Shari'aa addunyaa guutuurratti: Ilaalcha dubartoota shanii Seera Islaamaarratti

Dubartoota shanan BBCtti dubbatan
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni baa'een biyyoota Shar'aan bulan keessa jiran barachuufi qabeenya horachuu ni danda'u

Afgaanistaan keessatti barri aangoo Taalibaan kan jalqabaa dubartoota barnoota, hojiifi gahee hawaasa keessatti qabaachuu malan kamirraayyu dhorkuun gara-jabinaafi hacuuccaa irraan gahun daran hammaataa ture.

Amma yeroo aangotti deebiyee kanatti ammoo Taalibaan dubartoota akka hin baranne ykn hin hojjenneef hin dhorkinu jedheera. Haata'u malee, gareen kun erga Hagayya 25 aanoo mootummaa to'atee dubartoota sektara fayyaa keessa hojjetanirraan kan hafe hunduu hanga haalli nageenyaa foyya'utti hojiirraa akka fagaataniif gaafateera.

Kana malees, yunivarsiitiiwwani akkaataa saalaan akka qoodamaniifi uffannaan haaraas akka jiraatu beeksisaniiru.

Gareen kun akka jedhetti, dubartoonni "akkataa Shari'aa" ykn seera Islaamaa keessa kaa'ametti mirgi isaanii ni kabajamaaf.

Kana jechuun garuu maal jechuudha?

Dimshaashumatti Shari'aan akkaataa ittiin sagadan, soomaniifi warra harka-qalleeyyi itti gargaaran dabalatee koodii akka fedha Waaqayyootti ittiin deddeebiyanidha.

Shari'aan sirna seeraa Islaamaatis. Hammaachuun addabbiiwwan manneen murtii Islaamaa yeroo baayyee dhaabbileen mirgoota namoomaaf falmaniin ni qeeqama, garuu akkaataan Shari'aan hojiirra itti oolu guutummaa addunyaarratti baayyee garaa garummaa qaba.

Bilisummaa siyaasaan walqabsiisee daangeeffamni jiraatullee, jireenyi dhuunfaa dubartootaa garri caalaa biyyoota Shari'aan bulan keessa jiraatanii haala hamaa kan akka bara 1990ta keessa Taalibaaniin hojiirra oolee sana miti.

BBCn dubartoota shan Sa'ud Arabiyaa, Naayijeeriyaa, Iraan, Indoneezhiyaa fi Biruunaayi keessa seera Shari'aan jiraatan waa'ee muuxannoo isanii gaafateera.

'Baay'ee biyya bilisaadha'

Hanaan Abubakar

Madda suuraa, Hannan Abubakar

Ani nama hidda Taanzaaniyaarraa dhufe garuu jireenya kiyya gara caalu Sa'ud Arabiyaa keessa jiraatedha jetti Hanaan Abubakar.

Mana barumsaa idil-addunyaa sirna barnootaa Iniyaa barsiisuttin baradhe. Atoobusii mana barumsaarratti, dhiironniifi shamarran adda ba'anii taa'u. Yeroo baay'e ammoo dareewwan barnootaa gara garaa keessatti dabarsina. Haata'u malee, gosoota barnootaa garii barsiistota dhiirota ta'anitu nu barsiise.

Ijoolleen dhamrranii ispoortiiwwan keessatti akka hirmaatanis ni hayyamamaaf ture - garuu ijoollee dhiiraa waliin miti. Guyyoota ispoortiis guyyoota gara garaa irra kabajanna. Haata'u malee, barsiisonni loogii nurratti hin taasisan ture.

Hanaan Abubakar hiriyyootashee waliin

Madda suuraa, Hannan Abubakar

Ibsa waa'ee suuraa, Hanaan, gama mirgaan dhumarra kan jirtu, amma Sa'udii keessatti fuulatti aguuggachuun dirqama miti jetti

Sa'ud Arabiyaa yeroo ammaa biyya bilisummaan wayyaa'e keessa jirudha.

Dubartoonni qophaa isaanii deemuu ni danda'u, akkasumallee konkolaataas oofuu ni danda'u. Ani amma hayyama konkolaachisuu baafachuuf karooran qaba.

Waggoota muraasa dura galmawwan siniimaa deemuu hin dandeenyu ture, amma garuu deemuu ni dandeenya. Anaaf ammoo siniimaan bakkawwan deemuu jaalladhu keessaa isa tokkodha.

