Yukireen: Waraanni kun akkamiin xumura argataa? Tilmaamawwan shan kennamaniiru

Loltoonni Yukireen aggaammii diinaa qolachuuf naannoo Luhaansik keessatti yeroo qophaa'anii jiranitti, Guraandhala 24, 2022

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, James Landale
    • Gahee, Diplomatic correspondent

Urriin ykn qayyoonni waraanaa wayita lafa aguugee jiru kanatti, fuuldurri maal akka fakkaatu arguudhaaf rakkisaa ta'uu danda'a. Oduun dirree waraanaa irraa dhaga'aman, waci dippilomaasii, miirri namoota gaddaniifi buqqa'anii hundi isaa humnaa ol namatti ta'uu danda'a.

Mee takkaa qalbii keenyatti deebinee akkamitti waraanni Yukireen keessatti deemaa jiru kun itti dhuma argachuu danda'u yaa ilaallu.

Namoonni siyaasaafi warri karoora waraanaa baasan akka waraanni kun ittiin xumura argachuu danda'a jedhan tilmaama kennaa jiru. Muraasni isaanii waan fuulduratti ta'uuf jiru afaan guuttatanii dubbachuun tilmaamaa isaanii kaa'u.

Akkamiin xumura argataa?

Waraana yeroo gabaaabaa

Tilmaama kana jalatti, Raashiyaan oppereeshinii waraanaa gaggeessitu daran hammeessiti. Halleellaawwan meeshaa waraanaa gurguddoofi rookkeettiiwwan osoo adda hin baasiin guutummaa Yukireen irratti gaggeessiti.

Hanga ammaatti gahee hangas jedhamu kan hin ba'atiin jiru humni qilleensaa Raashiyaa haleellaa qilleensarraa hamaa gaggeessa.

Bu'uraalee misoomaa biyyaalessaa ijoo ta'an irratti xiyyeeffachuun haleellaan saayibarii Yukireen waliin gaha. Dhiyeessi annisaafi neetiwoorkiin komunikeeshiniis addaan citu.

Lammileen nagaa kumaan lakkaaa'amanis ni du'u. Cichoominaan dura dhaabbachuun qolachuun jiraatullee, Kiyeev guyyoota keessatti harka kennatti. Mootummaan ammoo ergamtuu Raashiyaa kan ta'een bakka buufama.

Pirezidanti Zeleniskiin ammoo yookaan ni ajjeefama, yookaan ammoo gara lixa Yukireenitti ykn biyyaa bahee mootummaa baqatee biyya alaa jiru hundeessa.

Pirezidant Putiin ammoo injifannoon akka gale labsuun loltoota isaa muraasa baasuun kanneen biyyattii to'achuuf gahaadha jedhu ammoo achumatti dhiisa.

Baqqattoonni kuma hedduutti lakkaa'aman ammoo gara lixaatti baqachuu itti fufu. Biyya maamila Mooskoo taate ta'uun Yukireen Belaaruusitti makamti.

Bu'aa kanaan goolabamuun isaa haala kamiiniyyu hin danda'amu garuu haalawwan baayyee jijjiiraman irratti hundaa'uu mala: Humnoonni Raashiyaa raawwii gaarii agarsiisuu, loltoonni raawwii gaarii qaban dabalataan bobba'uu, akkasumas miirri ga'umsa addaan dura dhaabbachuu Yukireen laafuudha.

Kanaan, Mr.Putiin Kiyeev keessatti mootummaa jijjiiruu milkaa'anii, xumura Yukireen warra lixaan tokkummaa qabaachuu ta'a jechuudha.

Haata'u malee, mootummaan deeggaraa Raashiyaa ta'e kamiyyu mootummaa seera hin guutineefi humna irratti ka'uuf salphaatti kan saaxilamu ta'a. Bu'aan akka kanaa kun ammoo kan tasgabbaa'aa hin taaneefi carraan walitti bu'insi deebiyee dhalachuun isaa olaanaa ta'eha.

Waraana yeroo dheeraa

Ni ta'a jedhamee kan tilmaamamu gara waraana yeroon isaa dheerachuutti jijiiramuudha. Tarii humnoonni Raashiyaa mudhukanii hamileen isaanii gadi bu'uu danda'a.

