Afgaanistaan: Taaliibaan seera haaraa dubartoota diraamaa TV irraa dhorku ibse

Madda suuraa, Getty Images
Seerri mootummaan Taaliibaan baase haaraan dubartootni diraamaa TV irratti akka hin hirmaanne dhorka.
Gaazexessitoota dubartoota tahanii fi kanneen TV irratti oduu dhiyeessan yeroo foddaa TV irratti dhiyaatan marata mataa ykn iskaarvii akka godhatan ajaja.
Garuu qajeelfamichi waan akkamii akka tahe adda baasee hin himu.
Ripporterootni seerotnii bahan ifa kan hin taanee fi hiika adda addaaf banaa tahedha jedhan.
Taaliibaan Afgaanistaan keessatti ji'a Hagayyaa keessa gara aangootti kan deebi'an yoo tahu, suuta suuta dhorkaawan hamaa tahan dabarsaa jiru.
Gareen Islaamaa kun Ameerikaan biyyichaa bahuu hordofee aangoo biyyattii kan harka galfate yoo tahu, yerosuma dubartootnii fi barattootni shamarranii mana barumsaa dhaabuun akka mana turan ajajan.
Bara bulchiinsa isaanii duriitti 1990 keessa dubartootni barnootaa fi bakka hojii irraa dhorkamanii ture. Qajeelfamootni Taaliibaan baase chaanelii TV ilaalchisee baase seerota saddet of keessaa qaba.
Seerri haaraan kun fiilmota seera Shaariyaa, seera Islaamaa faalleesan ni dhorka.
Miseensi dhaabbata Afgaanistaan keessatti gaazexeesitoota bakka bu'uu Hujjatullah Mujaddedi, dhorkaan kun ni darba jennee hin eegne jedhan.
Seerotni kunneen waan hojii irra oolchuuf rakkisanidha. Kan hojiitti hiikaman yoo tahe garuu miidiyaaleen tamsaasaa cufamuuf dirqamu jedhe.
Murteen Taaliiban kana dura dubartootaa fi shammarran akka mana barumsaa hin deemne dhorku adunyaa irraa biyya tokkittii walakkaa uummata ishee barumsa irraa dhorkite ishee taasise.
Kantiibaan magaalaa Kaabul, dubartootni bulchiinsa magaalaa keessatti qacaramuun hojjetan akka mana turan hime. Hojiin isaanii yoo dhiirotaan guutamuu dide qofa akka eeyyamamuf himan.
Taaliibaan dhorkaan dubartootni akka hin hojjenne shamaran kaan akka hin baranne dabarse ''yeroodhaaf'' akka tahe hime. Bakki hojii fi manni barumsaa nageenya isaaniif mijataa tahuu isaa mirkaneessuuf qofa akka tahe hime.












