Eejansii nageenya Odeeffannoo: Kompitaroota Itoophiyaa '37,000 irratti haleellaa raawwachuuf yaaliin taasifamaa jira'

Eejansii Nageenya Networkii Odeeffannoo Itoophiyaa (INSA)

Madda suuraa, Information Network Security facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Eejansiin Nageenya Networkii Odeeffannoo Itoophiyaa (INSA) Itoophiyaatti nageenya odeeffannoo mirkaneessuuf hundaa'e

Kompitaroota 37,000 Itoophiyaatti argaman irratti haleellaan saayibarii raawwachuuf yaaliin taasifamaa jira jechuun Eejansiin Nageenya Networkii Odeeffannoo Itoophiyaa (INSA) ibse.

Dhaabbatichi ibsa miidiyaa hawaasummaa isaarratti baasen kana raawwachuuf wanti yaalamaa jiru garee ''Saayibar Horas Girup'' jedhamuufi haleellaa saayibarii raawwatuuni jedheera.

Gareen kuni kimpitaroota Itoophiyaa keessa jiran irratti vaayirasii haaraa gadhisuuf qophaa'u isaa irra gahu ibsa dhaabbatichi.

Akka eejansiin kuni ibsetti vaayirasichi kuni ''Bilaak Piraamid Waar'' maqaa jedhutu moggaafameef.

Kompitaroota Itoophiyaa keessa jiran 37,000 ta'an irratti haleellaa saayibarii geessisuuf yaalaa akka jiru ibseera.

Haa ta'u malee, ibsa ejansichaa irratti kompitaroonni kuni eessa akka jiran, kan eenyu akka ta'an yookiin dhimmoota biroo hin ibsine.

Akka BBC'n eejansicha irraa hubatetti gareen haleellaa raawwatuufi jedhame kuni Itoophiyaan marsaa lammataaf hidha Abbayyaa bishaan guutuuf jettuun walqabatee marsariitiiwwan sakatta'aa ture.

Addatti garuu marsariitii [websaayitii] kam akka sakatta'e eejansichi hin ibsine.

Eejansichi ''fayyadamtoonni dirree saayibarii eegumsa barbaachisu akka taasisan'' dhaameera.

Eejansichi kana dura dhaabbileen buufata isaanii Masrii godhatan caasaa dhaabbilee Itoophiyaa jiran irratti haleellaa raawwachuuf yaalanii akka turan himuun isaa ni yaadatama.

Eejansiin Nageenya Networkii Odeeffannoo yeroos akka beeksisetti gareewwan haleellaa kan raawwachuuf turan sadii dha.

Haleellaan yaadames dhiibbaa diinagdeefi siyaasaa Itoophiyaarratti uumuuf kan kaayyeffate ta'uufi eejansichaan to'annoo jala ooluu ibsee ture.

Gama kaaniin, fuulawwan fesbuukii buufata isaanii Masrii godhataniifi dhimma Itoophiyaa barreessaa turan haquu isaa dhaabbanni Facebook kana dura gabaasuun isaa ni yaadatama.