"Sababa beelaan hojii isaanii irraa kan hafan ogeessotni fayyaa jiru,'' hospitaala Ayider

Madda suuraa, MU
Naannoo Tigiraay magaalaa maqaleetti kan argamu hospitaala Riferaalaa Ayider guyyaatti reeffa namoota 4 hanga 6 akka gaggeessaa jiru BBCtti hime.
Sababa hanqina yaalaa fi qorichaan namoota du'an keessatti ogeessotni fayyaa akka argamanis beeksiseera.
Hospitaalichatti hogganaa tajaajila Narsii Teediroos Kaasaay waraanicha dura dhukkubsattoota naannoo Tigiraay, Amaaraa fi Affaarii dhaqaniif tajaajila yaalaa kennaa kan ture hospitaalli Ayider amma akka malee dadhabuu isaa himan.
Waraana kaana Itoophiyaa waggaa tokko oliif tureen kutaalee Itoophiyaa kaanii fi adunyaa irraa cittee kan jirtu Tigiraay, hanqina qorichaa, meeshaalee yaalaa fi deeggarsa namoomaaf akka saaxilamtu gochuu isaa gabaafamaa ture.
UN dabalatee dhaabbileen idil-adunyaa kaan waraanichi dhaabbatee deeggarsi namoomaa dhorkaa tokko malee uummataaf dhaqqabuu akka qabu irra dedeebiin gaafataa turan.
Torbanoota muraasa dura mootummaan federaalaa deeggarsa namoomaa karaa ariifataa taheen Tigiraay akka galuuf haala mijeessuuf jecha walitti bu'insicha dhaabuu beeksiseera.
Humnootni Tigiraay naannolee ollaa keessaa bakkeewwan humnaan qabatan gadhiisanii akka bahanii fi haleellaa kamiyyuu geesisuu akak hinq abne mootummaan federaalaa gaafateera.
Kana hordofee humnootni Tigiraay dhukaasa akka dhaabanii fi naannoo Affaar keessaa Errebtii gadhiisanii akka bahan himan.
Torban kana ammoo dubbii himaan Obbo Geetaachoo Raddaa fuula Tiwiiterii isaa irratti humnootni isaanii Affaar keessaa guutummaa guutuutti akka bahan deeggarsi itti fufinsa qabu, yeroo isaa eeggate,e fi gahaa tahe dhiyaachuu akka qabu himan.
Waliigaltee galame kanaanis dhiyeenya Sagantaa Nyaata Adunyaan nyaataa fi boba'aa kan fe'an konkolaattota 47 naannoo Tigiraay galuu isaanii ibsameera.
Ameerikaanis rakkoo Kaaba Itoophiyaatti mudate hiikuuf kan gargaaru deeggarsa maallaqaa doolaara miliyoona 313 akka goote beeksifteetti.
Hospitaala Ayideritti hogganaan kutaa Narsii Teediroos, waggoota arfan darban keessa meeshaalee wal'aansaa fi deeggarsi maallaqaa hospitaalichaaf kennamaa ture xiqqaa tahuu himuun, waggaa tokko darbe garuu hospitaalichi baajata tokko malee hojjechaa akka ture himan.
''Amma humna isaa %30 tahuunidha tajaajila kennaa kan jiru. Kuusaan qoricha keenyaa gara %10tti gadi bu'eera.
Deeggarsa Dhaabbata Fayyaa Adunyaa irraa argamuun gara %20tti ol guddatee ture. Garuu qorichi hospitaalichaaf kenname kan dhume torban lama keessattidha,'' jedhan.
Hogganaan kun qorichi deeggarsaan argames gosaan baay'ee xiqqaa tahuu himaniiru.Itti dabaluun dhukkuboota akka kaanserii, dhiibbaa dhiigaa fa'aaf kan oolu qorichi homtuu galuu dhabuu isaan torban tokkoof tajaajilli hosptaalichaa fooyya'e fakkaate deebi'ee kufuu himan.
Laabiraatooriif kan oolan qorichootnii fi akkasumas maashinoota kan sochoosu humni ibsaa bakka hin jirretti, dhukkubsattoota ciisanii yaalamaniif nyaata dhiyeessuun kan hin danda'amne keessatti hojjechuun ulfaataa akka tahe himan.
"Sababa beelaan waayillonni keenya hojiirraa hafan jiru
Hospitaalicha keessatti kutaa tajaajila Ariifachisaatti narsii kan tahe Gabireey Abbiyyuu, ''namootni yaaliif dhufanii osoo isaan ilaalluu yeroo lubbuun isaanii darbu arguun hedduu nama gaddisiisa,'' jedhe.
Hojjettootni hospitaalichaa qormaata kana hunda keessa tahuun hojjechaa akka jiran kan himu Gabirey, ''sababa beelaan hojii isaanii irraa kan hafan waayilootni keenya jiru,'' jedhe.
Haala ulfaataa keessadha kan jiruu, namootni deeggarsa ogummaa barbaacha dhufanii homaa gochuufii gaafa dadhabdu mana galtees boqonnaa hin qabdu.
Halkan raftee gara sammuukeetti kan dhufu waan baay'eetu jira. Ijoolleen dhufanii ORS fayyadamtee ykn waan xinnoo biraan lubbuu isaanii oolchuu osoo dandeessuu, kana dhabuudhaan gaafa du'aan dhabdu baay'ee ulfaata.harkakee dachaafateetti kan dhaabbattee isaan ilaaltu. Waan laphee kee cabsu malee sitti tolee hojii hojjettu miti,'' jechuun rakkoo hosptaalicha keessaa hime.
Tajaajilli geejibaa dhibuu isaa irraa kan ka'e ji'oota 11 tahaniif miindaan osoo isaaniif hin kaffalamiin miilaan gara sa'a lamaa deemuun kan hojjetan akka jiranis himaniiru.
"Ogeessotni fayyaa yaala fayyaa dhabuun lubbuun isaanii darbeera''
Teediroos akka jedhutti sababa hanqina qorichaa fi yaalaan dhukkubsattoota kaan qofa osoo hin taane lubbuun ogeessota fayyaas darbaa jira.
''Torban lama darbe kanatti narsootni lama du'aniiru. Garuu qoricha argachuu hin daneenye. Narsiin isheen tokko MRI hojjechuu waan dideef dhukkuba isheelle baruu hin dandeenye.
Tokko ammoo qorichi fudhachuu qabu as waan hin jireef du'e. Amma guyyaatti hospitaala kanaa reeffa afurii hanga jahaa tahu gaggeesina. Kna dura garuu lamaa hanga sadiitti reeffa tokko caalaa hin gaggesinu ture.''
Ogeesotni fayyaa hanqina yaalaan lubbuun isaanii darbe irra caalaan isaanii dhukkuboota fayyuu danda'aniin kan qabamanidha jedhan.
Hanqinni maallaqa callaan naannoo Tigiraay waan jiruuf dhukkubsattoota irraa kan gaafatamu baay'ee gadi bu'aadha[ %90 kan gadi bu'edha'.
Nyaatni dhukkubsattootaafi hojjettotaaf dhiyaatu guyyoota 10'f waan addaan citeef dhukkubsattootni gara 240 tahan gara mana isaaniitti akka gaggeeffamanis himaniiru.
UN Kaaba Itoophiyaatti uummatni gara miliyona 10tti siqu deeggarsa namoomaa kan barbaadu tahuu himuun kana keessaa walakkaa kan tahan naannoo Tigiraay keessatti akka argaman himeera.













