Humnoonni Yukireen iddoowwan Raashiyaan qabatte irraa fuudhuuf lolaa jiru - US

Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa biroon Raashiyaa tumsa biyyoota garee G20 keessaa ari'uuf yaada qabaachuu Rooyitars maddeen isaa waabeffachuun gabaaseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gabaasa kallattii guyyaa Roobii kanumaan obbaasna

    Hordoftoota, gabaasni kallattii keenya guyyaa Roobii asumarratti goolabameera.

    Boru ganama odeessaalee biraatiin hanga walitti deebinuutti nagaan bulaa.

    Odeessaalee asiin duraa bakkuma tokkotti asiin gadi argattu.

    Halkan nagaa!

  2. Lakkoofsi lammiilee Polaand loltummaaf galmaa'anii akkaan dabale

    Patrycja, 26, says she isn't afraid to defend Poland
    Ibsa waa'ee suuraa, Polaand eeguuf takkaa hin sodaadhu jetti Paatrishiyaan

    Erga Raashiyaan Yukireen weerartee booda Polaand keessatti muddamni dhalateera - lammiileen biyyattis kanaaf deebii kennaa jiru.

    Gaazexessaan BBC Dan Johnson buufata waraanaa qarqara magaalaa Krakow'tti argamu deemuun akka ilaaletti, dargaggoonni humna waraanaa 'Polish Territorial Defence Forces' jedhamuuf yeroo galmaa'an argeera.

    Akka ilaalcha namoota hedduutti, haleellaan waraanaa Vilaadmir Puutiin Yukireen qofatti daanga'e hafa jedhanii hin yaadan.

    Hojjettuun warshaa keessaa gannishee 26 tahe Paatrishaa, yoo tasa Poolaand keessa waanni tokko ni dhalata taanaan, qarqaarsa malee hafuu hin feetu. Biyyashee eegu akka feetufi sodaas akka hinqabne himti.

    Paweł Kwieciński ammoo loltuu duraanii kan tureefi hojii ijaarsaan kan buludha. Amma garuu fedhiisaan waraanatti deebi'uuf as dhufe. ''Manni keenya daannoo keenya. Falmuufi qabna. Kunimmoo dirqama keenya.''

    Guutuu Polaanditti galmeen waraanaaf taasifamu dachaa torbaan kan dabale yoo tahu, mootummaanis baasii waraanaaf ramadu dabaluu himeera.

    Koloneel Marcin Siudziński ganama har'aa qofa namoota 150 simachuu isaafi namoota dabalataallee simachuuf qophii tahuu hime. Waanta Yukireenitti tahaa jiruun jaalalli biyyaa haalaan dabaluusaa himeera.

  3. Poolaand dippiloomaatota Raashiyaa 45 basaasummaan shakkuun ariite

    Dubbii himaan Hajaa Alaa Poolaand akka jedhanitti dippiloomaatoonni Raashiyaa 45 kan ari’aman biyyattiirratti basaasuun shakkamaniiti.

    Dippiloomaatonni kunneen keessaa gariin basaastota ykn basaastota kaan wajjin hidhata qabu jedhamuun akka arii’aman Tajaajilli Addaa Poolaand himeera.

    Isaan keessaa tokko sakatta’insa lammii Poolaand waajira galmee dhalootaafi du’aa keessaa hojjetaa ture irratti taasifameen, adda baafame jedhan dubbii himaan dhaabbatichaa Zaariyaan.

    Lammiin Poolaand torbee darbe qabame, ji’a sadii hidhaa akka turu ergameera.

    Poolaanditti Ambaasaaddarri Raashiyaa Sergee Andreev gaafa Roobii Ministeera Hajaa Alaa Poolaandiitti erga waamamaniin booda himannaawwan ka’an haalaniiru.

    Zaariyaan, Ambaasaaddarri Raashiyaa,’’ni sobu, ni fakkeessu,’’ jechuun Tiwiitara isaanii irratti barreessan.

  4. Imalli gara fuulduraa Raashiyaa danqameera - Chaansilara Jarman

    Kaartaa bakka to'annoo Raashiyaa garsiisu

    Humnoonni Raashiyaa magaalota Yukireen meeshaalee waraanaa ciccimoon haleelaa jiranis, adeemsi isaanii gara fuuladuraa garuu danqameera jedhan chaansilarri Jarmanii Olaf Scholz.

