Zeleniiskiin 'michooma waraanaarraa walabaa' ta'uu Yuukireen irratti mari'achuuf qophiidha jedhan

Madda suuraa, EPA
Pireezidantiin Yuukireen Voloodimiir Zeleniiskiin mootummaan isaanii haal-duree Raashiyaan Yuukireen 'michooma waraanaarraa walabaa' ta'uu ilaalchisee dhiyeessiterratti mari'achuuf qophii ta'uu himan.
Yaadni kun amma durallee dubbatamaa ture garuu Zeleniiskiin ifatti jabeessanii dubbatanii hin beekan.
Dubbiin kun mariin nagaa buusuu biyyoota lamaan jidduutti eegalame torbee kana Tarkiitti itti fufa jedhamee wayita eegamu dhagaahame.
"Wabii nageenyaa fi michoomarraa walaba ta'uu, biyyi keenya biyya niwukileera hin hidhanne ta'uu, irratti mari'achuuf qophiidha. Kun qabxii barbaachisaadha," jedhan Aab Zeleniiskiin af-gaaffii gaazexeessaa walabaa Raashiyaa waliin taasise irratti.
Haata'u malee waliigalteewwan akkanaa kamiyyuu riifarandamii ykn kallattiin sagalee uummataatiin murtaa'a jedhan.
Raashiyaan Yuukireen biyya kam waliinuu michooma waraanaa akka hin qabaanne feeti.
Waliigalteerra kan gaahamu yoo ta'e marii kallattiin pireezidantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin waliin godhamuun ta'uu qaba, ammoo Yuukireen irratti haleellaan akka hin raawwatamne wabiin argamuu qaba jedhan Zeleniiskiin.
Af-gaaffii daqiiqaa 90 dheeratu afaan Raashiyaan taasifame kanarratti weerarri Raashiyaa magaalota Yuukireen afaan Raashiyaa dubbatan osoo hin hafiin mancaaseera jedhan.
Yuukireen osoo hin turiin Raashiyaa waliin nagaa buusuu feeti jedhan.
Vilaadimiir Puutiin yeroo dheeraaf Yuukireen 'biyya michooma waranaarraa walabaa' akka taatu gaafataa ture. Dabalataan miseensa Nato akka hin taanellee fedha.
Yuukireen bara 1991 wayita Sooviyeet Yuuniyen jigdu biyya walabaa taatee jaaramte. Ergasii Raashiyaa caalaa warra biyyoota Lixaatti michoomuu feeti.
Miseensa Gamtaa Awurooppaa akkasumas kan Nato (garee michooma waraanaa biyyoota 30 of keessaa qabu) ta'uufillee tattaafataa turte. Kun ammoo Raashiyaa akka malee yaaddesse.
Vilaadimiir Puutiin Yuukireen matumti ishiituu qaama Raashiyaati amantaa jedhu qabu. Kanaafis bara 2014 qaama Yuukireen kan turte Kiriimiyaa weeraruun qabatan.
Ammas naannolee Baha Yuukireen lamaaf beekamtii walabummaa kan kennan yoo ta'u Raashiyaatti akka makamanis fedha qabu.
Haata'u malee gorsaan pireezidantii Yuukireen Aleeksaandar Roodiniyaaniiskii "daangaa kamiyyuu hin kenninu, dhimma birmadummaa daangaa biyya keenyaa irrattis mari'achuuf qophii miti" jechuun BBC'tti himan.

Gabaasaan dippiloomaasii BBC Pool Adams akka jedhutti Yuukireen 'biyya michooma waraanaarra walabaa' akka taat yaadni jedhu waan haaraa miti.
Yuukireen miseensa Nato ta'uuf akka deemtu heera biyyattii irratti bara 2019 kan barraa'e yoo ta'u, san haquuf riifarandamii ykn murtee uummataa gaafata.
Uummati Yuukireen hedduun miseensummaa Nato waan deeggaraniif fedhii Raashiyaa fudhachuun itti hadhaawuu mala.
Amma gaaffiin jabduun Yuukireen miseensa Nato erga hin taanee, michooma waranaarraas walaba akka taatu erga gaafatame haleellaan biroo akka irratti hin raawwatamne wabiin nageenyaa ishiin qabdu maali kan jedhudha jedha Pool.
Yuukireen yoo Raashiyaan haleellaa irratti bante, biyyoonni kaan irra goranii loluu akka danda'an wabii feeti.
Kun ammoo haal-duree 'michooma waraanaarraa walabaa' Raashiyaan jettu faallessuu danda'a. Kanaaf biyyooti lamaan salphaatti dhimma kanarratti waliif galuun ulfaataa ta'a jedha Pool Adams.














