Waraana Yuukireen: Dogoggorri waraanaa Raashiyaan raawwatte maal fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan biyyoota addunyaa humna waraanaa guddoo qaban keessaa tokko taatulle, gahumsi waraana Yuukireen irratti humnooti ishii agarsiisan xiinxaltoota waraanaa biyyoota Lixaatti ajaa'iba ta'eera. Xiinxalaan tokko 'waan qaanessaati' jedha.
Loltoonni Raashiyaa ammaan tana fuul-duratti siquu dadhabanii danqamaniiru, gariin badii irra gaherraa dandamachuu danda'uu Raashiyaa irrattuu gaaffii kaasaa jiru.
Torbee kana ajajaa olaanaan waraana NATO tokko BBCtti akka himetti "warri Raashiyaa ifaan ifatti galma isaanii hin milkeessine, hanga dhumaattis milkeessuu hin danda'an ta'a." Maal, eessatti dogoggoran laata? Qondaalota olaanoo waraanaa fi tikaa biyyoota Lixaa dubbifneerra.
Tilmaamawwan dogoggoraa
Dogoggorri jalqabaa Raashiyaa dura dhaabbannaa ishee mudatuu fi gahuumsa humna waraanaa Yuukireen xiqqeessite ilaaluudha. Raashiyaan waggaatti bajata doolaara biliyoona 60 waraanaaf ramaddi, Yuukireen ammoo biliyoona 4 qofa.
Kanarratti dabalataan Raashiyaanis ta'e kaan gahuumsa humna waraanaa ofii qabdu akka malee arbeessitee ilaaluu hin oolle. Waraana isaa ammayyeessuuf sagantaa baasee hojjetaa kan ture Puutiin jabina humni waraanaa isaa qabuun innumtuu gowwoomfamuu hin oolle.


Qondaalli olaanaa waraana Biriitish akka jedhutti Raashiyaan maallaqa hedduu kan baaftu gabbisaa fi yaalii meeshaa waraanaa niwukileeraa akkasumas misaa'eloota saffisoo ta'an haaraa tolchuu irratti.
Raashiyaan taankii waraanaa addunyaa irratti isa ammayyaawaa ta'e 'T-14 Armata' jedhamu hojjettee turte. Taankchi dirree waraanaa irratti hin mul'anne. Irra hedduun meeshaaleen Raashiyaan lola Yuukireen irratti fayyadamte taankii durii T-72 jedhaman, konkolaataa sibiilaa fi kanneen rokkeettii dhukaasanidha.
Wayita waraanichi jalqabu xiinxaltoonni hedduun Raashiyaan qilleensarratti olaantummaa argatti jedhanii yaadanii turan garuu hin taane. Humni Ittisaa qilleensarraa Yuukireen gahuumsa gaarii agarsiisuun Raashiyaan akka fedhii ishiitti akka hin sochoone taasisaniiru.
Raashiyaan humnoonni addaa ishee injifannoo ariitii galmeessisuun qooda olaanaa ni qabaatu jettees yaaddee turte.
Qondaalli olaanaa tikaa biyyoota Lixaa tokko BBC'tti akka himetti Raashiyaan jalqaba humnoota addaa ishee fi loltoota xiyyaaraarraan bu'anii lolan muraasan injifannoo argachuu akka matu yaaddee turte jedhu. Haata'u malee guyyoota jalqabaa muraasa helikooptariin loltoota kana buusuuf buufata xiyyaaraa Hostomeel kan dhiyeenya Kiyiivitti argamutti imale qubachuu dhorkamee loltootas ta'e dhiyeessii buusuu hin dandeenye.

