Haleellaa saayibarii: Fuula Facebook Korporeshinii Birodikaastii Itoophiyaa (EBC) kan cabse eenyu?

Dr Shumate Gizaawu

Madda suuraa, INSA FB

Fuulli Facebook Korporeshinii Birodkaastii Itoophiyaa (EBC)n guyyaa Wiixataa osoo sirna muudama Ministira Mummee Abiy Ahimad kallattiin tamsaasaa jiruu butamuun isaa himamun ni yaadatama.

Gochaa kana keessattis ''irra caalaan hirmaannaan dabaa (sabotage)n keessoo ni jiraata jedhamee kan yaadamu'' ta'utu ibsame.

Daareektarri Olaanaa Ejansii Tajaajila Nageenyaafi Odeeffannoo (INSA), Dr Shumatee Gizaawu gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, haleellawwan saayibarii biyya alaatii dhufan akka hin raawwanneef ''guutummaa guutuun kan cufamanidha'' jedhan.

Fuulli Facebook miidiyaa biyyaalessaa Itoophiyaa - EBC Wiixata waaree booda butamee kan ture ta'ulleen, ogeessoonni nageenya saayibarii eejjansichaa ''mudannichi miidhaa cimaa osoo hinqaqqabsiisiin atattamaan to'achuu'' akka danda'an ibsamee ture.

Daarektarri Olaanaa ejansichaa Dr Shumatee Gizaawu, hojiin maddi rakkinichaa keessaa ykn alaa ta'uun adda baasuuf hojjatamaa jiraachuu BBCtti himan.

Eejansichi wayita hojii qorannoo isaa xumurutti rakkina fuulicha irratti raawwatame keessatti hojjattoonni dhaabbatichaa hirmaachuun yoo mirkanaa'e, haaluma dambii naamusaa jiruutiin tarkaanfiin ni fudhatama jedhanii akka eegan ibsan.

Kana malees seera biyyattiin qabduun seerratti akka dhiyeeffaman dubbatan.

Eejansichis hojii qorannoo dhimmoota tekinikaa qulleessuu qabaatu xumuruun, gara fuula duraatti of eeggannoo taasisuuf akkasumas hubannoo uumuuf barnoota barbaachisaa fudhachuu haala dandeessisuun hojjatamaa jiraachuu ibsan.

Daarektarichi itti dabaluun, kanneen sirna to'atan, kannen akkaawuntii to'atan (Admin), kan akkaawuntii qaban ykn akkaawuntichatti fayyadamuuf kanneen danda'an keessaa nama tokko ykn isaan ol ta'aniin dabaan hirmaatanii ta'uu akka danda'an ibsan.

''Yeroo tokko tokkoos osoo hinbeekiin, jecha furtuu (password) akkaawuntichaa argachuun yoo danda'ame, seenuun waan barbaadan gochuu danda'u,'' jechuun dubbatan.

Daarektarri Olaanaa ejansichaa haleellaan kun kan raawwatame ''guutummaatti keessaa ykn alaayi jechuun ifatti dubbachuuf'' hojjataa jiraachuu cimsanii dubbatan.

Dr Shumateen dhaabbileen namoota akkaawuntiiwwan isaanii to'atan sirriitti beekuu qabaatu jechuun dubbatan.

Dhaabbileen saba himaa kan mootummaas ta'e kan dhuunfaa hojjattoota keessaanis ta'e alaarraa haleellaan saayibarii irratti raawwatamuu akka danda'u hubachuun, of eeggannoo barbaachisaa akka taasisaniif yaadachisan.

Asxaa Facebook fi EBC

Madda suuraa, Getty Images/EBC

Haleellaa saayibarii

Haleellaan saayibarii Itoophiyaa irratti raawwatu yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu kan ibsan Daarektarri Olaanaan kun, ALI bara 2013tti qofa yeroo 2,800 ol ''haleellaawwan miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu danda'an'' yaalamanillee osoo miidhaa hinqaqqabsiisiin dura ittisuun danda'amuu dubbatu.

Hidha guddicha bishaaniin guutuu hordofee qaamoleen fedhii qaban yeroo 37,000 ol kompitaroota Itoophiyaa keessaa neetwarkiin hidhaman irraa haleellaa raawwachuuf akka ture ibsanii, kunis garee tika saayibarii ejansichaatiin adda baafamuun guutummaatti fashaleeffamuu himan.

