Afgaanistaan: Jeneraalonni waraanaa duraanii Afgaanistaan Taalibaan irratti waraana haaraa banuuf

Letinaant Jeneraal Saadaat
Ibsa waa'ee suuraa, Letinaant Jeneraal Saadaat Afgaanistaan bilisa baasuuf ''waraana itti fufuuf'' akak jedhan himan
    • Barreessaa, Liisee Dooket
    • Gahee, Gabaastuu idil-adunyaa BBC

Jeneraalli waraanaa duraanii humna waraanaa Afgaanistaan isaafi loltoonni duraanii, akkasumas namoonni siyaasaa biyyattii waraana haaraa Taalibaan irratti banuuf qophiirra akka jiran BBCtti himan.

Letinaant Jeneraal Saadaat bulchiinsi ji'oota saddetii Taalibaan lammiilee biyyattii furmaanni waraanaan aangoo irraa kaasuu qofa akka tahe amansiiseera jedhan.

Oppireeshiniin kun ayyaana Eid booda yeroo gara biyyatti galan ji'a itti aanu keessa eegaluu akka danda'u himan.

Taaliban haleellaa ariifachiisaa gaggeesuun ji'a Adolessaa keessa aangootti deebi'an.

Mankaraaresitoota Islaamaa jedhamuun kan beekaman Taalibaan guyyoota 10 keessati guutummaa biyyattii to'atan. Kunis waraanni Nato Ameerikaan dursitu waggoota 20 booda biyyattii gadhiisee bahuu hordofeeti.

Yeroo jalqabaaf waa'ee karoora kanaa irratti kan dubbatan Letinaant Jeneraal Saadaat, isaafi waayillan isaa kaan ''Afgaanistaan harka Taaliibaanii bilisa baasnee bulchiinsa dimokiraasii diriirsuuf waan dandeenyu hundaa ni gooona,'' jedhan.

''Hanga bilisummaa keenya argannutti, hanga fedha keenya argannatti, ittuma fufnee waraana,'' jedhan. Yeroo itti jalqaban kana garuu adda baasuun himuu hin barbaanne.

Taaliibaan seerota hamaa akkamii akka deebisee diriirse jala muruun dubbatu jeneraalli kun.

Mirga dubartootaafi shamarranii daangessuu eeruun, buulchiinsa abbaa irree kana dhorkuun boqonnaa haaraa jalqabuu akka barbaadan himan.

''Bulchiinsa Taaliibaan ji'oota saddetii dhorkaawwan jajjabaa gama amantaan jiran dabarsuu, Quraana Qulqulluu akka hin taanetti hiikuufi hubachuu, dhimma siyaasaaf akka hin taanetti fayyadamuu malee homaa irraa hin argine.''

Jalqaba taaliibaaniif waggaa tokko kennuun ilaaluuf akka karoorsan himan. ''Haatahu malee, ganama yeroo kaatu yeroo hundaa Taalibaan waan haaraa hojjetee argita- uummata dararuu, dhabamsiisuu, hanqina nyaataafi ijoolleen nyaata madaalawaa dhabuu argita.''

Guyya guyyaan lammiilee Afgaan irraa gaaffii hedduu waa'ee kanaa irratti maal hojjechaa akk jirru ibsu simanna jedhan.

Garuu biyya waggoota 40 oliif waraanaan golgoloofte kana keessatti ammas uummanni kana caalaa walitti bu'insi hamaan uumama sodaa jedhu qabu.

Yeroo kufaatii dinagdee kana keessa jiraachuun itti ulfaateera. UN biyyattiin lammiileen miliyoonaan beelaaf saaxilamuu himuun kana ittisuu dadhabdeetti jedhe.

Let Jen Saadaat ji'a xumura haleellaa ATaaliibaan irra humna waraanaa Afgaanistaan gara Kibbaa naannoo Helmaandi hogganaa tures lammiilee nagaa ajjeesuun himatamaa ture. Himata kana gaafatamee garuu haaleera.

Ji'a Adoolessaa bara darbee keessa humna addaa Afgaanistaan akka hogganu muudamuun yeroo Taaliibaan magaalaa Kabul seenanitti achirra ajaja kennaa ture. Hoganaan waraanaa waliigalaa isaa pirezidaanti Ashraaf Gaanii ammoo biyya gadhiisuun bahan.

''Nuyi Taaliiban irraa mormii hin qabnu'' kan jedhan Jen Saadaat, ''kitaaba isaanii irraati'' Afgaanistaaniin biiya hundaaf taatu tahuu qabdi malee Taalibaaniif qofa miti jedhan.

Waraana kana gaggeessuf deeggarsa biyyoota alaa akka hin qabnes himuun lammiilee Afgaanistaan biyya isaanii jaalataniin deeggaramna jedhan.

Garee hedduun Taaliibanin aangoo irraa buqqisuuf waliigalaniiru. Garuu sanyummaan wal qooduufi ajajaoota waraanaa duraaniif amanamuunis jira.

Let Jeneraal saadaat garee beekamaa fi jaalatamummaa qabu Adda Warraaqsa Biyyaalessaa [National resistance Front] jedhamu kan hogganan ilma ajaja waraanaa beekamaa Ahimad Shaa Masud kan tahan Ahimad masuud waliin qunnamtii gaarii akka qabanis himaniiru.

Waraana kanaaf wal tahuu isaaniis BBCtti himaniru.