Afgaanistaan: Ajaja Taalibaan booda gaazexeessitoonni dubartoota ta'an fuula haguuggatan

Dhiyeessituu oduu fuula walakkaan haguuggatte

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Jooseepf Lii
    • Gahee, BBC News

Ajaja Taalibaaniin dhiyeessitoonni oduufi rippoortaroonni dubartoota Afagaanistaan fuula haguuganii TV'tti bahan.

Kaleessa guyyaa Dilbataan dura gaazexeessitoonni kunneen ajaja fuula haguugaa jedhu didanii fuula isaaniitti hin haguugne ture.

Gaazexeessitoonni kunneen fuula hin haguugnu jedhanii didanillee hojjechiiftonni isaanii dhibbaa jala jiru jechuun gaazexeessituun tokko dubbatte.

Taalibaan bara darbe erga aangoo qabateen booda, torbanoota darban keessatti dubartootarratti dhorkaa garagaraa kaa'aa jira.

Gaazexeessitoonni dubartii ta'an hijaaba keewwatanii fi fuula haguuganii oduufi odeessaalee garagaraa dhaabbilee TV, TOLOnews, Ariana Television, Shamshad TV fi 1TV gubbaa dhiyeessaa turan.

Gaazexeessituun TOLOnews Fariidaa Siyaal, ''Musliima gatii taaneef hijaaba uffachuun rakkoo hin qabnu garuu warreen oduu dhiyeessan fuula haguuganii sa'atii lamaafi sadii haasa'uu hin danda'an,'' jette.

Hawaasni addunyaa Taalibaan irratti dhiibbaa gochuun dhorkaa kana akka hambisus gaafatteetti.

''Dubartoota jireenya hawaasummaa fi siyaasaa irraaa haquu barbaadu,'' jette.

Ministirri Naamusaa Taalibaan dubartoonni hundi fuula akka haguugan kan hime yoo tahu, kanaachi adabbiitu isaan eeggata jedheera. Kunis gaazexeessitoota oduu dhiyeessan dabalata jechuu dha.

Dubartoonni muraasni ajajicha didanillee, qondaaloti Taalibaan maatiifi hojjechiftotatti haasofna jedhan, sunimmoo adabbii hordofsiisuu mala.

Soniyaa Niyaziin miidiyaa TOLOnews'tti oduu dhiyeessiti, ''fuula haguuguu kana didnee turre,'' jette.

Dhaabbatichi garuu dhiibbaan waan irra tureef, dubartoota kunneen yoo fuula haguuguu baattan gara hojii biraatti geeddaramtu ykn hojiirraa ari'amtu jedhe.

Daariktarri itti-aanaa dhaabbatichaa ergaa Feesbuukii irratti barreessaniin, ''guyyaa har'aa gadda guddaa keessa jirra,'' jedhan.

Gaazexeessitoota dubartootaa fuula haguuggatan

Gaazexeessituun Afgaan maqaanshee akka hin dhahamne gaafatte, ''dubartoota biyya koof guyyaa gaddaa biraati,'' jechuun himte.

Gaazexeessituun gameettiin biroon immoo tarkaanfiin inni itti aanu immoo ciruma isaaa qilleensarraa dubartoota dhorkuu akka hin taane jedhaniiru.

Musliimonni addunyaa baay'ee dubartoonni addabaabaayiitti fuula haguuguu akka qaama amantii isa guddaatti hin ilaalan. Taalibaan yeroo jalqaba dhufe adeemsa rincicaa kan qabate hin fakkaatu ture.

Haa tahu malee, torbanoota muraasaan asitti jireenya dubartootaa irratti dhorkaa kaa'aa jira.

Kunis paarkii daawwachuuf guyyaa addaa qabachuu, imala dheeraa yoo deeman dhiiraa ala akka hin deemne gochuu fa'i dabalata.