Waraana Raashiyaa - Yukireen: Loltoonni guyyaatti dolaara 2000 kanfalameefi gara Yukireen ergaman barbaadamaa jiru

Madda suuraa, Submitted photo
Ni barbaadama: Loltuu afaan garagaraa dubbatuufi dhoksaan gara Yukireen imalee guyyaatti miindaa gaarii hanga dolaaraa 2000 fi faayidaa biroo argamsiisa. Hojichi maatii lafa lolli jiru keessaa baasuudha.
Beeksisi kuni waan filmiirraa fudhatame fakkaata garuu dhugaadha. Barreeffamni kuni dhaabbata tajaajila nageenyaa kennurraa fudhatame. Maqaan dhaabbatichaas Silent Professionals, jedhama.
Akka namni keessa beeku jedhutti barbaachi namoota muuxannoo waraanaa qabanii dabaleera.
Waraana Yukireenitti hammaatee jiru kanatti kontiraaktaronni Ameerikaafi Awurooppaa keessaa duula namoota bakka waraanaatii baasuu hanga meeshaa geessuutti barbaadamaa jiru.
Lammiin Kaanaadaa - Ameerikaa barreessaafi dhaabbilee waraanaa dhunfaarratti ogeessa ta'e Roobart Yaang Peltoon ''gabaan akkaan ho'eera'' jedha.
Ta'us, yaaddoos qaba. Rakkoon nageenyaa akka hammaatu taasisuus mala jechuun hima.
Kanneen qarshii hammanaan barbaadamaa jiran loltoota duraanii loluufi ajjeesuuf ga'umsa qabanidha.
Waraana Yukireenitti hammaateen namoonni biyyoota Lixaatii bahuun gara Yukireen dhaqanii fedhiin lolan ni jiru.

Beeksisi bahe, akka Obbo Peltanitti, kontiraaktaroonni $30,000 and $6m'tti isaaniif kanfalamee uummata Yukireenii akka baasan gatiin isaaniif dhihaachaa jira.
Qarshiin guddaa kan dhihaateef maatii hunda qabeenya qaban waliin warra bahu barbaadaniifi jechuun ibsu.
Gatiin dhihaate kan gargara ta'e hammi hojichi walxaxaa ta'e waan walcaaluufi jedhu Hoogganaan dhaabbata basaasaafi nageenyaa Mozaayik jedhamuufi buufata isaa US godhatee yeroo ammaa Yukireeniiti sosso'aa kan jiru Tooni Sichiyenaa.
''Yeroo ummanni baraaramu baay'ate, baasiin isaas hammanuma guddata. Daa'immaniifi maatii baasuun ni rakkisa. Gatiin mala isaan biyyattii baasurratti hundaa'a,'' jechuun ibsu.
Dhaabbati isaanii gara caalu waraana caalaa basaasa akka dalagu kan himan Tooniin, maamiltoota isaanii keessaa tokko ''dhaabbata basaasaa biyya guddoo tokkodha'' jechuun dubbatu.
''Akkaataa garatti lolli kuni qajeelurratti hundaa'uun, akka yaada kiyyaatti barbaachisummaan [dhaabbilee waraanaa dhuunfaa] itti fufa,'' jechuun ibsu.
Dhaabbileen waraanaafi nageenyaa dhuunfaa waggoota dheeraaf turaniiru. Haleellaa 9/11 booda waraana Iraaqiifi Afgaanistaan irratti garuu osoo mootummoota lixaafi fedhii daldalaaf sosso'anii xiyyeeffannoo ummataa jala seenaniiru.
Yeroo lola Iraaq dhaabbileen kontiraata dhuunfaa Bilaakwaater jedhaman socho'aa ture.
Hojiin isaaniis garee waraanaa sosso'uuf eegumsa taasisuu, akkasumas loltootaaf tajaajila manaafi soorataa dhiheessuu dabalata.
Haa ta'u malee, bara 2007 lammiileen nagaa 14 loltoota isaan ajjeefaman boodaafi kaaninis Bilaakwaatar maqaan isaa bade.
Baha Awuroppaatti dhaabbileen nageenyaa dhuunfaa korporeeshinootaafi namoota dureeyyiif eegumsa ni taasisu.
Yeroo Yugoslaaviyaan addaan diigamte humnoota Bosniyaafi Kirooshiyaa tumsuuf dhaabbileen hedduu qacaramaniiru. Kunneen eeyyama US'n kan raawwatan turani.

