Adabbiin ajjeechaaf qaama hir'isuu deebi'uuf jedhan qondaalli ol aanaa Taaliibaan

Madda suuraa, EPA
Hogganaan duraanii amantaa Taaliibaan adabbii cimaa akka ajjeechaa fi qaama hir'isuu Afgaanistaan keessatti deebi'uuf jedhan.
Mulla Nooruudiin Turaabii amma mana hidhaa hogganaa kan jiru APtti akka himetti adabbiin qaama hir'suu haaraan ''nageenyaaf barbaachisaadha'' jedhan.
Adabbiin akkasii kun akka Taaliibaan bara 1990 keessa gochaa ture sana uummata fuulduratti kan rawwatan miti.
Ajjeechaa uummata duratti dur raawwataa turan balaaleffatamaa turan ilaalchisee garuu ''seerri keenya maal akka tahuu qabu namuu nutti himuu hin qabu'' jedhan.
Hagayya 15 bara 2021 erga deebisanii aangoo qabatanii as bulchiinsa isa duraa irra fooyyee kan qabu akka diriirsu waadaa galee ture.
Haa tahu malee gamanumaan sarbamni mirga namoomaa hedduun biyyattii keessatti raawwachaa akka jiran gabaafamaa jira.
Kamisa darbe dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Human Raayit Waach Taaliibaan naannoo Heerat jedhamu keessaa '' dubartii maqaa guddaa qabdu barbaadaa jira, mirga dubartootni qe'ee isaaniin ala bahanii walabaan socho'uu dhorkuun, danbii uffannaa cimaa tahe kaa'e,'' jechuun akeekachise.
Akkasumas ji'a Adoolessaa keessa Aminestii Internaashinaal loltootni Taaliibaan ajjeechaa saba lakkoofsaan xiqqaa Hazara jedhaman keessaa namoota sagal irratti raawwate duuba jiru jechuun ibsa baase.
Barreessaa Ol aanaan Aminestii Agnes Kalamaardi, ''dhiiga dhangalaasuu'' akkasii, ''gochaa Taaliibaan suukaneessaa kana duraa kan nama yaadachiisuufi bulchiinsi Taaliibaan maal akka fidee dhufu agarsiisudha,'' jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Taaliibaan Kabul qabachuu guyyoota muraasa dura Abbaan seeraa Taaliibaan Baalki jiru, Haajii Badrudiin gaazexeesituu BBC Sekunder Kermaaniitti akka himanitti, hiika seera amantaa akka malee cimaa gareen Taaliiban hordofu akka deeggaran himan.
Seera Shaariyaa keessatti kun ifadha. Osoo hin fuudhiin yookaan hin heerumiin namni wal qunnamtii saalaa godhe uummata fuulduratti si'a 100 garafama/garafamti jedhan Haajii Badruddiin.
''Garuu namni gaa'ila dhaabbatee nama biraa waliin qunnamtii saalaa godhe/ goote dhagaadhaan tumamuun uummata fuulduratti ajjeefama/ ajjeefamti.
Namni hate ammoo yoo irratti mirkanaa'e harkatu irraa cita.''
Gareen kun seera cimaa isaanii kana hubachiisuun hawwaasa idil adunyaa waliin qunnamtii uumuu barbaadu.
Turaabiin 1990 keessa namoota muuziqaa amanataan ala dhaggeeffatanii fi areeda isaanii haaddatanii argaman irratti adabbii cimaan akka darbu dubbachuun beekama.
Ammas APtti akka himanitti adabbichi akkuma itti fufetti tahee garuu namootni televizhinii akka ilaalan, moobaayila qabachuu, suuraa ka'uu fi viidiyoo adda addaa ilaaluu ni eeyyama jedhan.
Turabiin gochaa isaa duriin namoota UN qoqobbii irrati buuse keessatti argama. Amma kaabineen Taaliibaan adabbiin darbu hundi uummata fuulduratti tahamoo ''imaammatni bahaaf'' kan jedhu irratti mari'achaa jiru.
Bara 1990 keessa ajjeechaan uummata fuulduratti istaadiyeemii Kabul keessatti gaggeeffamaa ture. Bakki kun bakka masjiidni Eid Gah itti argamudha.
Yeroo sana Turabiin ministera haqaa fi eegduu amantaa Taaliiabn tahuun tajaajilaa ture.
Taaliibaan kora UN Niw Yoorkitti gaggeeffamu irratti dubbachuuf gaaffii dhiyeessera. Ministerri Haajaa Alaa Jarman Taaliibaan waliin dubbachuun gaari tahus korri UN garuu bakka sirrii miti jedhan. Ameerikaan ammoo dhimma kana irratti murtee hin dabarsine.













