Waraana Yuukireen: Baayidan Puutiin Yuukireen keessatti 'duguuggaa sanyii' raawwate jechuun himatan

Ibsa waa'ee viidiyoo, Weerarri Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte 'duguuggaa sanyiiti' - Baayidan

Pireezidantiin US Joo Baayidan, Puutiin Yuukireen keessatti 'duguuggaa sanyii' raawwate jechuun himatan.

Puutiin eenyummaa Yuukireenummaa "yaada isaa dhabamsiisuuf" yaalaa jira jedhan Aab Baayidan.

Amma dura Puutiin 'yakka waraanaa' raawwachuun himatanii kan turan Baayidan, jecha 'duguuggaa sanyii' jedhu hin fayyadamne ture.

Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Makiroon haasawa Joo Baayidan booda TV Fireench irratti yoo dubbatan, jecha 'duguuggaa sanyii' jedhu akka hin fayyadamne himuun, dubbii hammeessuu akka hin taane akeekkachiisan.

"Uummanni kun lamaan obbolaa waan ta'aniif, har'a jecha akkanaa fayyadamuuf of-eeggannoo ni barbaachisa" jedhan Aab Makiroon.

"Hagan danda'u waraana kana dhaabuufi nagaa deebisuuf hojjechuu itti fufuun barbaada. Jechootaan dubbii hammeessuun sanaaf waan fayyadu hin se'u."

Aab Baayidan garuu gochi 'duguuggaa sanyii' loltoota Raashiyaan raawwatamuu ragaaleen agarsiisan heddummaataa jiru jedhan.

"Wantoota suukanneessaa loltoonni Raashiyaa Yuukireen keessatti raawwatan ragaan hedduun bahaa jira," jedhan Baayidan.

"Sadarkaa idil-addunyaatti gocha duguuggaa sanyii jedhamu kan madaalu ta'uufi ta'uu dhabuu ogeeyyiin seeraa haa murteessan, anaaf garuu akkas natti fakkaata" jedhan.

Amma dura Raashiyaan duguuggaa sanyii fi yakka namooma irratti raawwatamuun himataa kan ture pireezidantiin Yuukireen Voloodimiir Zeleniiskiin, jechootni Baayidan "jechoota dhugaa hogganaa dhugaan dubbataman" jedhe.

"Wantoota maqaa isaaniitiin waamuun badii dura dhaabbachuuf barbaachisaadha" jechuun Zeleniiskiin tiwiitarii irratti barreesse.

Waayita Haawus haasawa Joo Baayidan intarneetii gubbaatti maxxansee jira.

Ji'a darbe haasawa Poolaanditti taasisaniin "Rabbii jedhaatii, namni kun aangoorra turuu hin qabu" jechuun kan Bayidan dubbatan, Waayit Haawus hatattamaan ibsa irratti kennee ture.

Ameerikaan Puutiin aangoorraa buusuu yaada hin qabdu jedhe Waayit Haawus ibsa kenneen.

Duguuggaan sanyi yakka isa hamaa dhala namaa irratti raawwatamu yoo ta'u, seera idil-addunyaan garee uummataa tokko walitti qabuun balleessuu ykn dhabamsiisuu hiikkoon jedhu kennameefi jira.

Raashiyaan Yuukireen keessatti yakka kana raawwachuu waliigalteen seeraa jiraachuu baatus Ministirri Muummee Poolaand ajjeechaa loltoonni Raashiyaa magaalaa Bukaa keessatti raawwatan 'gocha duguuggaa sanyiiti' jechuun ibsanii turan.

Torbee darbe Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan haleellaan Raashiyaa kun "duguuggaa sanyiirraa fagoo hin jiran" jedhanii ture.