Haqa: Waggoota 31 dogongoraan mana hidhaatti darbeef beenyaan hangamiitu mala?

Madda suuraa, Emily Baxter
Kanfaltiin beenyaan seenaa qabeessa jedhame doolaara miliyoona 75 obbolaa lamaan himannaa yakka isaan hiraawwatiin akka waggoota 31 mana hidhaatti dabarsan taasifaman himannaawwan dogongoraa US ifatti baase.
Obbolaan lamaan Ameerikaa Kaaba Kaarolinaa jiraataa turan kunneen ajjeechaa namaatiin himatamuun waggoota hanga kana mana hidhaatti akka dabarsan taasifaman.
Heelaarii Makolum fi obboleessi haadhaan tokkoo Liiyoon Biraawon daa'ima waggaa 11 gudeedduun ajjeesuun yeroo lama itti murtaa'e. Ragaan DNA haaraan bara 2014tti argame garuu waggaa itti aanu dhiifama guutuufi bilisaan akka bahan taasise.
Caamsaa 21 ammoo tokkoon tokkoonsaanii waggaa mana hidhaatti dabarsaniif baanyaa dolaara miliyoona 31 kanfalameef. Waggaa mana hidhaatti darbe tokkotti miliyoona tokko jechuudha. Dolaara miliyoona 13 ammoo beenyaa adabbii kanfalameef.
Akka abokaatoon namoota kanaa jedhetti, kanfaltiin beenyaa kun seenaa US keessatti kanfatii beenyaa murte dogongoraatiin kanfalame isa olaanaadha.
''Waaqan galateeffadha,'' jedha Mr Makolum imimmaan waliin, osoo obboleessa isaa waliin mana murtii bahaa jranuu. Kunis erga mootummaan akka gadhiisuuf ajaje waggaa torbaan bodoa.
"Namoota qulqulluu hedduutuu har'a mana hidhaatti argama,'' jedhan Mr Makolum. ''Isaanis achi turuu hin qaban.''
Dhimma kana keessatti maaltu ta'e?
Fulbaana 24 bara 1983tti poolisiin Magaalaa Kaaba Kaaroliinaa bakka 'Red Springs' jedhamutti reeffa mucaa adii waggaa 11 tokko oyiruu qonnaa keessatti argan.
Guyyaa ittaanu, eeruu hirriyoota mucattii mana barnootaa irratti hundaa'uun Mr Makolum fi Mr Biraawoon, dargaggoota lammummaan Afriikaa- Ameerikaafi umuriin waggaa 19 fi 15 turan to'atan.
Bakka abokaatoon hin jirreetti erga sa'aatii dheeraaf gaaffii taasisaniif booda yakka raawwachuu amananiru jechuun qondaaltoonni akka mallatteessan taasisan.
Manni murtis obbolaan lamaanuu rakkina qalbeeffachuu kan qabaniif dubbisuu, barreessuu ykn waan mallatteessan hubachuuf rakkoo akka qaban barreesse.
Lamaanuu du'ati itti murtaa'e. Mr Biraawonis nama ijoollee duutii itti murtaa'ee kan jalqabaa ta'e Kaabaa Kaarolinaatti.
Booda ammoo hidhaa umurii guutuutti geedarameef. Mr Makolum ammoo nama duuti itti murtaa'uun waggaa dheeraaf hidhame ta'e.
Obboolaa lamaan yakkicha raawachuu mirkanneessuuf ragaan qaamaa ykn ashaaraa omtu hin jiru.
Bara 2014 keessaa garuu qorannoon DNA nama dhugaa yakkicha raawwatee ifa ta'e. Rooskoo Artiis yakka ajjeechaa sanaan himatame hidhaa biraa keessatti hidhaa umurii guutuurra jira.
Dogongoraan murte dabarsuun UStti hangam baramaadhaa?
Akka Galmeen Bilisaan Bahuu Biyyaaleessaa Ameerikaa ibsuutti, erga inni bara 1989tti ragaa walitti qabuu eegalee kaasee namoonni 2,784 bilisaan bahaniiru.
Namoota kannen keessaa wallakkaansaanii kan baleessaa seera kabachiisuu ykn himannaa ta'e keessatti hirmaataniidha. Kanneen parsantaa 50 ta'an ammoo lammiilee Afriikaa Ameerikaa booda bilisa ta'unsaanii adda baafameedha.
