Waraana Yukireen: Putiin marii nagaa Tarkiin gaggeessaa jirtu irratti fedhiin isaa maal akka ta'e ibsate

Madda suuraa, Reuters
- Barreessaa, John Simpson
- Gahee, World Affairs editor
Tarkiin marii nagaa buusuu gaggeeffamaa jiruuf Raashiyaafi Yukireen gidduutti of eeggannoo guddaadhaan fala barbaadaa jirti. Kanatti milkoofnaan ammoo Tarkiif waan guddaadha.
Kamisa galgala Pirazidant Vilaadmiir Putiin Pirezidantii Tarkii Resiip Tayyiip Erdogaanitti bilbilanii Raashiyaan marii araaraa Yukreen waliin taasifamu irratti maal akka barbaaddu ifatti lafa kaa'aniiru.
Gulaalaan Dhimmoota Addunyaa BBC Joon Simpson haasaa bilbilaa Putiin Ergdogaan waliin taasisaniin sa'aatii walakkaan booda gorsaa olaanaafi dubbi himaa Erdogaan kan ta'e Mr. Ibiraahim Kaaliin gaafateera. Mr. Ibiraahim ammoo aanga'oota muraasa marii bilbilaa sana dhaggeeffataa turan keessaa tokko ture.
Fedhiin raashiyaa bakka lama gurguddaatti ramadama. Akka Mr. Ibiraahim afur jalqabaa Yukireen guutuudhaaf wanta baayyee ishee rakkisu miti.
Isaan keessaa wanti guddaafi ijoon Yukireen miseensa NATO ta'uuf akka iyyata hin galfannedha.
Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin ammaa kana fudhateera.
Ramaddii kana keessatti ammoo dhimmoonni irra caalaan isaanii gama Raashiyatiin kabaja eeggachuu kan fakkaatan ni jiru.
Yukireen ammoo akka Raashiyaatiif yaaddoo hin taanetti hidhannoo hiikkachuu qabdi kan jedhus jira. Yukireen keessatti Afaan Raashiyaatiifi eegumsi taasifamuu qaba kan jedhus jira. Akkasumas wanti mallattoo Naazii dhabamsiisuu (de-Nazification) jedhamus jira.
Kun ammoo kan ofii isaallee Jewishii ta'eefi firoonni isaa Holocaust keessatti dhuman Mr Zeleleniskiitiif arrabsoodha. Haata'u malee, Tarkiin kana fudhachuun Zeleniskiidhaaf rakkisaa hin ta'u jettee amanti. kanarratti yoo xiqqaate Yukireen ilaacha Naazummaa bifa hundaan mul'atu abaaruuniifi dhabamsiisuun gahaadha.
Ramaddiin inni lamaffaan bakka wanti rakkisaa ta'e keessatti argamudha. Mr. Putiin haasaa bilbilaan taasise kanaan osoo qabxiiwwan kanneen irratti waliigaltee irra hin ga'amiin dura fuulaafi fuulatti Pirezidant Zeleniskii waliin mariyachuu akka barbaadu dubbate.
Kana irratti Mr. Ibiraahim Kaliin adda baasee hin ibsine, garuu dhimmoonni akka haala naannoon Donbaas kan Yukireen bahaatti argamu irratti argamuufi isaan Raashiyaa ta'uu isaanii cimsee dubbateera. Kna malees, waa'ee sadarkaa Kireemiyaa itti ilaalu irratti dubbateera.
Mr. Ibiraahim Kaaliin gadi fageenyaan ibsuu baatus, Raashiyaan mootummaan Yukireen daangaa Yukireen gama bahaan jiru akka dhiisan akka fedhan yaadama. Kun ammoo baayyee dhimmaa rakkisaadha.
Yaadni biraan jiru Raashiyaan Kireemiyaan akka qaama Raashiyaa taatetti Yukireen akka fudhattu barbaaddi. Kireemiyaan lafa bishaaniin marfamte bulchiinsa Yukireen jala turte Raashiyaan bara 2014 seeraan ala humnaan ofitti makattedha. Kun taanan ammoo dhimma Yukireeniif liqimfamu hin tanedha.
Raashiyaan Kireemiyaa fudhachuuf mirga seeraa hin qabdu yoo ta'ellee, akkasumas waliigaltee idil-addunyaas kan mallatteessite taatullee amma dhimma ta'ee argamedha. Kufaatii Komuniizimii booda osoo Vilaadmiir Putiin gara aangootti hin dhufiin dura garuu Kireemiyaan qaama Yukiren turte.

Ammallee, fedhiiwwan Pirezidant Putiin akka namoonni hedduun sodaatan baayyee hamaa miti. Fedhiiwwan Putiin kun hanga balaa Raashiyaan Yukireen seentaa balaa kana fakkaatu gadi buustus hin ta'u jedhaa jiru namoonni.
akka miidiyaa Raashiyaa irratti olaantummaa qabuttis, isaafi gorsistoota isaa kana akka mo'ichaatti dhiyeessuunis isaani hin rakkisu.
Yukireeniif garuu sodaawwan gurguddoon jiraachuuf malan jiru.
Waliigalteen sirriitti gadi fageenyaan of eegannoodhaan ibsame hanga hin jiraannetti, Pirezidant Putiin ykn isatti aananii kan dhufan yeroo hunda Yukireen deebiyanii weeraruudhaaf sababa luqqaafatan hin dahaban.
Dhukaasa dhaabuun dhiiga dhangala'aa jiru dhaabuudhaaf gargaarullee, waliigalteen nagaa buusuu sirriitti adda baasanii tolchuudhaaf garuu yeroo dheeraa fudhahuu danda'a.
Torbanoota sadan darban keessa Yukreen rakkoo hamaa keessa jirti. Gandootaafi magaalota Raashiyaan barbadeessite deebitee ijaaruudhaaf yeroo dheeraa itti fudhata. Namoota miliyoonaan lakkaa'aman qe'ee gadi dhiisanii godaaani deebisanii mana qopheessaniifiif dhadhabbachiisunis akkasuma rakkisuu danda'a.
Waa'ee Vilaadmiir Putiin kan dhibii?Putiin ni dhukkubsachaa jira ykn ammoo sammuun isaa sirrii miti yaadni jedhu jira.
Mr. Kaaliin bilbila inni haasa'e sana irraa waa'ee kanaa kan hubate qabaa? Tasa waan tokkoyyu hin hubanne, jedhe. Mr. Putiin waan jedhe hundaan ifaafi bareechee lafa kaa'eera jedhe.

Odeessaalee walfakkaatan:

















