Maqalee hanga Yuukireen: Shamarree waraana dheessitee, waraanatti baate

Lammiilee biyya ormaa Yukireenii bahan

Madda suuraa, Getty Images

"Lafoo, miila keenyaan kiiloomeetira 30 imalleerra, daangaa irratti sa’atii 14f dhaabanneerra. Qawween akka akaayii yeroo xaaxa’u dhageenyeerra, xiyyaaronni waraanaa fooricaa nu bira yeroo darban argineerra. Jibbi sanyummaa ija nutti babaasee argineerra."

Kuni seenaa Tigist (maqaan ishee nageenyasheef jecha kan jijjiirame) dha.

Tigist waraana addunyaan keenya waggoota lamaan darban keessatti keessummeessite argiteetti. Tigraay fi Yuukireenitti.

Tigisti gara Yuukireen kan deemte baatii shaniin dura ture. Viizaa barnootaan Kiyiiv haa galtuyyuu malee Yuukireeniin akka riqichaatti fayyadamuu ture kaayyoonshee.

Haatahu malee xiqqoo otoo hin turiin Raashiyaan Yuukireen akka weerartu dhaadachuu jalqabde.

"Ani yeroon achi gale oduun weeraraa kuni dhagahama ture. Warri Yuukireen garuu homaa itti hin fakkaatu. Iddoo Kiriimiyaa jedhamu darbee darbee waraanni ijaa jiruuf kuni waanuma barame dha,’’ jetti Tigist.

Finfinnee

Tigits gara Yuukireen deemuun dura Finfinnee jiraatti ture. "Hojii galii dhaabbataa hin taane qabu dalaguunin of bulcha ture," jetti.

Maatiinshee magaalaa Maqalee jiraatu.

Haatahu malee Tigraayitti waraanni erga jalqabeen booda akka durii maatiishee dhaqxee arguufi bilbilaan dubbisuuyyuu hin dandeenye.

"Finfinnee hiriyaa koo tokko waliin mana nyaataa xiqqoo tokko bannee hojjenna ture. Haatahu malee warri mana nuu kireessan Afaan Tigree gatii dubbattaniif dubbii natti fiddu jechuun yaadda’uu jalqaban. Yeroos hojii keenya addaan kutuuf murteessine.

Humnooti mootummaa Maqalee to’atanii waan nagaa fakkaatu yeroo bu’udha kanan sagalee maatii koo dhagahe" jetti.

1px transparent line

Odeessaalee biroo waa'ee Yuukireen:

1px transparent line

Maqalee

Baatii Caamsaa keessa oduu gaddaa dhageessee, du’a obboleettiishee quxisuuf gara Maqalee deemte.

"Gara Maqalee yeroon deebi’u haalli baay'ee jijjiiramee ture. Akka carraa tahee itti gaafatamaan bulchiinsa ce’umsaa naannichaa Dr Abirahaam xiyyaara ani keessa ture keessa gatii turaniif eegumsa guddaatu ture. Maqalee keessa callisa guddaatu ture, nama sodaachisa ture," jetti.

Tigist achi geessee abbaa ishee lubbuun argachuutti gammachuu guddaa qabdi ture.

Taaziyaa obboleettiishee geessee firoottanshee dubbistee gara Finfinneetti deebite. Torbansaatti humnooti Tigraay deebisanii Maqalee to’atan.

Irra deebiin karaan cufamee, tajaajilli bilbilaas addaan cite.

Finfinneetti deebi’uun booda gara biyya alaa deemuuf karaa barbaaduu jalqabde. Yeroos yaadni Yuukireen deemuu kan dhufe.

Tigist gara Yuukireen deemuu kanin murteesse "adeemsi isaa salphaadha odeeffannoo jedhu gatiin argadheefi" jetti.

"Ani akka carraa bakka bu’aa(ejantii) maleen iyyata galfadhe. Hamma karaa warra ejantii deemaniiyyuu baasii baay'ee hin baasne. Jalqaba naan taane ture. Marsaa lammataarratti garuu nan argadhe."

