Yakki waraanaa maali? Eenyutu qaama balleesse himata?

Madda suuraa, Reuters
Wayita Hogganaan waraana Boosiniyaa Raatikoo Maaldiich yakka waraanaatiin shakkamuun to'atamee mana murtii yakkaa idil-addunyaa (ICC) kan Neezarlaandi Ze Heegiitti argamuutti geeffametti baay'ee gaaffii kaasanii ture.
Gaaffichis yakka waraanaa jechuun maal jechuudhaa? kan jedhu ture.
Ofii yakki waraanaa yakkawwan kaan irraa maaliin adda ta'aa? Eenyuutuu himannaa bana?
Waldaan fannoo Diinaa Adduunyaa ammoo ''Waraannis seera qaba'' jedha.
Namoota nagaa saaxilamtoota waraanaa taasisuun haalawwan yakki waraanaa ittiin ibsamu keessaa tokko.
Yakki waraanaa yaad-rimee yeroo dhihooti. Waraana Addunyaa lammaaffaan dura yakkoonni tibba waraanaatti namoota nagaa irratti raawwataman qaama waraanichaati jedhamuun yaadamu ture.
Haata'u malee, Waraana Addunyaa lammaaffaa booda haalonni geedaraman.
Waraana kanaan namoonni nagaa hedduun, keessattuu Ayihudoonni Naazii Jarmaniin yoo ajjeefaman, Jaapaanoonni ammoo osoo nama nagaa adda hin baafne yoo namoota ajjeesan, yakka walfakkaataa kan raawwate ni adabama jechuun warri lixaa murtee dabarsan.
Bara 1945tti hoggantoonni Naazii 12 seera kana cabsan jedhaman du'aan adabamaniiru.
Tookiyoonis bara 1948 irraa kaasuun seera kana hojiirra oolchite. Hoggantoonni waraanaa Jaappaan torba yakka waraanaa raawwataniiru jedhamuun du'aan adabamaniiru.
Yeroo ammaa kanattis dhimmoota kanneen kan ilaalu Mana murtii Neezarlaandi - Ze Heegiitti argamuudha.
Haata'u malee motummoonni namoonni yakka waraanaa raawwatan hin adabamnee jedhanis yoo tarkaanfii mataasaanii fudhatan mul'atu.
Fakkeenyaa beekamaa tokkoo kaasuu dandeenya.
Bara 1960 keessaa miseensi Naazii Adoolf Ikimaan jedhamu tokkoo bara Holokostiitti yakka raawwateera jedhamuun motummaa Israa'eeliin himatamee ture.
Haata'u malee namtichi maatii isaa waliin Arjantiinaa keessa jiraataa ture.
Kanaafu basaastoonni Israa'eel namtichi yakka jedhame raawwachuun nagaan jiraachunsaa hin fudhatamneefis, ergama addaa qabachuun gara Boonas Ayiras imalan.
Booda namticha butuun fuulasaa huccuun erga haguuganiin booda fudhatanii miliqan.
Ikimaan erga gara Israa'eeliitti geeffameen booda yakka waraanaa raawwattee jirta jedhamuun erga balleessaan irratti argameen booda fanniifamee akka ajjeefamuuf ta'eera.
Jidduugalli yaada yakka waraanaa kanaatis, biyyi tokkoo ykn waraanni isaa yakka raawwateef namni tokko ittigaafatamaa ta'u danda'a kan jedhudha.
Yakkawwan akka duguuggaa sanyii, yakka namoomaa irratti raawwatamu, yakka tibba waraanaatti namoota nagaa ykn loltoota irratti raawwatamu hundi yakka waraanaa keessatti hammatamu.
Duguggaan sanyii ammoo yakka waraanaa isa olaanaa jedhamee fudhatama.
Ajjeechaa seeraan-alaa
Seerri kunis ajjeechaan seera qabeessaa jiraa kan jedhu kaasuu danda'a.
Ajjeechaan seeraan alaa ykn ajjeechaan itti yaadamee raawwatamu (Wilful Killing) jedhu kunis, waliigaltee Jeenvi waliin hidhata kan qabuudha.
