Cufamuu Facebook: Facebook fi WhatsApp malee sa'aatii ja'aaf

Madda suuraa, Getty Images
Wixata darbe guutummaa addunyaa irraa namoonni maatii isaanii waliin sa'aatiiwwan muraasaaf addaan citanii turan.
Namoonni wallaansa fayyaarra jiran ammoo hakiimota isaanii waliin adaan citanii turan. Mootummoonnis lammilee isaanii waliin komunikeeti gochuu hin dandeenye ture.
Kun kan ta'e sababii miidiyaan hawaasummaa Facebook fi maloonni ittiin ergaa walqaqqabsiisan sa'aatii ja'aaf adda citee turuu isaatiin kan uumamedha.
"Abbaan kiyya COVID-19n qabamee Maleezhiyaatti kutaa kunuunsa wallaansa cimaa keessa ture. Ani ammoo biyya biraa taa'ee maatii waliin wal arguuf WhatsApp'n fayyadama," jechuun BBCtti himte barreessituufi qorattuu kan taate Annaa Maasiing Landan irraa.
Addaan cituun miidiyaalee hawaasummaa kan Facebook, WhatsApp fi Instagram irraan miidhaa qaqqabsiise kun namoonni gara fuula tiwiitaraan akka komiisaanii dhageessifatan taasiseera.
Namoonni duraan ittiin odeeffannoo dabarfataniifi wal argan dhabuu isaaniirraa kan ka'een gara bilbila bilbiluuttis deebiyaniiru.
Wanti mudatee ture kun akka rakkoo teeknikaa keessaa Facebook mudateen ta'uun himamee ture. Garuu taatichi kun hangam akka jiruun guyyuu namaa miidiyaa hawaasummaa kana irratti akka hirkate kan saaxile ture.
Keessumaa, kan baayyee ballinaan beeekamuufi namoonni hedduun fayyadaman Facebook addatti hangam akka namoonni irratti hundaa'an agarsiiseera.
"Landan keessattiyyu taanaan, bilbila kiyyarratti ergaa barreeffamaa erguufi biyya birootti bilbiluu hin dandeenye ture," jetti yeroo cufamuu WhatsApp Wixata darbe ibsitu Annaan.
"Baayyee dhiphisaa ture."
Dhaabbanni tajaajilawwan bilbilaafi interneetii addaan cituu sakata'ee adda baasuun tajaajilu Downdetector akka jedhetti, "fayyadamtoonni biliyoonaan lakkaa'aman tajaajilwwan kunneen guutummaatti dhaamuu isaaniitiin miidhamaniiru."
UK keessatti hakiima ilkaanii kan ta'e Kiriis Dooneel, hojiin isaa gama tokkoon komunikeeshinii karaa WhatsApp ta'e irratti kan hundaa'udha jedha.
Wayita tajaajilli miidiyaa hawaasaa adda citee ture sanatti ammoo hojii isaarratti rakkoo uumee akka ture ibsa.
Maamiltoota miliyoona 340 oliin biyya adunyaarratti fayyadamtoota Facebook baayyee guddaa ta'e kan qabdu Indiyaan addaan cituu tureen miidhamteetti.
Biyyuma Indiyaatti tajaajilli WhatsApp akkaan murteessaa waan ta'eef komunikeeshiniin dhuunfaafi hojiillee danqamee ture.
Indiyaan fayyadamtoota WhatsApp miliyoona 490 ta'u qabdi akka qorannoon eMarketer gaggeessetti.

Madda suuraa, Reuters
Biyya Biraazil keessatti ammoo aanga'oonni mootummaa WhatsApp fayydamu. Sirni barnootaa biyyattiis WhatsApp irratti hundaa'a. Fakkeenyaaf, barattoonni bu'aawwan qorannoo isaanii karaa tajaajila ergeetiin fudhatu.
Sektarri fayyaa biyyattiis tajaajila fayyaa dhiyeessuu keessatti, kan akka 'doktora ykn ogeessota fayyaa biroo waliin baallama qabachuufillee' WhatsApp fayyadamu.
"Ani doktoradha. Har'a WhatsApp meeshaa gaarii ittiin [maamiltoota] hordofanidha," jechuun fuula tiwiitara isaarratti barreesse Riiyoo de Jeeneeroo kan jiraatu Marsiitoon.
Hojiiwwan daldalaa biroon Biraazil keessa jiran sababa miidiyaan hawaasummaa kun adaan citeef, tajaajilwwan baankii ykn qoricha faarmaasiirraallee ajajachuu akka rakkatan himan lammileen biyyattii.
Meksiikoo keessattis daldalliifi hojiin gara garaa miidhamanii turan.
Guutummaa biyyoota Awurooppaa keessattis tajaajilli miidiyaa hawaasummaa kun namatti dukkanessee ture.
Kana ta'uun isaa ammoo abootiin qabeenyaa tekinoloojii gurguddoo muraasni qofti tajaajilicha akka hin dhuunfanneef seerriifi tarkaanfiin cimaan kana dhorku akka jiraachuu qabu kan akeekedha jedhameera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Tajaajilli kun addaan cituun wayita Facebook sababa miidhaa hawaasa irratti qaaqqabsiisaa jiruufi waliin ga'insa dhimma ilaallatuun dhiibbaa irra gahaa jiruun haala rakkisaa keessa jiruttidha.
Dilbata darbe hojjettuu duraanii Facebook kan turte Frances Haugen kampaanichi "nageenyarra guddina isaa" durfata jechuun CBS news himtee turte.
Dubartiin kun Kibxata ammoo waa'ee qorannoo kampaanichi dhiibbaa fayyaa sammuu Instagram fayyadamtoota umuriin isaan xiqqaa ta'erratti qaburratti gaggeesserrattikoree xiqqaa seeneetii duratti dhiyaattee dhugaa baateetti.