Tigist hunduu qixaa’eefi Onkololeessa darbe magaalaa guddoo Yuukireen Kiyiiv galuu dandeesse.

Kiyiiv

Gammachuudhaan gaafa Yuukireen geessu qorri biyyattii ‘anaa haa dhufu,’’ jechuun ishee simate.

"Afaan biyya isaanii rakkisaa dha. Garuu ani magaalaa guddoo waanin tureef namonni Afaan Ingiliizii dubbatan baay’inaan jiru. Hiriyaan koo dursitee achi geessee mana kireeffattee, hunda mijeessitee ture kan na eegde.

Yuukireen keessa jiraachuuf waraqaan seera-qabeessa waan na barbaachisuuf mana barumsaa deemee kaffaltii waggaa tokkoo raawwadhee iyyata koo galfadhe. Eeyyamas argadhe. Barnoota afaaniif yoo tahe eeyyama waggaa tokkoo sii kennu. Kan barnoota digrii immoo eeyyama waggaa afurii argatta.’’

Tigist Yuukireen waggaa lamaan tokko turtee gara Ameerikaa deemuuf ture kaayyoonshee yeroo dheeraa.

Oduu waraanaa

Tigist Yuukireen erga galtee booda namuu dhimma Raashiyaan Yuukireen weeraruufi jedhu haasa’a ture.

"Lammiileen Yuukireen ani wajjin hojjedhu garuu dhaadachuu qofadha, yeroo hundumaa ni dhageenya kana naan jedhu ture,’’ jetti.

"Barnootaaf dhufnee hojii hojjechuun nuu hin eeyyamamu ture. Garuu barattoonni baay'ee of deeggaruuf jecha hojii garagaraa hojjetu. Keesumaa Afaan Ingiliizii haasofta taanaan ni barbaadamta. Anis hojii maamiloota gargaaruu nan hojjedhan ture."

Namoota Yukireenii baqatan

Madda suuraa, Getty Images

"Achi baatii darbe lolli jalqabuuf guyyaan lakkaa’amuun jalqabe. Akka lakkoofsa isaaniitti Guraandhala 15, lakki miti 16 nuun jedhu. Gaafas manaa akka hin baane, hojiis akka hin dhufne ergaan jedhu qaqqabuu jalqabe,’’ jetti.

Guyyaa weeraraa

Roobii Guraandhala 24 barii Raashiyaan ifatti Yuukireen weerarte. Addunyaan gurra qeensee dhimma kana hordofuu jalqabe. Waraanni Raashiyaa guyyoota keessatti Kiyiiv gala jedhame.

Gaafa sana Tigistiifi hiriyyoonnishee sireerra turan. Akka tasaa telegiraamii isaaniirratti ergaan manaa hin bahiin jedhu isaan qaqqabe. Kaan immoo dhukaasa dhagaheera waan jedhu erguu jalqabe. Daqiiqaa muraasa keessatti waan hundi jeeqame.

"Gara magaalaa deemuu barbaannee mana jireenyaa keenyarraa kaasee magaala gahuuf laga tokko cee’u qabna, riqichi laga kana ittiin ceenu ni rukutama jennee sodaannee turre."

Tigist’faa gara magaalaa yeroo bahan baankiifi gabaan hiriira guddaa qabu ture. Geejjiba argachuun immoo waan hin yaadamne ture. Buufatni baaburaa namoota baay'een akka dhiphate yaadatti.

"Karaan duraan qarshii Yuukireeniin 500 si kafalchiisu yeroos kuma 5 hanga 6 gahee ture,’’ jetti.

Tigistii fi hiriyyoonnishe biyyoota Afrikaa biraa irraa dhufan hundi halkan sana walumaan achitti dabarsan.

Guyyaa itti aanu Kiyiiv haleellaa qilleensarraaan raafamte. Yeroo haleellaan jiraatu waamicha lubbuu baraaruu dhageessisuuf sagalee guddistuuwwan magaalattii keessatti fannifaman irraa dhagahama jetti.