Waliigalteen Jeeneev arfaffaa boqonnaa 147 yakka waraanaa akkasiin hiika:
''Ajjeechaa seeraan-alaa, dararuu ykn qabiinsa namoomaa hin taane jechuunis qaama ykn fayyaa irratti miidhaa qaqabsiisuu, namoota eegumsa qaban fedhiisaaniin ala qabanii daangaadhaa gara daangaatti ceesisuu, booji'amtoonni akka waraanan taasisuu, mirgasaanii sarbuu ykn haqa-dhorkuu, namoota danquu, qabeenyaa barbadeessuufi fudhachuu...''
Abookaatoowwan idil-addunyaa akka jedhaniitti kun ibsa yakka waraanaati.
Yakki duguggaa sanyii maalidha?
Manni Murtii Yakkaa Idil-Addunyaa (ICC)n duguggaa sanyii ''Yakka itti yaadamuun waliigala ykn qaama biyyaa, sabaa, sanyii ykn amantaa balleessuuf raawwatamudha,'' jedha.
Seerri duguggaa sanyii ilaallatuus yeroodhaa gara yerootti jijjiramaafi fooyya'aa dhufeera.
Bara 2001 keessa manni muritii Heegiitti argamu, dirqiin gudeeduu qindaa'aa fi garbooffannaan saalquunnamtii yeroo waraanaa raawwatamu yakkawwan namoomaa irratti raawwatamaniidha jechuun murtesseera.
Yaada murtoo kanaan booda, jumlaan gudeeduun ykn akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamuun, yakka waraanaa olaanaa duguggaa sanyiitti aanee jiru jedhameera.
Yakka waraanaa attamiin adda baasuun danda'ama?
Adeemsi yakka waraanaa adda baasuu waan salphaa miti.
Namoonni nagaa waraana dinaatiin yoo bakka jiraatan irraa buqqaafaman yakki waraanaa raawwatameera jechuun baay'ee ulfaataadha.
Gochaan kun yakka waraanaa kan ta'u yoo namoonni nagaan itti yaadamuun akka duula sanyii dhabamsiisuutti akka buqqa'an yoo taasifamedha.
Fakkeenyaaf, humni qilleensaa tokko qaama biraa hololaaf itti fayyadama jedhamee yaaduun buufata TV tokko osoo haleele akka yakka waraanaatti hin lakkaa'amu.
Daandii barbadeessuu, riqicha diiguu, dhiyeessii annisaa, warshaalee fi bu'uuraaleen misoomaa biraa yoo barbadaa'an akka yakka waraanaatti lakkaa'amu dhiisuu danda'a.
Haata'u malee badiin kun bu'aa tarsiimoo waraanaa ta'usaatiin oliitti namoota nagaa irraan balaa kan qaqqabsiisu yoo ta'e akka yakka waraanaatti lakkaa'amu danda'a.
Dhaddacha idil-addunyaa
Dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa, yakki waraanaafi yakki namoomaa irratti raawwataman adeemsa walfakkaataa akka qabaatuuf gaafachuu erga eegalanii bubbulaniiru.
Bara 1993tti dhimmoota Gamtaa Sooviyeet ilaallachisuun dhufan akka ilaaluuf dhaddachi idil-addunyaa hundeeffameera.
Itti dabaluunis bara 1994tti badiiwwan Ruwaandaatti raawwataman ilaaluuf dhaddachi hundeeffamee jira.
Dhaddachi yakka ilaalchisuun hundeeffame kan biraa ammoo himannaa pirezidaantii Laayibeeriyaa duraanii Chaarlis Teeyilar ilaaluuf ture.
Adooleessa 2008 keessa Suriinaam biyya 107ffaa mana murtii yakkamtootaa waraana idil-addunyaa (ICC)tti makamte taate jirti.
Ameerikaan garuu waliigaltee idil-addunyaa kana hin mallatteessine. Sababiin dhiyeessitees manni murtichaa meeshaa siyaasaa ta'u danda'a kan jedhu ture.
Akkasumas Raashiyaafi Chaayinaanis itti makamu didaniiru. Hedduunis manni murtii kun siyaasa irraa bilisaa laata? gaaffii jedhu kaasu.
Manni murtichaa walaba kan ta'u yoo biyyoonni hundi balleessaa raawwataniif haala wal qixa ta'een kan itti gaafataman ta'e qofaadha jedhu.














