US meeshaaleen waraanaa akkamii Yukireeniif kenniti, jijjiirama akkamiimmoo fida?

Madda suuraa, Getty Images
Taankiin Raashiyaa tokko gubatee hafteen isaa karaa cinaatti kufee jira. Taankii guddaa gubate kana bira ammoo loltuun Yukireen misaa'lii farra taankii ammayyaa qoleerra kaawwatee laphee isaa dhiibee dhaabbateera.
Suurri kun fuula Tiwiitara humna ittisaa Yukireen irratti maxxanfameera.
Suuricha jalatti ergaan barreeffame ammoo akkasiin dubbifama: "Meeshaa waraanaa jaaraa 21ffaa Jaavaaliin jedhamuun taankiin akkasitti diigameera."
Jaavaaliin misaa'elii farra taankii qolee irratti qabatamudha. Meeshaan waraanaa kun dheerina kiiloomeetira afur deemee haleeluu danda'a.
Meeshaa waraanaa kana akkuma kompiitara ijoolleen ittiin taphattu Children computer game) qabattoo itti jiruun ajajuun ni danda'ama.
Meeshaan akkas salphaatti nama tokkoon qoleetti qabatamuuf qabattoo isheetiin ajajanii dhukaasan kun taankii waraanaa hanga sana gahu daaraa gochuu dandeessi.
"Meeshaa waraanaa Ameerikaan hojjettu qabachuun keenya warra Raashiyaa hedduu naasisa," jedha humni waraanaa Yukireen Jaavaaliin kuma lama ta'u hidhatee qabu.
Ameerikaan deeggarsa waraanaa dolaara miliyoona 800 baasu Yukreeniif akka taasiftuuf waadaa galteetti. Pirezidantiin US Joo Baayidan Roobii darbe, Yukireeniin gonkumaa hin dagannu, jechuun abdachiisaniiru.
Jaavaaliin misaa'elii farra taankii dabalatee dirooniiwwan samii irraa gadi boombii roobsu, akkasumas elekoopteroota waraanaa adamsee itti dhukaasu boombii irratti kiyyeeffaman waliin dhiyeessiteettiif Ameerikaan.
Haata'u malee, ammallee gaaffiin jira. Dhugumatti meeshaan waraanaa Yukireen kunneen humna waraanaa Raashiyaa hanga funyaaniitti hidhate kana dhaabsisuu danda'aa?
Kana keessatti gumaachi meeshaa waraanaa Ameerikaan taasiftu maal fakkaataa?
Pirezidant Joo Baayidan uffata waraanaa qaama irraa rasaasa ittisu kuma 25, kan mataa haguugu dabalatee loltoota loltoota Yukireeniif kennuufiif waadaa galaniiru.
Kana qofaas miti. Meeshaaleen waraanaa salphaa ta'an kanneen boombii dhuka'u adarbatan dabalatee maashinoota farra taankii ta'an kuma hedduutti lakkaa'aman, akkasumas rasaasaawwan miliyoonaan lakkaa'aman Yukireeniif gumaachiteetti Yukireen.
Kana biratti ammoo dirree waraanaa irratti jijjiirama guddaa fida kan jedhamuufi meeshaa ammayaa waraanaa ta'e misaa'eliin Jaavaaliin fi meeshaan farra xiyyaaraa Istinger jedhamu jiru.
Ameerikaan xiyyaara nama-maleessa (diroonii) qillensarraan odeeffannoo guuraniifi caqasan 100 Yukireeniif kennuuf jirti.
Gumaachi meeshaa waraanaa Ameerikaan Yukireeniif taasifte kana qofaa miti.
Gargaarsa waraanaa Pirezidant Joo Baayidan Roobii darbe waadaa galan dabalatee Ameerikaan Yukireeniifi gargaarsa dolaara biliyoona tokko baasu taasifteetti.
Ameerikaan bara 2014 hanga dhuma 2021tti gargaarsa Ameerikaan Yukireeniif taasifte yeroo ida'amu dolaara biliyoona 2.7 qaqqabeera.
Torban muraasa darban erga Raashiyaan waraana Yukireen irratti bantee boodallee Yukireen tumsa meeshaa waraanaa dolaara biliyoona tokko baasu Ameerikaa irraa fudhatteetti.
"Kun jijjiirama guddaadha," jedha ambaassaaddarri duraanii Ameerikaa Yukireen ture Joon Harbist.
Gargaarsi Ameerikaa kun jijjiirama fiduu danda'aa?
Beektonni saayinsii loltummaa meeshaaleen waraanaa Ameerikaan hojjettu waraana Yukireen keessatti deemaa jiru akka jijjiiramu taasisuu ni danda'a jedhu.
Humni waraanaa Raashiyaa Yukireen keessa jiru garri caalaan isaa 'Meknaayizid'dha. Kun ammoo konkolaataawwan sibiila uffatan qabatee socho'a jechuudha jedha miseensi duraanii humna waraanaa Ameerikaa Koloneel Kiristoofer Meeyer.
"Humna waraanaa kana fakkaatu haleeluu kan dandeessu konkolaataawwan isaanii rukkutuudhaan" jedha koloneelli kun.
"Yukireen meeshaa farra taankii argattee jennaan humna waraanaa lafoo kamiyyu diigdee bira darbuu ni dandeessi."
Odeeffannoo kana qulqulleeffachuuf kan hin danda'amne ta'ullee, aanga'oonni Yukireen meeshaawwan waraanaa gargaarsaa argatan hojiirra oolfataa jiru jedhamee dubbatamaa jira.
Aanga'oonni Yukreen gaafa Roobii darbe irraa kaasee taankiiwwan 400 fi konkolaataawwan Raashiyaa kuma lama ta'an hojiin ala gooneerra jedhan.
Haata'u malee, humna waraanaa qilleensarraa Raashiyaa torbanoota sadan darban keessa bakka barbaadan filatanii barbadeessaa jiraniif meeshaan farra taankii waayyu jechuu miti.
Humna waraanaa Raashiyaa qilleensarraan dhufu dura dhaabbachuu kan danda'e meeshaa waraanaa Sitiinger jedhamu qoleetti qabatamee gara samiitti dhukaafamuun diina qillensarraa rukkutu qofadha.
Meeshaan waraanaa Sitiinger jedhamu kun bara 1981 irraa kaasee dirree waraanaa irratti argameeraa.

