Itoophiyaan bara 2020 keessa adda cituu intarneetiin doolaara miiliyoona 111 dhabde

A silhouetted man types on his phone in low light conditions

Madda suuraa, Reuters

Itoophiyaan bara 2020 keessa saatiiwwan 1,536 interneetii addaan kutuusheetiif galii dolaara miliyoona 111.3 dhabuu qorannoon tokko mul'iseera.

Qorannichi walta'iinsa dhaabbata mit-mootummaa 'Netblocks' kan haala interneetiin biyyootaa irra jiru hordofuufi 'The Internet Society' jedhamu kan mirga interneetiif falmuun gaggeeffameedha.

Gabaasni qorannoo kanaas rakkoo dinagdee cufamuu interneetiifi miidiyaa hawaasaa addunyaarratti mudateen qaqqabe kan xinxaluudha jedhameera.

Haaluma kanaan, Itoophiyaan tibba dhimmi siyaasaa ho'uutti intarneetii akka cuftu ibsameera.

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaatiin walqabatee hokkora uumamee tureen, baatii Waxabajiitii hanga Adooleessaatti torbanoota sadii oliif interneetiin adda citee akka ture qorannoon kun kaaseera.

Akkasumas Sadaasa 4, 2020 humnootiin TPLF buufata waraanaa Federaalaa Izzii Kaabaa irratti haleellaa raawwachuun erga himameen booda, tarkaanfii mootummaan Federaalaa seera kabachiisuuf jechuun naannoo Tigraay keessatti fudhate hordofee tajaajjilli bilbilaafi interneetii adda citee turuunsaa ni yaadatama.

Tajaajilli bilbilaafi interneetii naannicha keessatti sababa lola gaggeeffameetiin baatii lamaan dura adda citee tures eddoowwan tokko tokkotti deebii'uulleen, magaaloota hedduu keessatti ammoo hanga ammaatti hojjachuu akka hineegallee Hojii Raawwachiftuun Itiyoo-Telekoomii Firehiywoot Taamiruu tibba darbe BBCtti himanii turan.

Adda cituun tajaajilichaas dhaabbilee deegarsa namoomaa taasisaniifis ta'e jiraattoota naannichaatti danqaa ta'uu ragaaleen yeroo garaa garaatti bahan ni mul'isu.

Dhaabbanni Humaan Raayits Wochi ibsa dhimma kana ilaalchisee baaseen, adda cituun tajaajila bilbilaafi interneetii naannichaa dhaabbileen namoomaafi gaazexessitoonni sochiilee taasifaman hordofuufi gabaasuurrratti rakkoo uumuu himeera.

Kisaaraa interneetii cufuun qaqqabu

Adda cituun interneetii biyyoota biraa maal fakkaataa?

Addunyaarratti bara 2020 keessa taateen adda cituu interneetii sa'aatiiwwan 27,000f mudachuun, waliigalatti kasaaraan doolaara biiliyoona 4.01 mudachuu qorannoon kun himeera.

Kasaaraa doolaara biiliyoona 8.05 bara 2019 qaqqabee tureen wal bira yoo qabamu ammoo walakkaan hir'ateera.

Ardii Afriikaatti bara 2020 qofaatti sa'aatiiwwan 6,929f interneetiin adda cituu kan hime qorannoon kun, kanaanis ardittiin doolaara miliyoona 237.4 dhabdee jirti jedhe.

Qorannichi akka jedheetti, miidhaan dinagdee adda cituu interneetiin uumame kunis miidhaa koronaavaayirasiin walitti dabalamuun dhiibbaa olaanaa biyyootarraan gaheera.

Bara 2020tti biyyoota addunyaa 21 keessatti adda cituun interneetii 93 kan mudate yoo ta'u, adda cituun interneetiin sa'aatii 10,693f, miidiyaan hawaasaa cufamuun sa'aatii 5,552f, akkasumas saffisni inetrneetii sa'aatii 10,920f akka harkifatu taasifamuun galmaa'uu qoranichi ibseera.

Kanrraa kan ka'een,, addunyaarratti namoonni miliyoona 268 tajaajila interneetii osoo hinargatiin hafusaanii beeksiiseera.

Biyyoota addunyaa sababii adda cituu interneetiin baayyee miidhaman keessaa Indiyaan dursarratti eeramteetti akka qorannichaatti.

Indiyaaniifi Miyaanmaar walitti fufiinsaan waggoota lamaaf interneetii adda kutuun maqaansaanii dursaan kaa'ameera.

Chaad gama ammoo bara 2018/19 irraa kaasee daangaa ishee keessatti WhatsApp fayyadamuun akka hindanda'amne kan taasifte yoo ta'u, murteen biyyattii kun bara 2020tti itti fufuutu himame.

Qorannoon kn sababiiwwan interneetiin addunyaarratti biyyoota adda addaa keessatti ittiin adda kutamee yoo tarreessuus: Sababii filannootiin %15, walbummaa pireesii ukkaamsuuf %12, bilisummaa walitti qabamuu dhorkuuf %29 akka ta'e gabaasichi himeera.

Dhaabbanni 'Access Now' jedhamu tokko gama isaatiin, maalummaa adda cituu interneetii wayita ibsu, 'Itti yaadamuun tamsa'ina odeeffannoo naannoo murtaa'ee tokkootti ugguruuf jecha interneetii ykn quunnamtii elektironikaa adda kutuu, ykn saffisni isaa akka harkifatu taasisuudha jechuun ibseera.

Mootummoonni abbaa hirree hiriirawwan mormii ugguruuf, keessattuu hiriirawwan tibba filannoon gaggeeffamuutti ta'urratti to'annoo cimsuuf interneettii akka cufan ibseera.

Gabaasni kun gochii interneetii adda kutuu mootummoota kanneeniin kun bara 2021ttis itti fufuu ni danda'a jechuun tilmaamasaa kaa'eera.