Waraana Yuukireen: Barattonni Itoophiyaa Yuukireen keessatti hidhamanii turan baafaman

Namoota Yuukireen keessaa bahuuf hiriiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baqattoota Yuukireen keessaa bahuuf hiriiran

Barattoonni Itoophiyaa Yuukireen keessatti hidhamanii turan jaha torban darbe gadhiifamanii Yuukireen keessaa akka bahan godhamuu imbaasiin Itoophiyaa Jarman jiru beeksise.

Jarmanitti hogganaa itti aanaan ergama Itoophiyaa ambaasaaddar Tafarii Taaddasaa akka jedhanitti barattoonni jahaan "sababa garagaraan hidhaa keessaa bahuu kan hin dandeenye" ture.

Gareen dippiloomaatota Itoophiyaa Kamisa Bitootessa 17 gama daangaa Polaandiin kiiloomeetira 160 Yuukireen keessa seenuun, barattoota kana waliin Sambata darabe gara Polaandiitii deebi'aniiru jedhan.

"Asii konkolaataa erginee dippiloomaatonni keenya isaan qabatanii deebi'an. Hawaasni Itoophiyaafi dhalattoota Itoophiyaa Polaand jiraatan lammiilee kanneen simatanii deeggarsa taasisaafi jiru" jedhan ambaasaaddar Tafariin.

Lammiilee Itoophiyaa hiikaman keessaa gar tokko Polaand akka jiran, kaan immoo Jarman akka seenan odeeffannoo qabaachuus himu.

Kana dura Imbaasiin Polaand Itoophiyaa jiru lammiileen Itoophiyaa 70 ol ta'an Yuukireen keessaa gara Polaand baqatan jiraachuu himee ture.

Barattoota dhihoo hiikaman alatti lammiileen Itoophiyaa Yuukireenitti hafan akka hin jirre dubbatu dippiloomaatiin kun.

"Kana dura akka barataattis, akka jiraataattis Yuukireenirraa lammiin Itoophiyaa nu biratti galmaa'e hin turre. Gaafa rakkoon kuni dhufudha kan nu qunnaman".

"Barattoota achi jiraataa turanitu odeeffannoodhaan nu gargaara. Odeeffannoo barattoonni kun nu kennaniin yeroo ammaa lammiin Itoophiyaa kamuu Yukireen keessatti hin hafne," jedhan.

Haata'u malee dhalattoonni Itoophiyaa yeroo ammaa lammummaa Yuukireen fudhatan garuu akka hafan dubbatu.

Akka seera biyyattiitti waraana amma ka'een walqabatee namoonni lammummaa Yuukireen kan qabaniifi dhiira ta'anii umriin isaanii 18 - 60 ta'e lolaaf waan barbaadamaniif Yuukireen keessaa bahu hin danda'an jedhu.

Haata'u malee, kanneen Yuukireenii bahanii deeggarsa barbaadan yoo jiraatan yoo nu qunnaman ni gargaarra jedhu.

Deeggarsi kuni kan odeeffannoo, bakka itti qubatan, akkasumas namoonni isaan akka gargaraniif qindeessuus dabalata jedhan.

Lammilee Itoophiyaa Yuukireen keessaa baqatanii deeggarsa nu gaafatan gargaaraa jirra kan jedhan ambaasaaddar Tafariin, namootni gariin odeeffannoo dogoggoraa dhagahanii kan imbaasicha osoo hin qunnamiin hafan jiraachuu himu.

"Yoo imbaasii dhaqxan biyyatti isin deebisu odeeffannoo jedhu namoota dogongoraa irraa waan argataniif, lakkoofsaan baay'ee warri ta'an nu qunnamuuyyuu fedhii hin qabani. Warra nu bira dhufaniif garuu deeggarsa taasisaa jirra."