Waraana Yukireen: Qonnaan bulaa Afrikaa baqattoota Yukireeniif boqqolloo kuntaala tokko arjoome

Qonnaan bulaan Burundii kuni ofiifuu baqataa ture

Madda suuraa, A Nimpagaritse

Ibsa waa'ee suuraa, Qonnaan bulaan Burundii kuni ofiifuu baqataa ture

Qonnaan bulaan Afrikaa galii xiqqaa argatuufi Burundii jiraatu boqolloo oomishe keessaa kuntaala tokko kanneen Yukireenii buqqa'aniif arjoomuu beeksise.

Adiriyeern Nimpaagaaritis, ganna 30, jedhamu kuni ofiifuu kana dura baqataa ture.

''Akka nama baqataa turetti, waan gargaaruun yaade. Ani qonnaan bulaadha, waanan kennu baay'ee hin qabu. Garuu, nama nan jaaladha,'' jechuun BBC'tti hime.

''Dubartoonniifi daa'imman du'aa akka jiran suuraa isaaniin arge. Nagaan akka bu'u gochuuf dhageettii hin qabu, garuu waanan qote keessa hamma tokko gumaachuu nan danda'a.''

Qonnaan bulaan kuni bara 1996 sababa walitti bu'iinsa sabaan Taanzaaniyaatti yeroo baqate daa'imma ganna afurii ture. Maatiin jalaa du'aniiru.

Buufata baqattootaa Mutenderii jedhamutti guddate, achittis barate. Burundiitti waggoota 11 booda bara 2007 ganna 15 ta'ee deebi'e.

''Baqattummaan maal akka ta'e argeera - wanta nyaannu argachuun rakkisaa ture,'' jechuun hime.

''Namni tokko, ollaan baala kaasaavaafi bishaan yoo siif kenne baay'ee galateeffatta.''

Qonnaan bulaan kuni yeroo ammaa bulchiinsa Burundii Ruyigii jedhamu keessa jiraata. Bultii godhatees ijoollee sadii argateera.

Arjooma boqqolloo kuntaala tokko lammiilee Yukireeniif kennees namoonni dhaabbata UN keessa dalagan dhufanii akka fudhatan dhaame.

Adiriyeern Nimpaagaaritis yeroo ijoollummaa isaa Burundiitii gara Taanzaaniyaa baqatee achitti barate

Madda suuraa, A Nimpagaritse

Ibsa waa'ee suuraa, Adiriyeern Nimpaagaaritis yeroo ijoollummaa isaa Burundiitii gara Taanzaaniyaa baqatee achitti barate

Namoonni kaaniis gargaarsa dabalataa akka kennan waamicha taasiseera.

''Dhuunfaa kootti boqqolloo 100kg nan kenna. Gahaa miti, garuu namni kaan yoo irratti dabale namoota buqqa'an ni gargaara,'' jechuun hime.

Raashiyaan Yukireen irratti erga lola bantee amma torban sadii taheera. Lammiileen Yukireen waraana kana baqachuun biyyaa bahaniis miiliyoona 2.5 olidha.

Baay'een isaanii gara Polaand yoo baqatan, biyya hiyyeettii Awurooppaa Moldoovaa dabalatee Raashiyaafi kaanittis baqataniiru.

Lammiileen Itoophiyaa 70 ol ta'an Yukireen irraa gara Polaand baqachuu isaanii Imbaasiin Polaand Finfinnee argamu torban darbe beeksisuun isaa ni yaadatama.