Ani fuulakoo hin aguuggadhu, shaarbii mataatti godhachuun"dirqamas" miti.

Yeroo darbe keessa, manneen nyaataa kutaa maatiifi kan qeenxee qabu turan. Amma garuu akkas adda baasuu kana hin qabnu. Bakkawwan ummataa keessatti, amma dhiironniifi dubartoonni walkeessa makamanii deemuu ni dana'u.

Fakkeenyaaf, ani amma jaalleewwan dhiirota warran waliin hojjedhu duukaa laaqanaaf nan baha.

Hanaan Abubakar maatiishee waliin

Madda suuraa, Hannan Abubakar

Ibsa waa'ee suuraa, Hanaan yeroo baay'ee maatiifi hiriyyootashee waliin mana sinimaa deemti

Garuu biyya Musliimaa waan ta'eef manni kilabiin halkanii, manneen dhufaatiif, kkf hin jiran.Alkooliin hin hayyamamu.

Jiddaa keessatti seektara dhuunfaa keessan hojjedha. Kampaanii ani keessa hojjedhu keessa namoonni akka hojii isaaniitti kaffalamaaf malee akka saala isaaniitiin miti.

Ani amma umuriin kiyya ganna 30. Namni jaalladhu, kan koo ta'e yeroon argadhun heeruma. Maatii baay'ee na deeggaranan qaba - akkan heerumuufillee ana hin dirqisiifne.

Namoonni gariin rifoormichi baay'ee harkifataadha. Garuu harmeen kiyyaa osoo ani hin dhalatiiniyyu Sa'udii kana keessa turte waan ta'eef jijjiiramichi isheef ajaa'ibadha.

'Alkooliin seeraan aladha garuu namoonni gareen dhgu'

Mahsaa yeroo yaadannoo barreeffattu

Madda suuraa, Mahsa

Iraan keessatti, gosti dhorkaan dubartootarra kaa'amu caalaan isaa haala maatii isheerratti hundaa'a jetti Mahsaan. (Mahsaan nageenya dhuunfaasheetiif jecha maqaashee guutuu akka hin fayyadamneefi fuulasheellee hin mul'isne nu gaafateetti.)

Hawaasni Iraan bakka sadiitti hiramuu danda'u. Gariin isaanii amantaa warra cimsatan waan ta'eef to'annaa cimsu, sammuun isaanii dhiphaafi ilaalcha loogii warra qabanidha - jaalallee dhiiraa isaanii waliin hariiroo qabaachuu salphaa ta'e qofaaf ijoollee durbaa isaanii ykn obboleetti isaaniillee ajjeesuu danda'u.

Gareen lamaffoo ammoo warra akka maatii kiyyaati - warra magaalaa gulantaan jireenyaa isaanii gidduurra ta'edha. Xiyyeeffanaan ijoo isaanii barnootaafi hojii argachuurrattiha.

Gareen sadaffaa ammoo garee bicuu beektota dureeyyii ta'an seeraan hin bulledha.

Ani Tehraan keessatti dhaadheen guddadhe. Mana barumsaafi yunivarsiitii koo keessatti dhiirotuma waliinan baradhe.

Maatiin warra Iraan baay'een isaanii ijoolleen isaanii akka mediisinii ykn injiinara baratan barbaadu, garuu kollejjii fayyaa ilkaanii keessatti ramaddii waanan hin arganeeffan Ingiliffan baradhe. Amma mana barumsaa olmaa daa'imaniittin barsiisa.

Dubartoonni Iraan keessatti magaalaa gara garaatti ni imalu. Dubartiin qophaa mana kireeffattee qophaa jiraachuu ni dandeessi. Ofumaanis hoteela qabatanii buluus ni danda'u.

Ani konkolaataa mataa kiyya nan qaba waan ta'eef maagaala keessa nan oofa. Gaggeessaan dhiiraa hin barbaachisu, garuu mataatti aguuggachuun dirqamadha.

Mahsaa jiimii keessatti

Madda suuraa, Mahsa

Poolisiin amantii jaalalleewwan lama wayita amala hin taane agarsiisan ykn dubartoota mudhi-gadee gabaabduu uffatanii argan, rakkoo keessa galu. Poolisoonni kunneen yeroo baay'ee gubboo irraa fudhatanii gadi dhiisu.