"Fiigichuma. Miila koo na baasima fiigda. Haleellichi eessaa akka dhufu hin beektu. Jeettiin samiirraa foorica. Sagalee rasaasaa fagoorraa dhageessa. Hunduu haleellaa kana jalaa baqachuuf buufata baaburaa lafa jalatti ijaarametti baqate. Nutis waliin galle.’’

Tigistii fi hiriyyoonnishee akkasuma guyyaa lammataa waliin erga dabarsaniin booda gara Liviiv deemuuf murteessan. Magaalattiin Poolaanditti dhiyaatti. Kaayyoon isaanii daangaarraan Poolaandi galuu dha.

"Unu dhiisii namni biyya sanaayyuu akka jiruun godaanaa jira. Balaliin akka dhorkame beekna. Kanaaf baabura yookiin miilaan, mala qabnu hundaan achii bahuutu nurra ture.’’

Imala gara Liviiv

Tigist hiriyoota ishee torba waliin ta'uun yeroo dheeraaf erga eeganii booda konkolaataa gara Liviiv isaan geessu kireeffatan.

"Saddet waan turreef namni afur konkolaataa tokko, warri hafne konkolaataa biraan imaluun nurra ture. Karaan yeroo kaan sa'aatii 7 ykn 8 fudhatu sa'aatii 24 nutti fudhate.

"Konkolaataan karaa irratti wal dhiphisee ture. Karaa irratti taankiiwwan tarree galanii mul'atu. Madfiin ni mul'ata, loltoonni hidhatanii socho'u."

Akka Tigist jettutti konkolaataan isaan fide daangaa biraan isaan hin geenye. Taaksii biraa qabatanis innis xiqqoo fuulduratti butee isaan harcaase.

Kanaaf kiiloomeetira 30 ol miilaan imaluu himti.

"Sa'aatii said caala isinitti hin fudhatu nuun jedhanii turan garuu sa'aatii shanii ol hin deemne jetteetii," jetti.

"Miilaan imallee daangaa bira wayita geenyu hiriyoonni keenya nu dura konkolaataan qajeelan hin geenye ture," jetti. Kunis sababa konkolaataan karaa irratti wal dhiphisee hiriirri dheeraan jiruuf ta'uu himti.

Daangaa Poolaandi

Wanti daangaa irratti isaan mudate ulfaataa fi abdii kan nama kutachiisu akka ture himti Tigist.

"Erga manaa baanee guyyoota sadii ta'eera. Nyaata sirnaan hin nyaanne. Hirriba gahaa hin rafne. Garuu yeroos nyaataa fi hirriba hin yaadattu," jetti.

Qorri achi ture ammoo "diinaafuu kann hawwamu" miti jetti.

Daangaa irratti loltoonni Yuukireen dursa lammilee Yuukireeniif jechuun darbuu akka isaan dhorkan kann himtu Tigist, "qorri nu ajjeesa jennee sodaannee turre" jetti.

"Filannoon qabnu dhaabbannee eeguu qofa ture. Sa'aatii 14 oliif eegneerra. Dubartootaafi daa'immaniif dursi haa kennamu jedhameellee, warra Yuukireen malee nuyi namni garagalee nu ilaaluyyuu hin turre," jetti.

Nama achitti walitti rukkatee jiru jidduutti qoccollaan saal-qunnamtii isaanirra gahaa akka ture himti Tigist.

"Akka dubartiitti hedduu ulfaataa ture. Sanarratti gurraachi akka namaatti iddoo itti hin ilaalamnedha. Bifti gogaa kee gurraacha taanaan homaa gatii hin qabdu."

Dhumarratti Afrikaanonni achi turan yoo xiqqaate dubartootallee nuuf dabarsaa jechuun jeequmsa waan kaasaniif dubartoonni akka darban taasisan jetti.

"Dallaa irraan utaallee seenne. Guyyoota booda Pooland wayita seennu kan hafuura baafanne."

Poolaandi

Poolandi erga seenanii booda magaalaa guddittii Waarsaaw keessa kann jiru gara buufata baaburaa namoonni Yuukireenii dhufan itti walitti qabaman deeman.

