Afgaanistaan: Taalibaan Ministeera dhimma dubartootaa cufe

Madda suuraa, Getty Images
Taalibaan Ministeera dhimma dubartootaa Afgaanistaan cufee bakka isaa qaama barnoota amantaa jabaa hojiirra oolchu 'virtue and vice' jedhamuun bakka buuse.
Jimaata barjaan ministeerichaa kaafamee kan qaama haaraa kana bakka buufameera.
Viidiyoon miidiyaalee hawaasummaa gubbaatti qoodame hojjettootni ministeerichaa balbala waajiraa dura dhaabatanii hojii isaaniitti deebi'uuf yoo gaafatan agarsiisa.
1990'oota keessa bara Taalibaan biyyattii bulchaa ture waajirri amma bakka Ministeera dubartootaa bu'e seerota amantaa jajjaboo baasuun, dubartootarra dhorkaa kaahaa ture.
Waggaa 20 dabran bara US fi michootni ishee Taalibaaniin aangoorraa kaasanii ture dubartootni mirga goonfachuu fi sun amma danqamaa jira yaaddoo jedhu uumeera.
Mootummaa ce'uumsaa Taalibaan ijaare keessas dubartiin aangoo qabatte hin jirtu.
Taalibaan erga masaraa Kaabuul qabatee ibsa kenneen Afgaanistaan jijjiramteetti nus jijjiiramneerra jechuun isaa abdiifi imaammata gidduu walsimuun akka hin jiraanne godheera.
Gareeleen mirga namoomaaf falman Ministeera virtue and vice jedhamuun beekamu sagaleewwan mormii callisiisa, lammiileerra dhorkaa jabaa kaaha shamarraniifi dubartootas ni miidha jechuun komachaa turan.
Taalibaan garuu dhabbatni kun ''kaayyoon isaa Islaama tajaajiluudha'' jechuun qeeqa dhiyaatu fudhatama dhabsiiseera.
Miseensi Taalibaan Mohaammad Yoosuuf New York Post yaada kenneen ministeera kana qabaachuun barbaachisaadha jedhe.
Dubartootni ministeera dhimma dubartoota keessa hojjechaa turan torbanootaaf gara waajiraa dhaqaa turanis seenuu akka hin dandeenye dubbatan.
''Dubartootaaf amma booda homtuu hin jiru'' jetti hojjettuun tokko.
Hoogganoonni Taalibaan mootummaan isaanii haaraan dubartootni akka baratan darbees hiikkaa seera Islaamaa irratti hundaa'uun akka hojjetaniis ni hayyama jedhu.
Dubartiin biroon hojjettuu ministeerichaa turte ammoo ministeerichi yoo hin jiraanne, dubartootni Afgaan maal gochuu malu? jechuun gaafatti. Daandiitti bahanii kadhachuu warri Taalibaan ni hayyamuu? jechuunis gaaffii biraa dhiyeessiti.