Yeroo tokko tokko dubartoonni akkasiin qabaman kun gara buufata geeffamuun maatiin isaanii waamamanii akka yellaasifaman taasifamuu danda'u.

Ani hiriyyaakoo dhiiraatti osoon hin heerumiin waggaa afur jaalalaan waliin jiraadheera. Ani isa waliin manneen siniimaa, bakka paarkiiwwaniifi bakka kamiyyu isa waliin deemaan ture. Ani carra qabeettiidha. Nuti warra walfuune taanee, dhiisnee namni dhaabee nu gaafatee beeku hin jiru.

Maatiin koo baayisanii nama to'atu ture. Yeroo hunda 21:00 a akkan manatti deebiyu barbaadu. Hiriyyoota koo waliinis akkan bashannanaaf deemu naaf hin hayyaman. Ergan heerumee boodan bilisummaa wayyaa'aa argadhe.

Alkooliin dhorkamaadha. Manneen dhugaatii tokkoyyu hin qabnu. Garuu namoonni dhoksaan bitatanii ni dhugu. Bakka ayyaaneffannaatti namoonni garri caalan ni dhugu. Ani akka dhuunfaakootti hin dhugu - ani dhamdhama hadhaawaa sana nan jibba.

Ani ijoollee godhachuu hin barbaadu - miindaan keenya waan ittiin gudifnuuf nu hin gahu. Mana qabachuu, daa'imaafi abbaa warraa kiyya kunuunsuun baay'ee natti baay'ata.

Waaqatti nan amana garuu nama amantii leellisu miti ani. Ani guyyaa guyyaan hin sagau.

'Shari'aan seera kamuu caalaa gaariidha'

Huwa'ilaa Ibraahim Muhammaa

Madda suuraa, Huwa'ilaa Ibraahim Muhammaa

Ani abbaa seeraa Shari'aati. Kaanoo, Abujaafi Lagoos keessatti waggoota 18 irraatti hojjedheera jetti Huwa'ilaa Ibraahim Muhammaa Naajeeriyaarra.

Sirna seeraa Shari'aatti nan amana. Kutaaleen bulchiinsaa Naajeeriyaa 12 keessatti, akka seera maatiifi yakkaatti gargaara. Ani manneen murii seera Shari'aafi seera isa baramaan hojjedheera; Shari'aa keessatti abbootii murtii dhiiraatiin gaggeeffama garuu dubartiin sodaa malee falmatti.

Yakkamaatiif dhiifama gochuuf wanti bal'aan ilaalaman jiru. Abbaan murtii osoo adabbii cimaadha jedhame hin murteessiin dura wantota adabbii salphisan hedduu ilaalcha keessa galchuu qaba.

Yakkawwan tokko tokko keessatti, yakkamtoonni mana murtii banaarratti itti ga'ifama garuu dubartoota akka sanaan aabaman garuu argee hin beeku. Murteewwan lama dhakaan waggaramuun ajjeesuuf darban kan qalbii idil-addunyaa hawwatan garuu hin raawwatamne turan. Islaama keessatti, kun adabbii yakka sagalgaluuti.

Dhaala ilaalchisee, dhiironni kan dubartoonni argataniin achaadha. Kun waan baay'e sirrii hin taanedha, garuu sababiin kan duuba jira - dubartoonni itti gaafatamni maallaqaa itti hin kennamu. Kun eeguun isaa gahee abbootii, obbolaan dhiiraafi abbootii warraadha.

Huwa'ilaa Ibraahim Muhammaa

Madda suuraa, Huwaila Ibrahim Muhamma

Eyyeen, sararri abbaan warraa haadha warraa dhaanuu danda'an kan jedhu tokko jira - hubannoon sirrii isaa abbaan warraa haadha warraa isaa dhaanuu akka danda'udha. Garuu ishee miidhuun ykn ishee hubuun hin hayyamamu.

Dubartoonni gariin warri abbaan warraa isaaniin miidhan irra gahu mana murtii geeffatu. Ani dhimmoota kana fakkaatan heuu bakka bu'ee mo'adheera. Ani dhiiras yaa ta'u dubartoota haqa ni argatun jedha.

