Yaa'iin intarneetii maaliif Itoophiyaatti gaggeeffame?

Miidiyaa Hawaasaa

Madda suuraa, Getty Images

Yaa'iin bilisummaa intarneetii ilaallatuufi sadarkaa Afriikaatti mata duree 'Forum on Internet Freedom in Africa' jedhuun qophaa'e Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa'iin bilisummaa intarneetii kuni biyya intarneetiin itti cufamu ykn adda citutti attamiin gaggeeffamuu danda'e gaaffiin jedhu ni ka'a.

Gama biraan ammoo yaa'iin kun Itophiyaa keessatti gaggeeffamuunsaa dhiibbaa adda cituun intarneetii qabaatu irratti marii taasisuuf daandii kan banuudha kanneen jedhanis jiru.

Namoonni wayita biyya intarneetii adda kutuun mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu daangessitu keessatti yaa'iin akkanaa gaggeefamu ni qeequ.

Akkuma yaadatamu baatiiwwaniin dura qormaata sadarkaa lammaffaa wayita kennamuutti tajaajilli intarneetii adda citee ture. Akkasumas tibba mudannoon 'yaalii fonqolchaa' naannoo Amaaraatti gaggeefamee turetti akkasumas tajaajilli intarneetii adda citee ture.

Dhaabbanni idil addunyaa tajaajila intarneetii to'atu 'Net blocks' ibsa baaseen, biyyattiin wayita intarneetii adda kuttutti guyyaan gara doolaara miliyoona 4.5 akka dhabdu beeksiseera.

Yaa'ii kana Itoophiyaatti gaggeessun maaf barbaachise?

Biyyattiitti tajaajilli intarneetii wayita adda cituutti mormitoonni mirgaa, barreessitoonni, ogeessonni seeraafi kkfn biyya keessaafi biyya alaatii ni qeequ.

Aguggiin tajaajilichaa biyyattiiti harka 15 hincaallee wayita addda cituus hawaasni komii kaasuunsaa hin oolu. Qabxiiwwan kanneen kaasuunis yaa'ichi maaliif Itoophiyaatti akka gaggeefame qopheesitoota yaa'ichaa dubbifneerra.

Ittigaafatamaan 'Forum on Internet Freedom in Africa' Asinaah Kaalmeeraan akka jedhaniitti Itoophiyaan intarneetii daangeessuun kan beekamaa turte ta'ulleen waggaa tokko darbe kanatti hanga tokko jijjirama agarsiisaa dhufte jirti.

Abbootii siyaasaa mormitootaa, mirmitoonni mirgaa fi barreessitoonni hidhaarraa gadhiifamun saanii, marsariitiiwwan odeeffannoo biyya keessatti akka hintamsaafne ugguramanii turan irraa dhorkaan ka'unsaa, akkasumas naannooleen baatiiwwaniif intarneetiin itti adda cite ture amma tajaajilicha akka argatan taasifamu akka tarkaanfii jajabeessaatti eeru.

haa ta'u malees, haala 'yaalii fornqolacha motumaan' walqabatee tajaajilli intarneetii adda cite kan ture yoo ta'u, yaaliidhuma kanaan walqabatees gaazexessitota dabalate namoonni hidhamu dubbatu.

''Haa ta'u malees Itoophiyaa jijjiramaaf kutattuu ta'u shee argineera. Akkasumas qaamoolee bilisummaa intarneetiifi dhimmoota mirgootaa gara biraarratti hojjatan waliin hojjachuufis sochiin jiraachu hubanneera,'' jechuu dubbatu.

Jijjiramni ammatti Itoophiyaa keessatti mullataa jiru kunis biyyoota Afriikaa gara biraatiif fakkeenya yoo ta'eelleen, gama haguggii intarneetiifi bilisummaa odeeffanno argachuutiin ammas baayyeen akka hafu himu.

Motummaan Itoophiyaan mirga odeeffannoo intarneetii argachu lammilee akka kabajjuuf sanada waliigaltee waliin mallatteessuuf murtessu isaanii Asnaah BBC'tti himaniiru.

Waltajjii bakka bu'oonni motummaa Itoophiyaa argamaniitti waa'ee dagaagina dimokraasii fi kabajamu mirga namoomaa dubbachuun, yaalii nageenya mormiitoota mirgootaaf taasisaa jiru akka cimsu itti dabalun himaniiru.

'Forum on Internet Freedom in Africa' kanaan dura Yugaandaa, Afriikaa Kibbaa, Gaanaa fi biyyoota Afriikaa kan biraa keessatti gaggeefameera. Yaa'ichis tamsaasi odeeffannoo intarneetii akka hindaangeeffamnee fi mirgi dubbachu akka kabajamuuf sochii taasisuun beekama.

Mihirat Yohaannis

Dhiibbaa adda cituun intarneetii daldaltootarratti qabaatu

Dhaabbanni idil addunyaa tajaajila intarneetii to'atu 'Net blocks' akka jedhuutti, Itoophiyaatti tibba tajaajilli intarneetii adda citu guyyaatti galii gara dolaara miliyoona 4.5 ta'u dhabdi.

Dhiibbaan adda cituun intarneetii kun sadarkaa biyyaatti qaqabsiisuun sadarkaa daldaltoota dhuunfaatti maal akka fakkaatu ilaaluuf kan dubbifne Mihirat Yohaannis magaalaa Finfinnee naannoo Gurdi Sholaa jedhamuutti mana intarneetii keessa hojjatti.

Mannichis waggoota lamaan darban wayita tajaajila kennaa ture keessatti adda cicituufi cufamuun tajaajila intarneetii danqaa akka itti ta'e dubbatti. Sababii qormaata sadarkaa lammaffaa fi sababiiwwan gara biraatiin walqabateyeroo adda addaatti tajaajilli intarneetii wayita adda citu hojiin isaaniis adda akka citu himti. Tibbawwan kanneenittis ''hojiin hinjiru jechuun ni danda'ama. Hanga saaqamuutti eeguun alattis omaa gochuun hindanda'amu,'' jechuun haala ture BBC'tti himte. ''Osoo intarneetiin adda hincinne ta'e gaariidha,'' kan jettu Mihirati, mana intarneetii keessa hojjattuutti tajaajilichaan biratti meeshaalee maxxansaa kan gurguraman yoo ta'u, galiin gurgurtaa meshaale kanneenii irraa argataniin baasii isaanii kanfalachaa akka turn himti. ''Nuti galii gara biraa waan qabnuuf malee, galiin tajaajila intarneeti kennuu irraa argannu baayyee gadaanaadha,'' jetti.Haala tajaajilichaa ilaalchisuun, ''Kanfaltiin tajaajila intarneetii ji'aan kan raawwatamu yoo ta'u, intarneetiin jiraatus jiraachu baatuus kanfluu qabna,'' jette jirti.