Rakkoon Facebook, Whatsapp fi Instagram mudatee ture maali?

Facebook, Whatsapp fi Instagram

Madda suuraa, Reuters

Miidiyaaleen hawaasaa Facebook,WhatsApp fi Instagram tajaajilli isaanii sa'atii jahaaf addaan cituun booda hojiitti deebi'eera. Sababni adda cituu tajaajilawwan kanaa sirni Feesbuukii inteerneeta waliin wal quunnamuu dhaabuudha jedhame.

Dhaabbatichi jijjiirama sirnaa/tarreeffamaa sirrii hin taanetu rakkoo kana uume jedhe.

Tajaajilooti sadeenuu dhaabbata Facebook’n kan dhuunfataman yoo tahu, marsariitiifi bilbilarratti hojjechaa hin turre.

Downdectector tajaajila haala marsariitiiwwan garagaraa kan hordofu yoo tahu, Facebook’n akka isa ammaa kanaatti addaan citee hin beeku jedhe.

Akka addunyaatti hojjechuu diduu tajaajilichaa miiliyoona 10.6 tahus gabaafameera jedhe.

Tajaajilli kuni kaleessa halkan naannoo sa’atii 1:00 kana bade halkan sa’atii 7:00’tti deebi’uu jalqabe.

Facebook ibsa Kibxata har’aa kenneen jijjiiramni sirnaa/tarreeffamaa sirrii hin taanetu sirnoota keessoo dhaabbatichaa irratti dhiibbaa taasise kunis rakkoo mudate hiikuu wal-xaxaa taasisee ture jedhe.

Kana malees yeroo addaan citee turetti ‘’odeeffannoon fayyadamtoota jalaa baheera waan jedhuuf ragaan hin jiru,’’ jedhe.

Hundeessaaan dhaabbaticha Mark Zuckerberg addaan cituu tajaajila kanaan warreen dhiibbaan irra gahe dhiifama gaafateera.

Fayyadamtoonni, tajaajiloota biraa saaquuf Facebook barbaadan kanneen akka Pokemon Go jedhaman hojjechaa hin turre jedhaniiru.

Tajaajilli kuni haala kanaan addaan cituun waan baramaa miti. Bara 2019 keessa sa’atii 14f addaan cituun fayyadamtoonni tajaajilichaa akka hin arganne tahee ture.

Dhaaboti miidiyaa hawaasaa biroo Reddit fi Twitter fa’i dhaabbata miidiyaa guddaa kanatti qoosaa turan.

Addaan cituun kuni erga hojjettuun duraanii dhaabbatichaa af-gaaffii miidiyaaf kenniteen waa’ee dhaabbatichaa sanada erga gadhiisteen booda dhagahame.

Frances Haugen miidiyaa CBS waliin gaaffiifi deebii taasisteen dhaabbatichi ‘eegumsa namootaarra guddinasaaf dursa kenneeraa,’’ jette..

Kibxata har’aa kora seneetii Ameerikaa duratti mata duree ‘’daa’imman onlaayinii eeguu’’ jedhuun haasaa dhagahamurratti ragaa bahumsa ni kenniti jedhameera.

Rakkoon mudate maal ture?

Salphaatti, sirni Feesbuukii inteerneeta waliin wal quunnamuu dhaabe.

Kan jechuun " wiirtuu daataa irraa sarara interneeta waliin wal qabsiisu hundaasa takkaatti akka namni hundaasaa addaan kuteedha," jechuun dhabbatti ijaarsa marsariiti Cloudflare ibseera.

Ibsi Feesbuukii isa kanarra xiqqoo kan teeknika hordofedha.

Inteerneetii of keessatti neetwoorkii kumaatamaan lakkaa'aman qaba. Dhabbileen gurguddoo akka Feesbuukii ammo neetwoorkii gurguddaa -autonomous systems jedhaman qabu.

Yeroo Feesbuukii (WhatsApp ykn Instagram) fayyadamuu barbaaddu, kompiitarrikee neetworkii isaanii waliin , Border Gateway Protocol (BGP) fayyadamuun qunnama, kun akka tajaajila poostaa interneeta waliin qunnamsiisudha.

Wiixata Feesbuukiin tasa odeeffannoo sirni kun hojjachuuf isa barbaachisu dhiyeessuu dhaabe.

Kana jechuuun kompitaroonni eenyuuyyu Feesbuukii, Instgram ykn WhatsApp waliin wal qunnamuu hin danda'anii jechuudha.

Rakkoon kun kan uumame sababa rakkoo softiweerii haata'u ykn dagoggora namaa, hanga ammaatti hin beekamu.

Ta'us garuu shakkiin Feesbuukiin ofii isaa beekaa akkas godhe kan jedhu jira.