Indaastiriin kuni guddataa jira. Ta'ullee, kontiraaktarootaafi qarshii socho'u faana dhahuun garuu ni rakkisa.
Akka gabaasa Aerospace & Defense News'tti dameen waraanaa dhuunfaa bara 2020 dolaara biiliyoona 224 sochoosurraa bara 2030 $457bn socho'utti guddata jedhamee eegama.
Kontiraaktarootamoo kan qarshiin bitaman?
Dhaabbileen kontiraaktaroota waraanaa biyyoota alaa Yukireen keessaa lolaa hin jirru jedhu.
Muraasni isaanii Yukireeniifi biyyoota ollaatti lafa waraanaatti hojjechuuf muuxanoofi ga'umsa qaban akka erganiif dhaabbilee miti-mootummaafi gargaarsaan akka gaafataman himu.
Dhaabbileen waraanaa dhuunfaa biyyoota lixaa keessatti argaman seera biyya argamiin qajeelfamuu jedhu koloneelli duraanii US dhaabbilee kana keessa Iraaqitti dalagan Kiristoofer Meeyar.
Hojiin isaanii namoota yookiin qabeenya eeguu malee lola kallattii keessa seenuu miti jedhu. Kanneen hojii kana keessa jiran 'loltoota qarshiin bitamani' moo loltoota qarshii argachuuf dalaganidha?
''Kuni hojii Ameerikaafi eessattis argamudha,'' jedhu Meeyar. ''Garaagarummaan isaa lafa waraanni jiru carraan humna fayyadamuu akkaan olaanaadha.''
Garuu, garaagarummaan gidduu jiru laafaadha.
Akka loltuun qilleensarraa duraanii US Afrikaa keessa kontiraaktaraan hojjetan jedhanitti garaagarummaan isaa xiqqaadha.
''Dhaabbata waraana dhuunfaa keessa seenuuf ga'umsa isaa yoo qabaatte qacaramtee ajjeesuufis ga'umsa qabda jechuudha. Murtee abbichaafi gabaa jiruutu murteessa,'' jedhan.
''Namoonni qarshiin bitamanii hojjetan bu'aaf jedhanii lola dheeressu,'' jechuun himu.
Kana dura dhaabbati Executive Outcomes jedhamuufi Afrikaa Kibbaa buufate bara 1990 keessa mootummaa bakka bu'uun Angoolaafi Siyeeraa Liyoonitti loleera.
Dhaabbati Sandline International, jedhamuufi buufata isaa Landan godhatemmoo lola Paappuwaa Niw Giinii, laayibeeriyaafi Siyeraa Liyoon keessa hirmaateera.
Hundeessaan dhaabbilee lamaaniifi qondaalli humna addaa waraanaa duraanii Biriiteen Saayiman Maan carraan biyyoonni lixaa loltoota kontiraataan Yukireen keessa fayyadamuu ''baay'ee dhiphaadha'' jedhu.
Private military contractors contracted by the US State Department in Afghanistan in 2005 Loltoota waraanaa dhaabbata dhuunfaa bara 2005 mootummaan Ameerikaa Afgaanistaanitti qacare

Madda suuraa, Getty Images
Yukireenitti akkaataa qarshii argatan, qaama ajaja irraa fudhatan, akkasumas eeruun rakkisaa akka ta'u eeru.
Gareen waraana raashiyaa qarshiin bitamanii yeroo ammaa Yukireen keessa argamu jedhama.
Kana dura bara 2004 fonqolcha mootummaa Ikuwaatoriyaal Ginitti fashalaa'e hoogganuun shakkamanii hidhaa kan bu'an Maan, nama tokko biyyaa baasuuf hanga paawundii 10,000 akka kanfalamu yaadatu.
Kaan immoo Yukireen keessa kontiraaktaraan dalaguun abbaa dalaguufis ta'e abbaa isaan qaxaruuf balaa ta'u himu.
''Hidhattoota gama kamiinuu qabamnaan akka basaastuutti si ilaalu,'' jedhu loltuun duraanii Biritiish Orlaando Wiilsan.















