Guyyaa Irreechaaf hafe 10: Irreechi Hora Finfinnee fedhii uffata aadaa Oromoo akka dabalu gochaa jira

Irreechaa fi uffata aadaa

Ayyaana Irreechaatiif uffata aadaa bitachuuf Fiicheerraa dhufuu kan himu dargaggoo Geetaahun Damissee, Oromoon gaafa ayyaanasaa kabaju uffata aadaa saatiin ta'uu qaba jedha.

"Oromoon wayita aadaasaa kabajatu ibsituu mataasaa qaba. Isa keessaa tokko uffannaa aadaati. Anis gaafan Irreecha kabajuuf dhufu uffannaa aadaa saba kiyya amul'isu uffachuun qaba. Kanaafin bitachuuf dhufe" jedha.

Irreechi hora Finfinnee barana kabajamuuf jiru kuni nama heedduutu itti hirmaata waan ta'eef fedhiin uffata aadaa haalaan waan dabaluuf dursee argamuufin dursee bitachuuf dhufe jedha.

Obbo Daani'eel Goobanaas Finfinnee mujjaatti( shiro meedaa) namoota uffannaa aadaa Oromoo qopheessaa jiran keessaayi.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Irreechaa fi uffata aadaa

Ayyaana Ireechaa kanaaf fedhiin namootaa diizaayiniiwwan haaraa waan barbaadaniif nutis akkaatuma fedhii isaaniitiin uffannaa aadaa kana omisha ajirra jedha.

"Namoonni Omishas nugaafatu, diizaayinii adda addaas nu ajaju.warrauffannaa kana bifuma aadaatiin barbaadanis, warra ammayyeessanii uffachuu barbaadaniifis akkaatuma fedhii namaatin qopheessaafii jirra." Jedha.

Irreechii fi uffannaan aadaa waan walirraa adda bahu mitis jedhu obbo Daani'eel.

Irreechi malkaa Finfinnee waggaa dheeraan booda barana kabajamuuf jiru fedhii uffannaa aadaa Oromoo daran dabaleera jedha dargaggoon Finfinneetti uuffannaa aadaa qopheessu biroo Dabalaa Garbii.

"Irreecha Finfinee kanaaf daldaltoonni bakka garagaraatii baayyinaan dhufanii nubiraa fuudhu. Saniin alattis uummanni keenya gareedhaan dhufanii uffannaa walfakkaatu baayyinaan hodhisiifachaa jiru" jedha Dabalaan.

Irreechaa fi uffata aadaa

Fedhii dabale kana guutuuf hanga halkan walakkaatti hojjechaa jirras jedha.

"Uummanni keenya ofbaree aadaa ofii baree eenyummaasaatiin akka boonuuf nutimmoo gama uffannaa aadaa kana dhiheessuutiin fedhii uummata keenyaa kana guutuuf dirqama qabna" jedha dabalaan.

Waggoota dheeraaf Finfinnee Mujjaatti uffata aadaa gurguruun kan beekamtu Boontuu Aadaas, Qophiin Irreecha baranaa kan baroota Kanaan duraarraa jijjirama qabaachuu himte.

"Irreecha baroota darbanii irratti hamma kana namoonni keenya dafanii hin dhufan ture. Amma garuu namoonni gareedhaa, godinaan , mana hojiitiin fi akkaataa adda addaatiin gurmaa'anii dursanii nu ajejaa jiru.kaka'umsa guddaatu dhufe" jetti.

Qopheesitoonni Uffata aadaa kunneen Irreechi baranaa uffata aadaa qofa osoo hin taane oromummaayyuu beeksisa jira jedhanii amanu.