Waraana Yukireen: Putiin gorsitootasaa isa sodaataniin dogongorfame- US

Putiin

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, US fi UKn Putiin gorsitoota isaatiin dogongorfame jedhan

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gorsitoonni isaa baayyee waan isa sodaataniif dhugaa adda waraanaa Yukireeniitti ta'aa jiruu akka itti hin himne US himte.

Haaluma walfakkaatunis tikni Biritish, waraanni Raashiyaa Yukireen keessaa diigameera, hanqinni meeshaas mudateera akkasumas ajajalleen fudhachquu didaa jira jedhe.

Kana malees qoqobbiiwwan kaa'aman hangam diinagdee Raashiyaa irratti dhiibbaa taasisaa akka jiruu Putiinitti hin himamne jedha Waayit Hawuus.

Haata'u malee yaada kanarratti Raashiyaan hanga yoonaa deebii hin kennine.

Dubbii Himtuun Waayit Hawuus Kaatee Beedingfiild, Ameerikaan ''waraanaa Raashiyaatiin dogongorfamaa jiraachuu'' Putiinitti himtee jirti. Kun garuu ''Putiiniifi hoggantoota waraanaa isaa jidduutti muddama kaase'' jette.

Dubbii himaan Peentaagon Joon Kirbii xinxala kanaan ''odeeffannoo dogongorsaati'' jedhan, sababii Putiin yaaliiwwan karaa marii nagaatiin waraanicha dhaabuuf taasifamu irratti ''amanamaa ta'uu dhiisuu danda'a,'' jedhan.

''Dhimmi gara biraa ammoo, hoggantoonni oduu badaa wayita dhagahaniitti deebii attamii kennuu akka danda'an hin beektu,'' jedhan.

Nama Irpiin keessaa baafaman Bitooteessa 30, 2022

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Irpiin bakka Yukireenoonni Raashaa baafneera jedhan keessaa namoonni baasuun itti fufeera

Humnoonni Yukireen eddoowwan muraasaa harka Raashiyaatii deebiisanii to'achuuf yaalii taasisaa jiru.

Jeeremii Fileeming hogganaan Ejjansii Tika saayibarii UK- GCHQ, sochiin kunis Raashiyaa ''garmalee haalicha dogongoraan tilmaamuu'' kan agarsiisuufi ''deebiisanii qabachuuf dirqisiifamaa'' jirti jedhan.

Mr Fileming haasaa Kamisa kaleessaa Awustiraaliyaatti taasisaniin, loltoonni Raashiyaa marfamanii jiraniis meeshaa isaanii beekaa barbadeessuufi dogongoraan xiyyaara ofiisaanii rukutanii kufiisaniiru jedhan.

Akkasumas Chaayinaanii weerara Raashiyaan Yukireen irratti taasifteen wal qabatee ''michuu dhiyoo akka hintaaneef'' akeekkachisaniiru. Haalli akkasuu kunis feedhiiwwan Beejiingii kan yeroo dheeraatiif bu'aa hin qabaatu jedhan.

Karaa lafootiin ammoo Raashiyaan humnootii ishee karaa Kiiyiiviin haleellaa banuuf qophii taasisaa jiraachu US fi Yukireen himaniiru.

Taateewwan gara biraatiin ammoo:

  • Pirezidaantiin Yukireen Volodamiir Zelenskiin yeroodhaa waraanaa nan xiqqeessa jechuu shakkuun, naannoo baha Donbaas keessatti ''haleellaa haaraan'' ajjeechaa raawwataa jiru jedhan. ''Eenyuunuu hin amannu. Jecha bareedaa takkayyuu hin amannu,'' jedhe.
  • Ministeerri Raayyaa Ittisaa Raashiyaa ammoo Kamisa kaleessaa namoonni akka bahan gochuuf magaalaa marfamtee Maarupool keessatti dhukaasa dhaabuu guyyaa tokkoo akka ta'u dhiyeessan. Kunis kan himame erga Putiin haleellaan akka dhaabbatuuf Maaruupol harka kennachu qabdi jedhaniin booda.
  • Qondaalli waraanaa US akka jedhaniitti, loltoonni Raashiyaa muraasni naanawa Cheernoobiil - bakka dhaabbanni nikulaaraa duraanii kan balaan nikulaara addunyaa cimaan bara 1986 itti mudatee keessaa bahuun gara biyya ollaa Beeraaluusiitti qajeelaa jiru jedhe. ''Waan gadhiisaa jiran fakkaata. Hundiisaanii deemuu isiniitti himu hin danda'u,'' jedhan qondaalli kun.
  • Hanga ammaattii lammiilee Yukireen miiliyoona afur ta'an biyyaa baqataniiru. Kunis harka tokko afurii baayyina ummata biyyatiiti.
map

Mariin nagaa Raashiyaa fi Yukireen jidduutti irra deebiin karaa viidiyootiin gaggeeffamu boru Jimaata Ebla 1, 2022 akka eegamu, gama Yukireeniin kan mari'atan Deeviid Araakhaamiyaan himan.

Rooyitarsi Mr Araakhaamiyaa caqasuun akka gabaaseetti, marii hanga'oota lamaanii Yukireen dhiyeessite turte garuu Raashiyaan ni didde. Wixiinee waliigaltee irrattis hojiin dabalaa akka barbaachisu himan.

Mr Zelensikiin mariichaan ''haasaa qofaa, wanni qabatamaan omaa kan hinqabne,'' jechuun xinxala Raashiyaa gadi qicuun dubbatan.

Bakka bu'oonni Moosikoo fi Keeyiiv irraa guyyaa Kibxataa marii sa'aatii sadii Istaambuul keessatti gaggeessanii ture. Yukireenis nageenyi yoo kan bu'u ta'ee michummaa biyyoota kamu irraa walaba ta'uun turuuf yaada dhiyeessitee turte.

line

Odeeffannoowwan wal fakkaataa: