Dr Tedros Adihaanom: Xiyyeeffannaan addaa Yukireeniif kenname addunyaan uummata adiif looguu mul'isa

Madda suuraa, EPA
Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedroos Adihaanoom addunyaan rakkoo namoomaa uummata addunyaa gurraachaa fi adii mudataa jiruuf xiyyeeffannoo walqixaa kennaa hin jirtu jedhan.
Deeggarsi namoomaa iddoowwan addunyaa biroo rakkoo keessa jiraniif taasifamaa jiru copha kan Yukireenillee hin gayu jedhan qondaalli WHO kun.
Yukireen deeggaruun baayyee barbaachisaa fi bu'a qabeessa, sababni isaa dhiibbaansaa addunyaa miidha waan ta'eef jedhan.
Haata'u malee Itoophiyaa keessaa naannoon Tigraay, Yaman, Siiriyaa yookiin Afgaanistaan akka Yukireen xiyyeeffannoo argataa hin jiran.
''Addunyaan uummata adii fi gurraachaaf xiyyeeffannoo walqixaa kennaa jiraachuunshee naaf hin galu,'' jedhan Dr Teedroos.
"Dhugaa fi haqaanin dubbadha, addunyaan dhala namaa bifa hundaan walqixa ilaalaa hin jirtu. Kaan isa kaanirra akkaan caalchisuun mul'ataara. Wayitan kana jedhu anaan na dhukkubsa. Narra ga'ee waanan argeef. Amanuun nama rakkisa garuu ta'aa jira,'' jedhan.
Dhalataa Tigraay kan ta'an Dr Teedroos, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii deeggarsi lubbuu lammiilee baraaruuf oolu guyyaatti konkolaattota fe'umsaa 100 ta'u gara Tigraay akka seenu murteessus, garuu deeggarsi taasifamaa jiru baayyee muraasa jedhan.
Qoollifannaan TPLF- kan waggoota kurna saditti siquuf Itoophiyaa bulchaa ture fi mootummaa federaalaa gidduutti hamaate waraana kaaba biyyattii Sadaasa 2020 eegaleef sababa ijoodha.
Waraana kanaan kumaatamni lubbuu dhabaniiru, miiliyoonaan kan lakkaa'aman rakkatanii harka namaa eeggatu, mootummaan gargaarsa namoomaatti gufuu ta'uun himatama.
Waraana kana keessatti qaamoleen hirmaatan hundinuu yakka ajjeechaa fi miidhaa saalaa hedduu raawwataniiru jedhamanii himatamaa jiru.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) rakkoon Yaman addunyaarratti isa hammaataadha jedhe.
Afgaanistaan keessatti ammoo namooni miiliyoona 24 deeggarsa namoomaa barbaadu jedhe.
Waggaa 11f waraana waliinii keessa kan jirtu Siiriyaan namoota miiliyoona walakkaa ta'an du'aan dhabdeetti, miiliyoonaan kan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'aniiru.
Raashiyaan ammoo guyyoota 50 dura Yukireen weerarte.
Abbootiin seeraa yakka magaalaa Buchaatti raawwatame daawwatan Yukireen iddoo yakki waraanaa itti raawwateedha jedhan.
Pireezdant Joo Baayidan ammoo Raashiyaan yakka duguuggaa sanyii ''genocide'' raawwatteetti jechuun himatan.
