    ''Putiin guyyaadhaa guyyaatti dhumaatii hagana gahu qaqqabsiisuus jifannaan isaa garuu bakkaa socho'uu hin dandeeye,'' jechuun dubbatan.

    Dabaluunis gaggeessaan Raashiyaa kun ''dhugaa jiru dhagahuu qaba'', lola dhaabuun furmaata dippiloomaasii barbaaduu qaba jedhan.

    Aabba Scholz, waraanni kun Yukireen callaa miti kan barbadeessaa jiru - ''egeree Raashiyaaf rakkoodha,'' jedhan.

    Hoogganaan kun dabaluun adabbiin dabalataa Moskoorra kaa'ama kan jedhan wayita tahu: ''Yeroo yeroon qoqqobbii irra keenyu cimsaa jirra. Tahus [tarkaanfiiwwan fudhannu kun] hooggansa Raashiyaa caalaa, biyyoota Awurooppaa miidhuu hinqabu,'' jedhan.

    Lammiileen Yukireen ''Jarmanii irratti abdii godhachuu danda'u. Baqattootas ni simanna,'' jedhan.

  5. Sudaan loltoonni Raashiyaa 'qacaramanii lolan' biyyashee keessa jiraachuu haalte

  6. Ulaawwan gargaarsa namoomaa sagal banuuf waliigalameera- Yukireen

    Ministira Muummee Itti aantuu Yukireen, Irynaa Verechuuk

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Itti aantuu Yukireen, Irynaa Verechuuk

    Ulaawwan namoomaa sagal banuudhaaf Raashiyaa waliin waliigalteerra gahamuu Ministirri Muummee Itti-aantuun Yukireen Irynaa Verechuuk himan.

    Maxxansa isaanii Feesbuuk gubbaatti magaalaa akka malee waraanaan miidhamte Maaruupool keessaa daandii baasu irratti garuu wal hin galamne jedhan.

    Namootni achii bahuu fedhan garuu gara magaalaa ollaa jirtu Beerdiyaanisk jedhamtutti yoo bahan, achitti deeggarsi namoomaa akka qorichaa qophaayeera jedhan. Awutoobisoonni geejibaaf qophaayan 24 jiraachuus himan.

    Magaalaa Maaruupool keessaa uummata baqachiisuuf waliigalteen dhukaasa dhaabuu sababa Raashiyaan haleellaa itti fufteef fashalaa'eera.

    Amma humnoonni Yukireen magaalaalee harka Raashiyaa galan bilisa baasuuf haleellaa raawwachaa jiraachuun gabaasameera.

  7. Yuukireen taateewwan haaraan maal fa'i?

    Waraanni Raashiyaan Yuukireen irratti eegalte ji'a guutuuf guyyaa tokko qofatu hafe. Maaltu haarawa?

    • Magaalaa Kibba Yuukireen Maariyupool keessatti lolli jabaan adeemaa jira. Magaalattiin yeroo dheeraaf Raashiyaan qilleensarraan haleelamaa turte. Mootummaan Yuukireen akka jedhutti namoonni 100,000 ta'an nyaataa fi bishaan malee achitti danqamanii jiru.
    • Kibxata darbe rakkoon hamtuun jiraatus namoonni 7,206 Maariyupool keessaa baraaramaniiru jedhan pireezidantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniiskiin.
    • Akka Yuukireen jettutti loltoonni Raashiyaa hamilee dhabanii jiru. Kanaafis Raashiyaan loltoota duraani waraanatti deebisuuf yaalaa jirti.
    • Dubbi himaa pireezidantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin kan ta'an Dimiitirii Peskoov Raashiyaan meeshaa waraanaa niwukileeraa fayyadamuu akka maltu dubbatan. CNNtti yoo dubbatan "balaan dhabamuu yoo itti dhufe" biyyattiin niwukileera fayyadamuu malti jedhan.
    • Ameerikaan ibsa kana itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi "akka biyyi itti gaafatamummaa qabdu meeshaa waraanaa niwukileeraa hidhatte itti sochootu akkana miti" jedhe ministirri Ittisaa US.
    • Peentaagoon (ministirri Ittisaa US) humnooti Yuukireen iddoowwan Raashiyaan to'attee turte deebisanii qabachaa jiru jedhe, keessaahuu gama Kibba biyyattiitiin.
    • Mariin biyyoota lamaan jidduutti adeemaa jiru kan wal-dura dhaabbannaa qabu ta'us sududaan fuulduratti adeemaa jira jedhan Zeleniiskiin.
  8. Raashiyaan waraana Niikuleera fayyadamuu akka maltu himuun muddama uume

  9. 'Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa Raashiyaa G20 keessaa baasuuf korataa jiru' - Rooyitars

    kora G20

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa biroon Raashiyaa tumsa biyyoota garee G20 keessaa ari'uuf yaada qabaachuu Rooyitars maddeen isaa waabeffachuun gabaaseera.

