Ajjeechaa Yuukireen Buchaatti raawwate irratti dhugummaan deebii Raashiyaa wayita sakatta'amu

Madda suuraa, Getty Images
Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Guteerez, ''suuraa lammiilee nagaa Buchaa Yukireenitti ajjeefaman,'' irratti qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gaafatan.
Hubachiisa: Odeessi kun suuraalee namoota garii miira jeequu malu of keessaa qaba.
Waraanni Raashiyaa bakka magaalaa Kiiv qarqaratti argamu keessaa gadhiisanii yoo bahan, viidiyoowwan reeffa namootaa daandii gubbaa ciciisanii mul'achuu eegale. Miidiyaaleen achitti argamanis, reeffa arguu gabaasan.
Yukireen ''ajjeechaa jumlaa raawwatte'' jechuun Raashiyaa himatti - Raashiyaan gamasheetiin erga waraannishee naannicha gadhiisan booda taatee ''fakkeeffamee tolfamedha,'' jette. Viidiyoowwan achii bahan irrattis himannaa hin mirkanoofne hedduu baaste.
Waanta jedhame: 'Reeffa sobaan fakkeeffaman'
Raashiyaan bakkicha gadhiistee bahuu hordofee, viidiyoon konkolaataa keessaan waraabame, daandii cinaa gama lamaaniinuu reeffi ni mul'ata.
Embaasiin Raashiyaa, Kaanaadaatti argamu viidiyicha twiit gochuun, barreeffama: ''viidiyoon fakkeeffame kun reeffa sobaa magaalaa Buchaa, Kiyiv cinatti argamtu keessa agarsiisa,'' jedhu wajjin maxxanse.
Haatahu malee suuraan saataliyitii Buchaatti Bitootessa 19 kaafame, daandii maddiitti reeffa namootaa ciciisan mul'isa. Guyyaan kunis loltoonni Raashiyaa bakkicha dhiisanii bahuusaanii torban lama duradha.

Madda suuraa, BBC/Maxar
Suuraaleen jalqaba New York Times gabaasee fi boodarras BBCn mirkaneesse, reeffa namootaa bakkuma duraan turanitti mul'isa. Viidiyoo kana Raashiyaan sobadha ittin jetteetti.
Miidiyaaleen Raashiyaa deeggaran, viidiyoo ba'e kana saffisa isaa haalaan gadi butuun erga qoodanii booda, reeffi tokko wayita socho'u ni mul'ata jedhu.
Viidiyichi qulqullinisaa gadaanaa tahus, xiinxala irratti gaggeeffameen - harka socho'udha wanti jedhame, mallattoo daawwitii konkolaatichaa irra jiru tahuun barameera.
Mallattoo daawwitiirraa kana geengoo irra keenyeerra - copha bishaanii yookaan huuba wayii fakkaata.
Kanneen Raashiyaatti hidhata qaban wanti jedhan biraan viidiyoodhuma kanarratti kan xiyyeeffatudha. Konkolaataan kun reeffa daandii gubbaa ciise bira dabra.
Akkuma konkolaatichi bira dabru, reeffi nama tokko daawwitii isa duubatti agarsiisu keessaan yeroo gabaabaaf mul'ata. Kanneen Raashiyaa deeggaran reeffi ''ka'ee taa'e,'' jedhan.
Haatahu malee viidiyoo kana saffisa isaa gadi qabanii wayita ilaalan, suuraan daawwitii keessaa babbadee (distort) mul'ata - reeffa qofa otoo hin taane, manneen illee haalli isaanii jijjiiramee argama.

Madda suuraa, Ukraine Defence Ministry
Viidiyoowwan daawwitii konkolaataa cinaatti argamu keessatti waanti walfakkaataa ni mul'ata.
BBCn reeffa namootaa viidiyoo Ebla 2 maxxanfame kanaafi suuraalee qulqulina gaarii qaban - Getty Images fi AFPn Ebla 3 kaasan wajjiin walbira qabuun, kan walafakkaatu tahuu mirkaneesseera.

Madda suuraa, BBC/Getty
Viidiyoo keessatti reeffi namaa kun daandii cinaa dugdasaan ciisee mul'ata - bakki isaas sarara daandii ijoofi lafoo deemtotaa adda baasuufi haalluu adiifi keelloo tahe cinaadha.
Akkasumas daandiin namni irra deemu gariin asfaaltiifi gariin ammoo marga qaba. Kana malees konkolaataan bifa meetii qabdu tokko balballi gama duubaan jiru (boot) banamee mul'ata.
Konkolaataan, sararri daandii addaan baasu, daandii lafoo, fi dallaan walfakkaatu suuraa Getty/AFP irraas ni mul'ata.

Madda suuraa, BBC/Getty
Reeffi lammessoo ammoo jaakettii gurraacha uffatee jira, waan akka baandeejii dhiigaan laaqame harka migaarra keeyyateera.
Namni kun cinaa isaatiin daandii lafoo diimaafi keelloo dubame maddii ciisa, dallaan caccabes ni mul'ata.
Wanti eeraman kun hundi suuraa qulqullina qabuun Getty/AFP irraa dhiyaate wajjiin walsimu.
Gabaasa: Jake Horton, Shayan Sardarizadeh, Rachel Schraer, Olga Robinson, Alistair Coleman fi Daniele Palumbo.
Viidiyoo kan midhaassan: Sarah Glatte fi Jacqueline Galvin.
