Naajeeriyaa keessatti fuula kee aguuggachuun hin barbaachisu. Asitti ubartoonni uffata qaama guutessa uffatu, kana waan ta'eef dubartiin midhi-gadee gabaabduu yoo uffatte akka addaatti ilaalama. Dubartoonni maaliif uffata aguugu uffachuu diduu isaaniitiin ykn aguuggii mataa godhachuun dhiisuu isaaniitiif hin adabaman. Dubartoonni filachuuf mirga qabu.

Shari'aan akka yaadametti hojiirra oollaan, seera kamiyyu caalaa gaariidha.

'Ani maaltu sirriifi dogoggora akka ta'e nan beeka'

Izaati Moohd Noor yerroo PhD

Madda suuraa, Izati Moohd Noor

Ani biruunii keessatti dhaladheen guddadhe. Bara 2007 keessa yeroo umuriin kiyya waggaa 17 turen biyya UK keessatti carraa barnootaa mootummaa argadheen deeme, jetti Izaati Moahd Noor.

Barnoota kiyya digirii, maastersiifi PhD Kemikaal Injiinaringiitiin hojjedheera. Isaan booda misoomsituu sooftiwaarii invastimantii keessa hojjedheera.

Torban muraasa dura biyya kiyyatti deebiyeera. Asitti ummanni garri caalaan Islaama. Seerri Shari'aa dhimmoota akka gaa'elaa, hiikuufi dhaalmaa keessatti yeroo dheeraatiif tajaajileera. Bara 2014 keessa qofa ture akka dhimmoota yakkaa ittiin ilaalamus kan taasifame. Garuu hanga ammaatti adabbiin baayyee hamaa ta'e hojiirra hin oolle.

Namni uffata fedhan yeroo uffatan mul'ata - yoo mana jiimii deemte, nama aguugguu mataa uffate argita, nama biraa gonoffee ispoortii uffatus ni argita. Poolisii amantii namoota adabu hin qabnu.

Akka qaama barnoota kiyyaatti, waa'ee utubaawwan Islaamaa shananii, dingadeewwan Islaamaafi seera Shari'aa baranneerra. Ganama keessa gosoota barnootaa akka saayinsiifi herregaa barachaan ture. Waaree booda mana barumsaa amantii bakka barsiistonni dhiiraafi dubartootaa jiranin deema.

Noor kutaa paayilatii keessatti

Madda suuraa, Izzati Mohd Noor

Dhaalmaa ilaalchisee, obbolaan dhiiraa kan obbolaan dubaraa argatiin dachaa argatu akka seera Shari'aatti. Garuu biyya keessnya keessatti, namoonni baay'ee akka abbootii kiyya duraanii kan ta'u himanii darban. Sun seera Islaamaan olidha.

Ani akka dirqama amantichaatti guyyaatti shan hin sagadu garuu hangan danda'u nan godhu. Yeroon ijoollee ture maatiin kiyya waa'ee sagadaa irratti baayyee dubbii cimsu. Yeroon itti sirumaayyu hin kadhatuun hafe tureera.

Balaliisisuu baradhee hayyama paayiletummaa fudhadheera. Yeroon barnoota balaliisisuu baradhu ture hiriyyaa dhiiraa kiyya waliin kanan walbaradhe. Inni kaaba Jarmanirraa dhufe. Yeroo reefuu walbarannee walitti dhufnetti ani nama amantii akkan ta'e ibseefi maatii akkaataa maatii Islaamaa tokkootti jalqabuu akkan barbaade itti himeera. Innis fedhii kiyya naaf kabajee gara Islaamaatti jijjiirame. Dhiyootti walfuudhuuf jirra.

Beektonni Musliimaa gariin akka yaadanitti dhiirri tokkoofi dubartiin tokko osoo gaa'elaan walitti hin dhufiin waliin abarsuu hin qaban. Ani garuu namoonni lama gaa gaa'elaatti seenuuf waliigaluudhaaf osoo guutummaa jireenya isaanii waliin abarsuutti hin seeniin dura walbarachuu akka qaban cimseen deeggara.

Izaatii Moohd Noor

Madda suuraa, Izzati Mohd Noor

Akka amantiitti ani kamitu sirriidha kamitu ammoo dogoggora kan jedhu beeka. Anaafis maaltu sirrii, maaltu ammoo dogoggora akka ta'e nan beeka. Isaan kun wantota addaa adda ta'anidha.