Raagaan kunis lammiilee gurraachaa warra adii caalaa dachaa torbaan dogongoraan yakka ajjeechaan himatamu.
Beenyaa olaanaa kanfaluun baramaadhaa?
Ameerikaanonni dogongoraan himataman mirgisaanii sarbamu ilaalchsuun himannaa siviilii dhiyeeffachuu danda'u.
Garuu ammoo iyyannoonsaanii muraasni bu'aa malee hafaa turan.
Keessattuu qondaaltoota seera raawwachiftootaa ta'an balleessaadhaan gaafatamoo taasisuun baayyee cimaadha. Sababiinisaas gochaan isaanii irra caalaan seera US yeroo ammaa jalatti kan eegameefiidha.
Haata'u malee, sochiiwwan haqa jibba sanyuummaa dhiheenya kana gaggeeffamaa jiruutiin balleessaawwan qondaaltootaafi poolisootaa irratti dhiibbaan ta'aa jira.
Ajjeechaan Joorji Filooyid bara 2020 Mineesotaa keessatti raawwatamees kanfaltii beenyaa dolaara miliyoona 27 fi Bireonnaa Taaylor Kentukii keessaa dolaara miliyoon 12 akka kanfalamu taasiseera.
Murteen Jimaata darbee kan Kaaba Kaaroliinaa kunis erga seera kabachiiftonni lama dhimmicha keessatti qooda fidhatanii kanfaltii muraasa obboolaa lamaanis taasisanii booda kan dhufeedha.
Jaamii Lawu Yunvarsitii Dakiitti pirofesara seeraafi eksipartii himannaawwan dogongoraa bulchinsichaa, ''obboolaa lamaan kanneeniif beenyaan kanfalame ''sirriidha'' jedhaniiru.
Haata'u malee, maallaqaa baayyee akkasii beenyaaf kanfaluu himatamtoonni mana murtiin alatti dhimma saanii hiikuuf akka dhiibbaa hin taasifne yaaddoo qabaachuu dubbatan.
Manneen murtii US attamiin hidhaa waggaa tokkoof kanfalu?
Bulchiisiiwwan 36 fi Waashingitan DCn himannaawwan seeraa dogongoraatiif beenyaan akka kanfalamuuf ajaju qabu.
Kaaba Kaarolinaatti, namoonni bulchaan dhiifamni taasifamuuniifi bilisaan gadhiifaman waggaa itti hidhaman tokko tokkoosaatiif doolaara kuma 50 argachuuf mirga qabu. Haata'u malee, kanfaltiin waliigalaa doolaara kuma 750 caaluu hin qabu.
Heerregga kanaanis namoonni waggaa 44f mana hidhaa turan haalli itti beenyaa waggaa 15 qofaa argatan tureera.
Maallaqichi miidhamaa waa gargaaraanii?
Maallaqni beenyaan kennamuuf kunis namoota bilisaan mana hidhaatii baafaman akka wantoota bu'uuraa, kan akka mana jireenyaa, tajaajilawwan seeraafi kanneen gara jireenya idileetti isaan deebiisuuf isaan gargaaran ittiin guuttachuuf kanfalamaaf.
Pirofesar Paawu BBCtti akka himaniitti maammillisaanii kan biraa Chaarlees Finchi waggoota 43f erga mana hidhaa adabbii du'aa irra tureen booda bara 2019tti umurii waggaa 81 gadhiifame.
''Hanga ammaattis eenyunuu sharfeen hinkanfalamneef,'' jedha. Miidhamaan kun hojjachuuf amma baayyee duloomaa waan ta'aniifu maatiifi hiriyootaan deegaramaa jiraachu himu.
''Namoota dogongoraan miidhaan irra gahe akka miila lamaan dhaabbataniif dafanii waan silaa argachu qaban kanfaluufii dhabuun ni mulata'' jedhu. Kunis akka gaabbiin dogongoraan murteen irratti darbuu sun jireenyasaanii keessaa hinbaane taasisas jedhu.
Kanfaltiin beenyaa dolaara miliyoona 62 obboloota lamaan kanneeniif taasifamees waan isaan mama hidhaa turuu dhaban hunda bakka buusuuf 'yaalii taasifameedha,'' jedhu pirofesarri kun.
Kanfaliin doolaada miliyoona 13 dabalataa sun ammoo ''ergaa kana booda hojimaatiinni imaammata dogongoraa fudhatama hinqabaatu jedhu'' kan dabarsuudha jedhan.












