Itiyoo - Telekoom : Itoophiyaatti tajaajilli Facebook adda citee ture deebi'eera

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaa bakkeewwan garaagaraatti tajaajilli miidiyaa hawaasummaa Facebook Dilbata galgalaa eegalee hojjechaa hin turre deebi'e dalaguu eegaluu Itiyoo Telekoom BBC'tti hime.
Kanneen yeroo ammaa fayyadamaa jiran akka ibsanitti tajaajilichi Dilbata halkan kaleessaa eegalee akka citeefi VPN'dhaan fayyadamaa akka turan himan.
Dhaabbanni tajaajilli intarneetii adda cituu hordofu NetBlocks jedhamullee tajaajilli adda cituu mirkaneesse.
Akka dhabbatichi ibsetti daataan networkii Facebook, WhatsApp akkasumas Instagramiin yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti ''dhorkamuu'' agarsiisa.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Sababa tajaajilli kun adda citeef kan gaafanne qondaalli olaanaa dhaabbata Itiyoo Telekoom tajaajilli adda citee turuu mirkaneessaniiru.
''Amma [garuu] hojjechaa jira'' jechuun BBC'tti himan. Haa ta'u malee, wanti mudate ifatti hin baramne.
Qondaalli kuni akka jedhanitti rakkoon dhalate beekkamti Itiyoo Telekoomin ala raawwate jedhan. Kanneen adda citanis Facebook fi Instagram ta'u ibsan.
Jiraattonni magaalota Itoophiyaa garaa garaa keessa jiran tajaajilichi Wiixata ganama naannoo sa'aatii 4 booda deebi'e eegalu himan.
Miidiyaan hawaasummaa adda citan jedhaman sadanuu qabeenyummaan isaa kan dhabbata tokkooti.

Madda suuraa, NETBLOCKS
Kana dura Itoophiyaan yeroo hokkorri dhalateefi rakkoon nageenyaa uumame akkasumas qormaata biyyaalessaaf irra deddeebbiin intarneeta cufaa turuun ni yaadatama.
Akka fakkeenyaatti, waggaa darbe ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa booda, akkasumas isa dura ajjeechaa qondaaltota Naannoo Amaaraatti raawwate hordofee intarneetiin torbanootaaf cufamee ture.
Dabalataan, mootummaan oppireeshinii waraanaa gama Lixaafi Kibba Oromiyaa yeroo gaggeessellee keessumaa Lixa Oromiyaatti ji'a sadiif tajaajilli intarneetii cufamee ture. Bakkeewwan tajaajilli bilbilaa badees ture.
Itoophiyaan sababa intarneetii cuftuun galii dolaaraa miiliyoonaan lakkaa'amu akka dhabdu kaa dura gabaasaaleen bahan agarsiisaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa garuu hookkora dhalatan tasgabbeessuufi lubbuu namaa oolchuuf jecha intarneeta akka cufu kana dura ibseera.
Yeroo ammaa Itoophiyaatti dhaabbatni tajaajila intarneeti kennu dhaabbata mootummaa Itiyoo Telekoom qofaadha.
Haa ta'u malee, walakkaa qooda dhaabbata kanaa dhaabbilee kaanitti gurguruuf biyyattiin adeemsarra jirti.
















