Waraana Yukireen: Leencaafi bineensota kaan sababa waraana Yuukireen kunuunsa malee hafan

Leenca to'annoo namootaa jala ture, Amajjii 2022 baraarame

Madda suuraa, Warriors of Wildlife

Ibsa waa'ee suuraa, Leenca to'annoo namootaa jala ture, Amajjii 2022 baraarame

Yuukireen keessatti leencota dabalatee bineensonni to'annoo namootaa jala turan sababa eegdoti isaanii madaa'aniif ykn baqachuu dirqamaniif jecha kunuunsa malee hafaniiru.

Dhiyeenya magaalaa guddittii Yuukireen Kiyiivitti kan argamtu Hostomeel Bitootessa 2 wayita to'annoo humnoota Raashiyaa jala oolte, Asiyaa Serpiniiskaa manni bineensotaa olloota isheetti abiddi qabatee agarte.

Manicha keessa bineensonni akka jiran kan quba qabdu Asiyaan, abbaan manichaa wayita ambulaansiin fuudhamu waan agarteef - nama biraa tokko waliin abiddicha dhaamsuuf birmatte.

"Karra jalaa bannee simbirroota, illeettiiwwan fi sardiida xixiqqoo miliqsine," jetti.

Ollaan ishee kun leenca dhaltuu Ruuraa jedhamtu akka qabus waan beekaniif barbaacha itti fufanii, booda kutaa lafa jala jiru keessatti argan.

"Namni waa laatuuf hin turre, baay'ee jeeqamtee turte. Nyaata sarootaafi bishaan kennuufii eegalle," jedhu maanguddoon ganna 78 dawoo sarootaa Yuukireen keessatti isa guddaa ta'e qaban kun.

"Kophuma achitti dhiifnee deemne, haleellaa qilleensarraan raawwatu yoo dhaabbate deebinee ilaalla."

Asiyaa Serpiniiskaa

Madda suuraa, Asiyaa Serpiniiskaa

Ibsa waa'ee suuraa, Asiyaa Serpiniiskaa saroota 1000 fi adurroota 200 kunuunsiti

Humnoonni Raashiyaa jalqaba Guraandhala 24 buufata xiyyaara meeshaa fe'u (Kaargoo) Hostomeel jiru ture xiyyeeffannoon isaanii. Naannoo qe'ee Asiyaa kan gahan garuu Guraandhala 5 ture.

Guyyoota sagaliif Asiyaan manaa bahuu sodaatte. Booda Guraandhala 14 Ruuraaf nyaataa fi bishaan geessuuf manaa yoo baatu, loltoonni Raashiyaa karaatti itti dhufanii, leencattiif guyyaa tokko dura bishaan akka kennaniif itti himan.

Bakkicha fanjii dhuka'uun waan marfamee jiruuf dhaquu akka hin dandeenye itti himan.

Kanneen nageenya bineensotaaf falman taateen akkanaa Ruuraa qofa kan mudate miti jedhu. Bineensonni to'annoo namaa jala, manneen dhuunfaa keessa akka jiran kumaatamaan lakkaa'aman Yuukireen keessa akka jiran himu.

Leenconni, Qeerransoonni, Biiriiwwan [bears], Sardiidonni, Naachonni fi Jawwee gurguddaan akka jiran himu.

Kaaba-Baha Yuukireen, Karkiiv ollaa Saltiivkaa jedhamtu keessaa osoo Raashiyaan Yuukireen hin weerariin durayyuu namoonni nageenya bineensotaaf falman, leencota lama, gosa qeerransaa Jaaguwaar fi qeerransa tokko mana nama dhuunfaa keessaa baraaruuf fedhaa turan.

"Erga waraanni eegalee booda abbaan manichaa bineensota kana gatee baqate. Amma haalli keessa jiran hin beekamu," jetti hojjettuu Waldaa falmitoota nageenya bineensotaa Yuukireen kan taate Iriinaa Koroobkoo.

Naannichatti Raashiyaan haleellaa qilleensarraa irra deddeebiin raawwachaa waan jirtuuf namuu dhaqee ilaaluu hin dandeenye.

"Bineensonni kumaan lakkaa'aman to'annoo namoota dhuunfaa jala jiran kunneen yeroo waraanaa kana akkam ta'u kan jedhu dhimma guddaadha," jetti Iriinaan.

Bear in a bear sanctuary

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 'Four Paws' biiriiwwan baraaramaniif dawoo banee ture bara 2012

Yukireen keessatti bineensonni akka leencaafi qeerransaa hanga doolaara 1,500 gurguramu. Kuni ammoo seeraan alaa jedhu namoonni nageenya bineensotaaf falman.

Dabalataan manneen nyaataa keessatti bineensonni keessummoota akka bohaarsan, kadhattoonni bineensota qabanii ittiin kadhachuu fi ogeeyyiin suura kaasan bineensota waliin suuraa nama kaasanii maallaqa kafalchiisuun Yuukireen keessatti baramaa ture.

Waywaannaa falmitoota mirga bineensotaan booda mootummaan Yuukireen gochoota kana dhorkuun seera baasee ture.

Dhaabbanni nageenya bineensotaa irratti hojjetu 'Four Paws' akka jedhutti Yuukireen keessa bineensi Biir [bear] jedhamu 100 ol ammallee to'annoo namoota dhunfaa jala jiru. Dhaabbatichi amma dura biirii 25 baraaruu hima.

Waraanni Raashiyaan Yuukireen irratti bante akkuma eegaleen bineensonni muraasni baraaramanii gara biyyoota ollaatti kan baafaman yoo ta'u, irra hedduun dawoo bineensotaa keessaati malee manneen namoota dhuunfaa keessaa miti.

Dhaabbileen nageenya bineensotaa irratti hojjetan bineeyyii kana baraaruuf yaalii gochaa jiru.

Leenca dhaltuu kophaa hafte Ruuraa namni fudhatu argamus loltoonni Raashiyaa itti siqsuu didan.

Asiyaan sababa jenereetarri bishaan ittiin eela keessaa baastu cabee fi saroota isheef nyaata dhiyeessuun rakkisaa ta'eef gadi dhiisuuf turte.

Haata'u malee, loltoonni Raashiyaa saroota 1000 fi adurroota 200f nyaata dhiyeessuun, jenereetarri cabes akka suphamu gargaaranii jiru.