Madda suuraa, Getty Images
Kanaaf jecha Raashiyaan dhiyeessii loltoota isheef barbaachisu lafoo konkolaataan galchuuf dirqamte. Kun ammoo salphaatti qiyyaafannaa humnoota Yuukireen jala akka galtu taasiseera.
Taankii fi konkolaataawwan waraanaa gurguddoon tokko tokko karaa irraa maquun dhoqqee keessatti dhidhimanii mul'atanii jiru. Kun ammoo humni waraanaa Raashiyaa guddichi akkanuma dhidhimuu isaaf mallattoo ta'e.
Konkolaataawwan waraanaa sibiila uffatan tarree galanii gara Kiyiiv osoo imalaa jiranii suuraa saataaayitiin mul'atan hanga ammaa Kiyiivitti marsanii to'achuu hin dandeenye. Raashiyaa haga tokko gara fuulduraatti siquu kan dandeesse gama Kibbaatiin yoo ta'u, karaa kana baabura fayyadamuun loltoota isheef dhiyeessii qaqqabsiisuu qaan dandeesseefi.
MInistirri Ittisaa UK Been Waalas "loltoonni Puutiin carraa injifachuu dhabaniiru. Danqamanii jiru, sududumaan ammoo miidhaan hamaan irra gahaa jira," jechuun BBC'tti dubbatan.
Mo'amuu fi hamilee dhabuu
Raashiyaan waraana kanaaf loltoota 190,000 kan bobbaaste yoo ta'u torbee sadi keessatti dhibbeentaa 10 kan ta'an dhabdeetti. Gama lamaaniinuu loltoonni hagam akka ajjeefaman ragaan qabatamaan jiraachuu baatus, Yuukireen loltoota Raashiyaa 14,000 ajjeesuu himti. Ameerikaan lakkoofsichi walakkaa isa Yuukireen jettuu ta'uu tilmaamti.
Qondaalonni biyyoota Lixaa hamileen loltoota Raashiyaas miidhamuu ragaaleen akka jiran dubbatu. Aanga'aan tokko hamileen loltootaa "daran, daran xiqqaadha" jedhe. Qondaalli biraa loltoonni "qorra, dadhabbii fi beela qabu" jedhe. Loltoonni hedduun osoo waraanichi hin eegaliin cabbii keessa daangaa Yuukireenitti siqanii Beelaaruus fi Raashiyaa keessa turan.
Raashiyaan amma loltoota dabalataa barbaadachaa jirti. Aanga'oonni Lixaa loltoonni Siiriyaa dhiyootti lolichatti seenuu akka danda'an tilmaamu. Kun Raashiyaan waraanicha irratti rakkoon ishee mudachaa akka jiru agarsiiftuudha jedhu ajajaan olaanaa waraana NATO tokko.
Dhiyeessii /loojistiikii/
Raashiyaan waan bu'uura ta'erratti wal'aansootti jirti. Jechamni waraanaa bubbule tokko jira - warri bartoonni waa'ee maltee/tooftaa yoo haasa'an, ogeeyyiin haala dhiyeessii/loojistikii/ qo'atu kan jedhu. Raashiyaan dhimma kanaaf xiyyeeffannaa guddaa akka hin kennine ragaaleen gahaan jiru. Loltoonni taankii fi konkolaataawwan waraanaan imalan karaa irratti boba'aa, nyaataa fi rasaasa fixatan. Gariin karaa irratti cabanii gatamanii tiraaktaroota Yuukireeniin karaa irraa moggaatto gatamanii mul'atu.
Aanga'oonni Lixaa Raashiyaa hanqinni meeshaa waraanaas mudachuu akka hin oolle tilmaamu. Raashiyaan amma dura misaa'eloota dabalatee meeshaa fageenya dheeraa dhuka'u 850-900 dhukaaftee jirti. Kanneen salphaatti bakka buusuun ni ulfaata. Aanga'oonni Ameerikaa Raashiyaan hanqina meeshaa waraanaa ishii mudataa jiru ilaalchisee Chaayinaa gargaarsa gaafatteetti jedhu.

Madda suuraa, Alamy
Faallaa kanaatiin meeshaaleen waraanaa hedduun biyyoota Lixaarraa gara Yuukireen fe'amaa jira, kun hamilee Yuukireen jabeesseera. Ameerikaan dabalataan gargaarsa waraanaa doolaara miliyoona 800 baasu Yuukireeniif akka kennitu ifa gooteetti. Misaa'eloota farra taankii fi xiyyaara waraanaas arjoomtee jirti. Kuni diroonii Ameerikaan tolchite "kamikaze" jedhamu kan dabalatu yoo ta'u, salphaatti dugdatti kan baatamuu fi qiyyaafannaa lafarra jirutti kan dhukaafamudha.
Haata'u malee Puutiin ammallee humna waraanaa yeroo dabalataatiif magaalota Yuukireen ittiin haleeluu danda'u waan qabuf hammeenya isaa dabaluu danda'a jedhanuu akeekkachisu aanga'oonni Lixaa.
Danqaawwan hedduun jiraatanillee Puutiin waan duubatti deebi'u miti, ittuu hammeessuu danda'a jedha qondaalli tikaa tokko. "Raashiyaan waraanaan Yuukireen akka injifattu ofitti amanamummaa jabaa qaba. Yuukireen haga ammaa jabaattee ofirraa qolachaa jiraattus yeroo keessa humna namaa fi meeshaa waraanaan rakkoon isaan mudachuu hin oolus jedhan.
Olaantummaan Raashiyaan waraana kana keessatti qabdu jalqabarra amma xiqqaataa jirus, carraan Yuukireen qabdu ammallee amansiisaa miti.

