    Maddi oduu kun akka gabaasetti Poolaand garee kana keessatti Raashiyaa bakka bu'uuf fedhii qabaachuu aanga'oota USf beeksiftee, "deebii gaarii" argachuu akeekte.

    G20 garee biyyoota addunyaa diinagdee gurguddaa qabanii dhimmoota diinagdee addunyaa miidhan akka jijjiirama qilleensaa fi misooma irratti qindoominaan hojjechuuf ijaaramedha.

    Tarkaanfiin Raashiyaa garee kana keessaa baasuu qoqqobbii biyyoonni Lixaa amma dura irra kaa'anirratti dabalata.

    Haata'u malee biyyoonni miseensa garee kanaa akka Chaayinaa, Indiyaa fi Sa'udii Arabiyaa tarkaanficha kufaa godhuu danda'u jedhu xiinxaltoonni.

    Kun yoo ta'e ammoo biyyoonni Lixaa garee G7 addatti qaban walgahii garee G20 bara kanaa irraa hafuu malu. Kunimmoo walgahii bara kanaa qopeessaa kan jirtu Indooneezhiyaa hedduu yaaddessus dhimmicharratti yaada kennuu hin feene.

    Dhimma kanarratti kan gaafataman gorsaan dhimma nageenyaa pireezidantii US Jeek Sulivaan, "Raashiyaaf dhaabbilee fi hawaasa idil-aadunyaa keessatti wanti hundi akka kana duraatti itti fufuu hin danda'u" jedhan.

    Raashiyaan miseensa G7 taatee moggaasni garichaas gara G8 jijjiiramee kan ture yoo ta'u, bara 2014 Kiriimiyaa weeraruu ishii hordofee keessaa ari'amte.

  10. Barattonni Itoophiyaa Yuukireen keessatti hidhamanii turan baafaman

  11. Badhaafamaan Noobelii Raashiyaa baqattoota Yukireeniif arjoome

    Dimitrii Muraatov

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dimitrii Muraatov

    Badhaafamaan noobeelii nagaa Raashiyaa lammiilee Yukireen sababii waraanaatiin biyyasaanii irraa buqqa'aniif deeggarsa taasise.

    Gulaalaa Olaanaan gaazeexaa Raashiyaa 'Novaya Gazeta' jedhamuu fi motummaa Raashiyaa ifatti qeequun kan beekamu, badhaafamaan Noobeelii Nagaa baqattoota Yukireen gargaaruuf deeggarsa walitti qabe.

    Dimitrii Muraatov barreeffamasaa keessatti Kibxata akka jedhetti, murtee kanarra kan gahees erga weerara Raashiyaatiin booda baayyina lakkoofsa lammiilee Yukireen miiliyoon 10 biyyasaanii buqqa'usaanitiin wal qabateeti jedheera.

  12. Odeessaalee kallattii keenyaan deebiineera!

    Hordoftootaa odeessaalee kallattii keenya kan Roobiin kunoo amma deebiineera.

    Isinii yoo nu hordooftan odeessaalee addunyaa ijoo ulaa kanaan ni argattu.

    Olmaa gaarii!

    Mammaaksa guyyuu
    Ibsa waa'ee suuraa, Mammaaksa guyyuu
  13. Loltoonni Raashiyaa 15,000 ol tahan waraana keessatti ajjeefamuu Yukireen himte

    Russian vehicles have broken down and been left abandoned

    Madda suuraa, Getty Images

    Erga waraanni jalqabamee loltoonni Raashiyaa 15,300 tahan lubbuu dhabaniiru jedha gabaasni haaraa Ministeera Ittisaa Yukireen.

    Ministeerichi dabaluun erga Raashiyaan Guraandhala 24 Yukireen weerarte as, taankiiwwan 509, konkolaattota dhukaasaa dandamatan 1,556 fi sirnoota dhohan 252 jalaa barbadaa'aniiru jedhe.

    BBCn lakkoofsota kanneen mirkaneessuu hin dandeenye.

