Intala abbaan ishee hidhamuu isaatiin seera baratte

Abbaafi intalli gammchu ibsataa

Madda suuraa, Teeanna Brisco

Ibsa waa'ee suuraa, Teenaafi abbaa ishee guyyaa eebba isheettii DCtti waliin gammachu ibsataa

Teenaa Biraaskoo yeroo jalqabaatiif abbaa ishee kan agarte yeroo inni hidhaatii gadhiifamee buufata xiyyaaraatti isa simachu dhaqxeedha. Innis osoo isheen barnoota seeraa hordofaa jirtu hin eebbiifamiin dura ture.

Beernaard Birskoo yakka qoricha sammuu hadoochu, kokeeyiin jedhamu gurguruun himamatamee waggaan 20 kan itti murtaa'ee bara 2001 keessa ture. Yeroo sanattis intalli isaa mucaa waggaa afurii turte.

Mr Birkoo kan amma waggaa 53, hidhaa dheeratu itti murtaa'e. Imaamata bara 1994 keessa US keessatti hojiirra oolfamu jalatti, abbaan alangaa yakkawwan irra dedeebiin raawwatamaniif hidhaa umurii guutuu murteessuu ni danda'au.

Haalli kunis bara 2018 keessa geedaramulleen, bulchiinsoonni hedduun ammalleen seericha hojiirra oolchaatuma jiru.

Sababii Mr Biriskoon balleessaa qorichaan wal qabate qabuuf jecha hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e.

Ameerikaa keessatti hidhaan umurii guutuu jechuun umurii kee hafe hunda mana hidhaa keessatti dabarsu jechuudha.

Kanaafu haala sanaan abbaan Teenaa, ''waggoota 24 dura battalumatti mana sirreessaa eegumsa cimaan taasifamuuf Indiyaanaatti'' dabarfame ture.

Egaa irra caalaa murtee abbaa ishee kanatu akka seera barattuuf ishee kakaase. Dhummarattis sirna eebba ishee abbaa ishee waliin kabajachuun ''miira gammachu'' akka itti uumee dubbatti.

Isaanis isa dursa dhufe irratti xiyyeefatu. ''Yeroon buufata xiyyaaraatii isa fudhu kan jalqabaa koo ture. Innis yeroo jalqabaatiif intalasaatiin oofamee yeroo galuudha,'' jetti Teenaa Birskoon BBCtti wayita himteetti.

''Amma nu waliin ta'usaatti baayyee gammadeera.''

"Guyyaa eebba intala isaas ''wantoota abbaan gonkumaa dagachuu hin dandeenyeedha,'' jedhu Mr Birskoon.

''Waraqaa koo irratti ergan du'een booda akkan gadhiifamu hima. Kanaafu sirna eebba Teenaa irratti argamuun anaaf abjuu ture.''

Abbaafi intalli wal haammatanii

Madda suuraa, Teeanna Brisco

Ibsa waa'ee suuraa, Teenaan wayita abbaa ishee gaaffachu dhaqxeetti abbaa ishee hammattee

Teenaan abbaan ishee wayita mana hidhaa seenu isheen baayyee daa'ima turte. Haata'u malee maatiin ishee waa'ee hidhaa isaa irratti iftoominaan dubbataa turan.

Haati ishees akka abbaafi intalli wal arganiif yaalii taasisaa turte.

''Yeroo hunda nan barreessaaf, yeroo inni bilbilu ammoo haadha kootu itti dubbata ture. Innis garagalchawwan kaardii gabaasaa ergaman hunda ni argata ture.''

Garuu ammoo wayita ijoollee tureetti bakka abbaan ishee jiru warra kaaniitti hin himtu turte.

''Yeroo hundaa akka hojjataa ijaarsaa ta'e dubbataa turuu koo nan yaadadha. Akkuma waan sobuun hojiikoo ta'eettiin namootaatti himaa ture. Garuu ammoo namoonni eenyummaan kiyya maal akka fakkaatu akka hubatan yaaduun nan qaanneefata ture.''

Garuu booda keessa ammoo ilaalchi ishee waan wal jalaan jijjirameef, dhimma ''haqa maleessa' jettee yaaddee kanairratti seenaa isaa qooduu eegalte.

Bara 2021 keessa biyyattii dhimma seena Tiraavoon Maartiin, nama hidhannoo malee itti dhokaafamuun ''ollaadhumatti'' ajjeeffameen jeeqamaa turte.

Ajjeechaan sunis Ameerikaa keessatti dhimmi jibba sanyii mata dure marii akka ta'u taasisuu himti Teenaan. ''Dhimmoonn attamiin walitti hidhata akka qaban, fakkeenyaaf qaamoolee seera raawwachisan, sirna haqaa, sirna abbaa alangaa, hunda yaaduun eegale'' jetti. Kanaafu caalaa baruuf akka kakkaate himti.

Akka Waldaa Biyyaaleessa Qabisa Ummatoota biraatti, lammiileen guraachoota Ameerikaa kanneen adii caalaa harka shaniin hidhamu.

Odeeffannoon Kaalifoorniyaa irraa argame akka ibseetti, namoonni guraachoonni bulchiinsicha keessatti seeroota sadiin warra adii irra yeroo 12 caala hidhamu, jedhama.

Garaagarummaa jiru hubachunis akka isheen, ''murtee hidhaa haqa qabeessaaf kakaatu'' taasisuu himti. ''Taateen kunis kan abbaa koo qofaa miti, ammalleen namoota hedduutu haala isaatiin wal fakkaatu keessatti argama.''

Fedhiin ishee seera barachus irra caalaan firoota isheefi fedhii ''rakkoo maatii geeddaruf'' qabdu irraa kan maddeedha.

Wayita isheen Yunivarsitii beekamaa Howaard kan Waashingitan DC keessaa irraa eebbiifamtu abbaan ishee waliin ta'uun gammachu ishee waliin qooddate.

Shamarree seeqaa mul'attu

Madda suuraa, Teeanna Brisco

Ibsa waa'ee suuraa, Teenaa suuraa eebba ishee

Bara darbe, erga waggoota 20f hidhaan dabarseen booda, Tajaajilliiwwan Ittisaa Federaalaa Wiiskoonsiin, Mr Birskoon akka gadhiifamaniif iyyata galche.

Yeroo turtii isaattis sirreeffamaa amaLa qabeessaafi abbaa akka ture intallisaanii Teenaan ni dubbatti.

Abbaan seeraa bara 2001tti isa hidhee sanumatu waggoota digdamaan booda akka gadhiifamuuf murteesse.

''Ani daandii addaa irran ture, akka waan dogongora koo sirreessuu, jireenya koo keessatti waan muraasa sirreessuu. Dargaggoonni baayyeen kaan dogongora akka kiyyaa akka hin raawwannee ittisuu hojjetaan ture,'' jedhan Mr Biriiskoon.

Intalli isaas dhaabbata Waashingitan keessaa tokko irraa hojii argattee jirti. Isheenis hanga dandeessuun ''dhimmoota namoonni seera malee ittiin hidhaman bilisaan gargaaruuf gammachuun akka falmitu dubbatti.