"Yuukireen irraa akka dhufne chaappaa erga nuuf rukutanii booda, biyyi Lixa Afrikaa tokko [maqaa hin yaadadhu] lammilee isaaf baasii qopheessee ture kadhannee isaan waliin deemne."

Bakka dhaqanitti wanti hundi tola qophaa'ee isaan eege. Nyaatas dhugaatiis argatan.

Erga Poolaandi seenanii poolisoonni biyyattii gurraacha adii osoo hin jedhiin hunda qixa keessummeessu jetti Tigist.

Lammileen Poolaandi akka gaariitti akka isaan simatan kann himtu Tigist, "faranjii akka haadha Itoophiyaa tokkoo maddii fi adda si dhungattee, nyaataa siif galeessitee si gaggeessitu an argee hin beeku" jetti.

Guyyoota sadi baaburaan gara Jarman akka imalan dubbatti.

Jibba sanyummaa

Yuukireenitti osoo waraanni hin dhalatiin durayyuu jibbi sanyummaa ifatti kann mul'atu ture jetti Tigist.

"Afaaniin walii hin galtu. Rakkoon wayii yoo si mudate namni siif dhaqqabu hin jiru. Manaa bahee yoon deemu nageenyi natti hin dhagaahamu ture. Ani inumaa xiqqoo waanan diimadhuuf, lammii Hindii ykn Kolombiyaan itti fakkaadha.

"Gurraacha yoo taate akkuma salphaatti ajjeefamtee gatamuu dandeessa. Namni isaan gaafatu hin jiru. Mirga hin qabdu. Supparmaarkeetii keessatti 'jaldeessa, jaldeessa' jedhanii nama arrabsu. Akkasumas ta'ee jiraachaa turre …biyya ulfaataadha."

Daangaa irratti tola ooltonni warra baqatanii dhufan gara biyya fedhanii geessanillee gurraachotaaf tajaajila kennuuf hayyamamoo hin turre jetti.

Firaankifart, Jarmanii

Tigist maatiin ishii wayita ammaa Maqalee jiru. Finfinneedhaas firoota qabdi. Karaa irra osoo jirtuu haala keessa turte obboleettii ishee quxisuu beeksisaa akka turte himti.

"Maatiin cinqamuun hin oolu. Haala akkanaa keessatti haa hafuutii Finfinnee gara Asallaa yoo ni imalta ta'eyyuu maatiin ni cinqama. Hedduu kan na yaaddessaa ture waa'ee abbaa kootii ture.

"Abbaa koo baay'een jaaladha. Lubbuun waanan jiruyyuu itti hin fakkaatu ture," jetti.

Tigist amma hiriyaa ishee Kiyiiv irraa waliin ka'an waliin Firaankifart mana firaa jirti.

Jarman seenuun badaa ulfaataa hin turre jetti. Poolaandi irraa Jarman baaburaan imalan.

"Dhugaadha erga Poolaandi gallee booda imbaasiin Itoophiyaa Jarman jiru nu gargaareera. Yuukireenii bahuuf garuu ofuma keenyaan haala mijeeffanne" jetti.

Fuulduraaf maaltu akka ishee eeggatu kan hin beekne Tigist, abdiidhumaan eegaa jiraachuu himti.

Ammaaf mootummaan Jarmanii namoota Yuukireen irraa baqatan simatee keessummeessaa jira.

"Itoophiyaatti yoo deebines zeeroorraa eegalla, as Jarmanii keessattis zeeroorraa eegalla. Akka namaatti ammoo waan fooyyee qabu feeta," jetti.

"Ani Yuukireen yeroo yartuufan ture. Kanneen wagga sadii afur baratanii, hojjetanii, maallaqa horatanii gatanii baqatan jiru. Ani durumas achi turuu hin fedhun ture. Yoo tasgabbaa'es deebi'ee deemuu hin fedhu. Yoo biyyi nagaa ta'e deebi'ee maatii kootti makamuun barbaada."

Wanta karaa irratti ishee fi hiriyoota isheerra gahe garuu eenyuufuu akka hin hawwine himti.