    Raashiyaan du'aatii loltootashee ilaalchisee haga ammaa yeroo tokko callaa kan gabaasa dhiyeessite wayita tahu, innis Bitootessa 2 gubbaa du'a 498 ture.

    Ameerikaan ammoo dhiyeenya kana akka tilmaamtetti, Raashiyaan loltoonni 7,000 tahan jalaa obba'aniiru jedha.

    Lakkoofsi kaan Ministeerri Ittisaa biyyattii baase kan armaan gadiiti:

    • Laawunchara rokeettii: 80
    • Sirna ittisa qilleensaa: 45
    • Xiyyaara: 99
    • Helikooptaroota: 123
    • Meeshaalee sosocho'an: 1,000
    • doonii/bidiruu: sadii
    • taankara boba'aa: 70
    • diroonota: 35
    • meeshaa addaa:15
  14. 'Daa'imman garaa kaasaan du'aa jiru'

    Haleellaa humnootii Raashiyaa naannawa jireenyaa barbadeesse keessaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Viktooriyaa kan umriin 27 fi magaalaa marfamtee jirtuu Maaruupol keessaa baqattee attamiin maatii duubatti dhiisuun gara ollaa fageenya km20 irratti argamtuutti akka ittiin baqachuu dandeesse himti.

    ''Magaalaan tiyya baayyee barbadooftee jirti,'' jetti osoo sagaleen ishee kirkiruu haala biyya ture wayita ibsituutti.

    "Namoonni baayyeen gamoowwan jala jiru, garuu innis bakka balaa irraa bilisa ta'e miti. Hanga kutaalee gamoowwn jalaa diigamanitti haleelaa jiru,'' jetti.

    Akkasuma namoonni baayyeen nyaataafi bishaan argataa akka hin jirre dubbatti.

    ''Daa'imman ani beeku sadii garaa kaasaadhaan du'aniiru. Bara kana keessatti daa'imman magaalaa keessaa garaa kaasaadhaan du'aa jiraachuun cimaadha. Akkasumas beela'aa jiru.''

    Itti dabaluunis Vikitooriyaan, miseensoonni maatii kaanis akka Maarupool dhiisanii bahaniif gargaaruu akka hin dandeenyeefi isaan baasuu baayyee barbaadaa akka jirtu dubbatti.

    ''Yukireen keessa tureen maatiiwwan kiyya Maarupool keessa jiran baraaruu barbaada. Maarupool jireenya kiyya, sababii Raashiyaatiin maaliif magaalaa koo, biyya koo, akka dhiisee bahu naaf hingalu.

  15. Zeleniskiin Poop Firaansiis jaarsummaa akka taa'an gaafatan

    Volodimiir Zeleniskii

    Madda suuraa, EPA

    Pireezidantiin Yukireen Voolodimiir Zeleniskii Poop Firaansiis waliin dubbachuu fi jaarsummaan waraana Raashiyaa waliin godhan kana akka xumuran gaafachuu himan.

    Phaaphaasii bataskaana Kaatoliikii Vaatikaan kana waliin mariyachuu Zeleniskiin Twiitara gubbaatti kan himan yeroo ta'u, haalli namoomaa hammaachuu, ulaan namoota waraana kana jalaa itti miliqsaniis ugguramuu itti himeera jedhan.

    Vaatikaan waraana kana jaarsa taatee fala akka itti gootu fedha qabaachuu Zeleniskiin himaniiru.

    Pireezidantichi amma dura mariin kallattii Putiin waliin akka gaggeeffamu gaafataniiru, Jarusaalem ammoo jaarsummaaf bakka filatamtu ta'uu dubbataniiru.

  16. Barataan Naayijeeriyaa Yukireenii erga baqatee torbanootaan booda du'e

    Barattoota Naayijeeriyaa waraanaa Yukireen keessaa baqaachuun biyyatti galan keessaa tokko, mana warrasaa kan kaaba Naayijeeriyaa Sokoototti argamuutti du'e

    Du'a barataa Huzaafaa Haabiibuuf sababii maal akka ta'ee ammatti wanti barame hin jiru.

    Abbaan barataa kanaa Haabibuu Haaliluu modaacii BBCtti akka himaniitti, fayyummaan akka itti hindhagahamne erga himateefi nyaataaf fedhii dhabeen booda mana yaalaa galfemee ture.

