoffaa kan taate Naayijeeriyaan ammoo baruma 2021 keessa miidiyaa hawaasummaa cufuutiin maallaqa dolaara biliyoona 1.5 dhabdeetti.

Akka qorannoon haaraa miidhaa dinagdee interneetii beekaa cufuun qaqqabsiisu ilaaletti, Naajeeriyaan addunyaarratti Miyaanmaaritti aantee biyya sadarkaa lamaffaarratti miidhaan irra gahe taateetti.

Miyaanmaar sababa interneetiin cufateen bara darbe kana keessa dolaara biliyoona 2.8 ta'e dhabdeetti.

Intareetii adda citu

Naajeeriyaan uggura miidiyaa hawaasummaa Tiwiitararra keessee turte turtii ji'oota torbaan booda kaasuu beeksiftete.

Mootummaan Naayijeeriyaa Tiwiitara kan uggure Waxabajji darbe kampaanichi ergaa Tiwiitaraa Pirezidant Muhaammaduu Buhaariin dhimma naannoo warra fottoquuf yaalanii ilaalchisuun baasan hordofeeti.

Aanga'oonni biyyattiis miidiyaa hawaasaa kun garee warra fottoquuf carraaqan kanaaf looga jechuun himatu.

Biyyoota interneetiin cufamuun keessatti mudatee miidhaa qaqqabsiise 21 keessaa walakkaa ol kan ta'an biyyoota warra Afrikaa Sahaaraa Gadiiti.

Adda cituu intarneetii

Biyyoota Afrikaa Sahaaraa Gadiitii interneetii cufuun miidhaman biroo keessaa Burkinaafaasoo (dolaara miliyoona 35.9), Isiwaatiinii (dolaara miliyoona 2.9), Rippabilika Koongoo (dolaara miliyoona 2.5), Zaambiyaa (dolaara miliyoona 1.8), Chaad (dolaara miliyoona 1.6), Senegaal (Dolaara 323,953) akkasumas Sudaan Kibbaa (dolaara 269,987) ni eeramu.

Odeeffannoo biroo dabalataaf:

Hanga biyyoonni Afrikaa Sahaaraa Gadii bara 2021 keessa ta'e jedhanii miidiyaa hawaasummaafi interneetii cufuun dhaban kan bara 2020 keessa dhabaniin harka saddetiin caaleera.

Ta'e jedhanii interneetii cufuun kun akka addunyaatti miidhaan dinagdee dolaara biliyoona 5.45 akka qaqqabu taasiseera.

Sababiin interneetii cufuun harki caalaan kan mootummoonni mormiiwwaniifi filannoowwan to'achuuf jecha cufanidha jedha gabaasni TOP10VPN baase.

Sababoonni interneetiin cufamaniif biroon yeroo walitti bu'insawwan uumaman, filannoowwan gaggeeffamaniifi fonqolchi mootummaa dhalatu to'achuuf jedhameera.

Fakkeenyaaf Yugaandaa keessatti jala-bultii filannoo Amajji 14, 2021 irratti mootummaan kampaanota telekomii akka miiiyaalee hawaasummaa cufanii ajaja dabarseen tajaajilawwan karaa oonlaayinii dhiyaatan daangeffamanii turan.

Adda cituu intarneetii

Akka gabaasa Top10VPN kanaatti, sadarkaa addunyaatti sababii mootummaan interneetii cufuu afur keessa sadii sarbamoota mirgoota namoomaa waliin kan walqabataniha.

Gabaasni kun guutummaa addunyaatti tarkanfii mootummaan interneetaafi miidiyaalee hawaasummaa cufuuf fudhatu itti dhiyeenyaan hordofuun kan qophaa'eha.

Oeeffannoon kun dhiibbaa interneetii cufuun dinagdee irratti qabaatu Meeshaa Baasii Interneetii Cufuun Kaffalchiisu fayyadamuun qixaa'e.

Agarsiiftuuwwan Baankii Addunyaa, Yuuniyeenii Telekoomunikeeshinii Idil-addunyaa, Eurostat fi US Census fayyadamuunis dhiibbaa interneetiin aa cituu, mobaayila daataan baduu ykn applikeeshinoonni akka hin dalagne taasisuun kannen jedhaman ilaalamaniiru.