Haleellaa saayibarii ittisuuf guyyuu qophiin ni barbaachisa kan jedhan Dr Shumateen, guyya guyyaan haala jiru qorachuun akka barbaachisu dubbatu.

Haala qabatamaa biyyaa, ardii fi idil-addunyaa ilaaluun, qaamoleen fedhii siyaasaa, dhuunfaa fi faayinaansii qaban, naannoo kamitti argamu kan jedhu yeroo yeroon qoratamaa fi ejansichis sa'aatii 24 hojii biyya ittisuu akka hojjatu dubbatan.

Dhaabbileenis hojjattoonni isaaniilleen sirnaa fi appiiwwan isaanii keessatti daba akka hinraawwannee eegguun akka barbaachisu dabaluun ibsan.

Itoophiyaan miidiyaa hawaasaa mataashee?

Eejansii Tajaajila Nageenyaafi Odeeffannoo (INSA) Itoophiyaan ''filmaata toora miidiyaa hawaasaa'' mataashee ta'e akka qabaattuf appiiwwan dandeessisan hojjatamuu Daarektarri Olaanoon kun dubbatan.

Marsariitiiwwan miidiyaalee hawaasaa kunneenis kanneen idil-addunyaa bakka bu'uun akka filmaataatti kan tajaajilan ta'uufi tajaajilawwan kaan kan baasu akka hintaane dubbatu.

''Nuti ummata guddaadha'' kan jedhan Dr Shumateen, miidiyaaleen hawaasummaa idil-addunyaa kan fayyadamtoota Itoophiyaa keessatti argamaniitti ''yeroo barbaadaniitti cufamuun yeroo fedhaniitti kan saaqaman ta'uu hinqabaatan ejjannoo jedhu qabna,'' jedhan.

Itti dabaluunis, Itoophiyaan akkuma hawaasa addunyaa kamiittuu fayyadamtu miidiyaalee hawaasaa, qaama yaada siyaasaa biraa qabanii, ''miidiyaalee hawaasaa dabsuun Itoophiyaa keessatti rakkina kamuu akka nutti uuman hinbarbaadnu,'' jedhan.

Eejansichi ''ummanni keenya... yaadasaa ibsachuuf mirga qaba'' jedhee waan yaaduuf, appii miidiyaa hawaasaa ''nuuf filmaata ta'e'' hojjachuu dubbatu.

Sadarkaa idil-addunyaatti walabummaan saayibarii fi dijitaalii yaad-rimee haaraa ta'uu kaasuun, ''kana hubannoo keessa galchuun miidiyaa hawaasaa mataa keenyatu nu barbaachisa,'' jedhu.

Akkasumas, ''biyyoonni kaan gabbisanii nutis gabbisuu ni dandeenya,'' jedhu.

Miidiyaa hawaasaa kana hojiirra oolchuuf hojiiwwan hojjatamu qabaatan kan biraa jiraachuu kan dubbatan Dareektarichi, yoom hojii akka eegalu garuu dubbachurraa of qusatan.

''Kanneen guutuun miidiyaa hawaasaa filmaataa fi filmaata komunikeshinii ummata keenyaa dhiyeessaa ni adeemna,'' jedhan.

Eejansichi wayita ammaa kanatti sadarkaa yaaliitti itti fayyadamaa kan jiru, malli Daboo jedhamuufi ittiin walgahii gaggeessuu, 'Siirkunii' kan jedhamu Faayir Wool kan ta'e, sirni iimeelii Ergaameen jedhamu, akkasumas farra vaayirasii akka jiru ibsuun kanas gabbisaa akka adeeman dubbatu.

Kanneen gabbiisuun alattis, hujeffannoo (platforms) sadarkaa yaalii fi karooraa irratti argaman kan biraa jiraachuu himu.

Isaan kanneen gara fayyadamtoota bal'aatiin gahuuf bu'uraaleen misoomaa gurguddoon guutamuu qabaatan kan ibsan Daarektarichi, kun akkuma guutameetti hawaasatti ifa akka ta'u dubbatan.