    Dargaggoo waggaa 22 kan ture barataan kun, Yukireen keessatti damee barnoota wallaansa fayyaa barataa kan tureef bara dhufu eebbifama ture jedhamee.

    Sababii waraanaa Yukireenitti uumameen baqatee biyya kan galees torban lamaan dura ture.

    Barataan kuni erga waggoota sadan dura barnootaaf imalee yeroo jalqabaatiif biyyattii deebii'usaa ture.

    Naayijeeriyaan waraana Yukireeniitti mudateen walqabatee barattoota ishee 1,500 ta'an Yukireen keessaa baasuun ishee ni yaadatama.

    Ammalleen barattoonni 100 ol ta'an magaalaa Yukireen Khersoon keessatti danqamanii argamu.

  17. Mormituun Beeraalus Raashiyaa waraanuuf gara Yuukireen kutuuf murtesse

    Paaveel Kulaazhaankaa

    "Har'a daangaa Yuukireen qaxxaamuree diina keenya waloo kan ta'an loltoota Raashiyaa waraanuuf deemaan jira,'' jedhan mormiitoota Beeraalus hedduu keessaa tokko kan ta'e, Paaveel Kulaazhaankaa.

    Yuukireenoota waliin hiriire Raashiyaa waraanuuf jireenya isaa hunda dhiisuun gara Yuukireen qajeeluuf murteessu dubbata.

    Akkasumas Paaveel, ''lolichi lola dachii abbaasaaniiti- kan Beeraalus,'' jedha.

    ''Yuukireen walabaa fi bilisaa jiraattu malee, Beraalus walabaafi bilisoomtuun hin jiraattus,'' jedha.

  18. Waraanni Yuukireen magaalaa dhiheenya Kiyiiv deebiisee to'achu hime

    Taankii

    Madda suuraa, Getty Images

    Waraanni Yuukireen humnootiin isaa magaalaa Maakaariiv kan dhiheenya Kiyiivitti argamtu deebiisee to'achu hime.

    Odeeffannoo haaraa waraanichi haala waraanaa ilaalchiisuu baaseen, Janaraalli Humna waraanaa Yuukireen looltoonni isaa loltoota Raashiyaa magaalaa, Kiyiiv irraa fageenya km 60 irratti argamtu keessaa dhiibanii baasaniiru jedhan.

    ''Galannii tarkaanfii gootoota loltoota keenyaatiif haata'utii, alaabaan mootummaa Yuukireen magaalaa Maakaariv keessaa dhaabbatee jira,'' jechuun fuula Facebook isaaniirratti bareessan.

    Kan Yuukireenoonni jedhan kana BBC mirkanneefachu hin dandeenye.

    Garuu ammoo akka polisiin naannichaa jedhetti, erga loltoonni Raashiyaa magaalattii irratti haleellaa raawwachuun namoonni torba ajjeefamanii guyyaa sadi ta'eera.

  19. Putiin meeshaa keemikaalaa fayyadamuu mala jedhan pireezidant Baayidan

    Pireezidant Joo Baayidan

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Vilaadmiir Puutiin waraana Yukireeniin walqabatee filannoon qaban xiqqaachuu irraa kan ka'e meeshaa keemikaalaa ykn baayolojikaalaatti fayyadamuu maluu jedhanii akka amanan himan.

    Marii daldalaa Wiixata Waashingitan DC'tti gaggeefame tokko irratti Baayidan Raashiyaan haleella haaraa qaama biraan raawwatame fakkeessuun raawwachuuf qophaa'aa jirti jedhan.

    ''Yukireen keessaa meeshaa baayolojikaalaa fi keemikaalaa qabaachuu isaanii akeekaa jiru... mallattooleen lamaanuu isaanii itti fayyadamuu akka danda'u mul'isan jiru'' jedhan.

    US fi michootni ishee meeshaa keemikaalaa ofii fayyadamanii akka waan qaamni biraan fayyadamee fakkeessuuf akka jiran irra deddeebiin akeekkachiisaa turan.

    Jalqaba ji'a kanaatti gorsaan nageenya biyyaalessaa US Jeek Sulivaan nama Mana Maree Nageenyaa Raashiyaatti hoogganaa ta'aniin Raashiyaan yoo meeshaalee keemikaalaafi baayolojikaalaa Yukireen keessatti fayyadamte dhiibbaan irra gahu guddaa ta'uu akeekkachiisaniiru.

  20. Basaastota Lixaa waan sammuu Puutiin keessa jiru baruuf ifaajan