Ani garuu aguugguu mataa hin uffadhu. Namoonni gariin ani Musliima sirrii miti naan jedhu. Anaaf garuu, dhimmichi anaafi Waaqayyo gidduudha. Waaqayyo wanta ani hojjechaa jiru dogongora jedhee yaade ani Waaqayyoonan dhiifama gaafadha.

Biruunii keessatti namoonni parsantaan isaanii xiqqaa ta'e baayyee leellistootadha - garri caalan ammoo baayyee kan waldanda'anidha.

Barnootaafi ogummaa barbaaddachuun duudhaa ijoo Islaamaati. Yaadni dubartoonni barachuu hin dana'an jedhu eessaa akka dhufe hin beeku. Anaaf kun Islaamummaan aladha.

Ani guyyaa hunda Musliima gaarii ta'uufan yaala.

Qaama amantii keenyaati'

Nasyiratudinaa warqee dorgommii sirbaatiin argatte yeroo agarsiiftu

Madda suuraa, Nasyiratu Dina

Ani barattuu dinagdee umuriin kiyya waggaa 19 ta'edha. Yeroo barnootaan alaattis dhiiraaf akka barreessituuttan hojjedha jetti Nasyiratudinaan Indoneezhirraa. Yeroo boqonnaakoottis oolmaa daa'immanii keessan barsiisa.

Ani Aseeh Besaar - Indoneezhiyaa keessattin dhaladheen guddadhe. Indoneezhiyaan adunyaarratti ummata Musliimaa qabaachuun tokkoffaadha garuu araddaa Aseeh qofatu Shari'aan bula.

Ani guyyaatti si'a shanan nan kadhadha. Anaaf, Shari'aan qaama amantii keenyaati. Ani addabbii baayyee cimaa ta'etti nan amana: Kun yakkamtoonni akka hin jiraanne gochuudhaaf.

Ani uffata dheeraafi aguugguu mataan godhadha garuu fuula kiyya hin aguugu. Asitti dubartoonni muhi-gadee ykn mutaantaa gabaabduu hin godhatan.

Ani akka fedhakootti bilisaan socho'uu nan daanda'a. Yunivariitii keessatti, dhiironniifi dubartoonni daree barnootaa tokko keessatti baratu garuu addaa adda taa'u. Dhiirota waliin walitti dhufuurrattis dhorkaan hin jiru. Ani isaan waliin nan dubbadha garuu baay'ee miti.

Nasyiratuu erga badhaasa mo'atteen booda

Madda suuraa, Nasiryatu Dina

Hirriyyoonni kiyya gariin jaalala keessa jiru. Ijoolleen dhiiraafi dubraa gaa'ela hin ijaarratiin cimdii cimdiin waliin hin deeman ykn hawaasa keessatti haala mul'achuun jaalala waliin agarsiisuu hin anda'an.

Gaa'ela dura dubartoonni heduun qaamaan walitti hin siqan sababiin isaas amanti keenya keessatti dhorkaadha.

Ijoolleen dhiiraafi dubraa gareen waliin ta'uun ni deemu - bakkeewwan gabaa, mana nyaataafi bakkeewwan amantaatti waliin dabrsina. Galmawwan siniimaa hin qabnu asiiti. Ani TV irrattin fiilmii ilaala. Ani miidiyaa hawaasaarrattis dammaqinaanan hirmaadha. Muuziqaa waanan jaalladhuuf dorgommii sirbaa irratti hirmaadhee mo'adheeras.

Islaama keessatti, dhiirri tokko dubartoota afur fuudhuu ni danda'a. Ani garuu haadha warraa lamaffoo, sadeessoo ykn afraffaa ta'uu hin ta'u. Ani sana ta'uu hin anda'u. ubartiin kamiyyu abbaa warraa isheef ta'u argachuun ni malaaf.

Ani gaggeessituu biizinasii ta'uun barbaada. Amma oolmaa daa'immaniirratti hojjechuu jalqabeen jira.

Dubartoota Afgaanisaaniif baayyeen gadda. Dubartootaafi daa'imman Filisxeem, Afgaanistaan, Sooriyaa, Iraaniifi ummata Islaamaa hunda yeroo irribaa ka'an sagalee boombii osoo hin taane sagalee shimbirroo dhaga'uu isaanii lubbuun dheeradhee arguun abdadha.