- Hireen Yuukireen gara fuula duraa maal ta'aa?
- Weerara Yuukireen: Putiin lola kanaaf 'Milaacii' Nukileraa harkisuu maluu?
- Miidhaa Nuukileerri fidu maali?
- Raashiyaan hidhannoo waraana Niikuleera meeqa qabdi?
- Waraanni Raashiyaa hanga ammaatti magaalaa guddoo Yukireen maaliif to'achuu dadhabee?
- Qondaaltonni Raashiyaa Putiin marsanii gorsaa jiran eenyufaadha?

Sooviyeet Yuuniyeen Afgaanistaan yeroo weerartetti Ameerikaatti kan hojjetame Sitiinger xiyyaara waraanaa guddaa Ameerikaa saffisa bakakkaatiin akka daaraa godhe himama.
Haata'u malee, meeshaan waraanaa kun bu'a qabeessa kan ta'uxiyyaarawwan waraanaa gara lafaatti dhiyaatanii fageenya kiiloomeetira afuriin gaditti balali'an irratti malee jeettiiwwan waraanaa Raashiyaa fageenyarraa haleelaniif hin ta'u.
Koloneelli kun bulchiisni Baayidan Sitiinger akka kennaa guddaatti ilaaluun labsuun "mallattoo mo'amuudha" jedha.
"Sitiinger akka isaan barbaachisu shakkiin tokkoyyu hin jiru. Haata'u malee, meeshaaleen bakka ol fagoo ta'anirraa adda baasanii rukkutanis ni barbaachisa."

Madda suuraa, Getty Images
Humna qilleensaa Yukireen cimsuuf US irraa kan dhiyaate jiraa?
Waayis Haawus meeshaan farra xiyyaaraa S-300 jedhamu gara Yukireenitti akka ergamuu danda'u eeramullee ifatti ibsa kennuu irraa garuu of qusateera.
Aanga'oonni silovaakiyaa ammoo meeshaan waraanaa bakka buufatan kan isaaniif kennamu yoo ta'e kan harka isaaniitti argamu Yukireeniif kennuudhaaf waadaa galaniiru. Miseensonni NATO lama biroon - Giriikiifi Bulgaariyaanis meeshaa waraanaa kana akka qaban himama.
Polaand xiyyaara waraanaa miig-29 Jeet jedhaman Yukireeniif kennitii jedhamuun kan gaafataman aanga'oonni Ameerikaa dhimmicha akkasumatti irra dibanii darbaniiru.
Aanga'oonni Ameerikaa akka jedhanitti, karoorri kun 'wanta rawwatamu miti', darbees hariiroo NATO fi Raashiyaa gidduu jiru datan hammeessuu danda'a.
Koloneel Maayer akka jedhutti, Ameerikaan miig-29 ykn jeettiiwwan biraa kana fakkaatan Yukireeniif yoo kennite humni waraanaa Pirezidant Zeleniskii humna waraanaa qilleensaa Putiin olaantummaan qabate dura dhaabbachuu danda'u jedhama.
Biyyoonni biroo Yukireeniif maal gumaachan?
Yukireeniif meeshaa waraanaa kan taasifte Ameerikaa qofa miti. Yoo xiqqaate biyyoonni biroon 30 ta'an gumaacha taasisaniiru. Kanneen keessaa gargaarsa Yuroo miliyoona 500 Gamtaan Awurooppaan taasise kan eeramudha.
Ameerikaan Yukireeniif gargaarsa taasisuuf erga waadaa galteen booda, Zeleniskiin "gargaarsi dabalataa" akka isa barbachisu dubbateera.
"Kan amma nuuf kennameen olitti nu barbaachisa," jechuun afaan warra Yukireeniin ergaa isaanii gaggeessitoota addunyaatti himateera.
"Meeshaa waraanaa farra xiyyaaraa nu barbaachisa, meeshaa waraanaa gahaafi rasaasa nu barbaachisa, humna waraanaa Raashiyaa dura dhaabbannee qolachudhaaf isaan kunneen nu barbaachisu," jedhe Pirezidant Zeleniskiin.
Koloneel Maayer meeshaa waraanaa Ameerikaan hanga ammaatti Yukireeniif kennite "aarsaa gochuun of kennanii akka du'anidha malee gahaa miti jedha.
Ameerikaan ifatti labsuu irraa of qusattus garuu Pirezidant Joo Baayidan gargaarsi dabalataa gara Yukireenitti ni ergama jedhaniiru.
