Hanqinni loojistikiifi gaggeessaan gahumsa hin qabnes mudachuu danda'a. Akkanaan humnoonni Raashiyaa magaalota akka Kiyeev kan humni daandiitti bahee ofirraa qolachuutti jiru qabachuudhaaf yeroo dheeraa itti fudhata. Yeroo dheeraaf marsanii turuun ni jiraata.

Kun ammoo gar-tokkoon mancaasaniis ta'u, waraana yeroo dheeraa tureefi hamaa baroota 1990ta keessa magaalaa guddoo Chichiiniyaa Giroozinii qabachuudhaaf taasifame waliin wal fakkaata.

Warra Chichiiniyaa yeroo Raashiyaan Giroozinii qabattetti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Warra Chichiiniyaa yeroo Raashiyaan Giroozinii qabattetti

Humnoonni Raashiyaa takkaa magaalota Yukireen keessatti argamuu milkeeffatanii jennaan, itti cichanii to'atanii turuu ni yaalu.

Tarii ammoo Raashiyaan biyya akkas bal'aa ta'e kana hunda to'achuudhaaf loltoota gahu dhiyeessuu dadhabuu dandeessi. Humnoonni ittisaa Yukireen ammoo gara riphanii loluutti jijjiiramuun, deeggarsa uummata naannoo jiruun hamilee argachuu anda'a.

Biyyoonni Lixaa ammoo meeshaalee waraanaa dhiyeessuu itti fufu. Waggaa baayyeen booda, tarii kan gidduutti gaggeessaan haaraan Mooskootti dhalatee Raashiyaan suuta Yukireeniin gadhiistee baati.

Kun ammoo akkuma warra isaan dura turee riphe loltoota Islaamistootaa waggoota kudhaniif lolaa turanii bara 1989 Afgaanistaan kessaa mo'amanii bahanii ta'a.

line
line

Waraana Awurooppaa

Waraanni kun tarii daangaawwan Yukireen keessaa bahuu danda'aa? Pirezidant Putiin qaama impaayera Raashiyaa durii kan turan biyyoota miseensa NATO hin taane akka Moldovaa fi Joorjiyaatti loltoota isaa eguun deebifachuu fedhuu mala.

Yookaan ammoo tilmaamni dogoggoraa ta'ee dubbiin daran hammaachuus mala. Mr.Putiin meeshaa waraanaa biyyoonni Lixaa humnoota Yukireeniif dhiyeessan gocha weerara ana irratti gaggeessuudha jechuun haaloo bahachuudhaaf sababa godhata ta'a.

Loltoota gara biyyoota Baaltikitti ergu malee jechuun sodaachisa ta'a. Biyyoota Baaltik kana keessaa ammoo warri akka Lutiiniyaa ammoo miseensa NATOti.

Addabaabaayii galma magaalaa Kiyeev keessa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Kun ammoo lola baayyee hamaa ta'eefi balaa guddaa qabu NATO waliin taasifamu ta'a. Akka chaarterri waliigaltee waraanaa NATO keeyyata 5 jedhutti haleellaan biyya miseensa NATO ta'e tokko irratti raawwatama haleellaa biyyoota miseensa ta'an hunda irratti raawwatametti ilaalama.

Haata'u malee, Mr. Putiin mootummaa isaa oolfachuudhaaf carraa tokkitti hafte taanaan waan balaa qabaachuu danda'u kanatti seenuus danda'a.

Amma wanti hubachaa jirru gaggeessaan Raashiyaa kun safuuwwan idil-addunyaa yeroo dheeraaf turan cabsuudhaaf waan dhiisu hin fakkaatu. Meeshaa waraanaa niwukilaraa fayyadamuudhaafis waan duubatti deebiyu ta'uu dhiisuu mala.

Torbanuma darbe Putiin 'milaacii' niwukilaraaa qbadhaatti qophaa'ee eegaa jechuun ajaja dabarsee ture.

Fala dippilomaasii

Wanti fedhe ta'us karaan kun banaadha, garuu falli dippilomaasii ni danda'amaa?

Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez akka jedhu: "Qawween haasa'aa jira, garuu karaan dippiloomaasii yeroo kamiyyuu banaa ta'uu qaba".

Shakkii tokko malee mariin itti fufa. Pirezedantiin Firaansi Imaanu'el Maakiroon bibilaan gitasaanii kan Raashiyaatti dubbataniiru.

Qondaaltonni Raashiyaa fi Yuukireen mariif daangaa Beelarusitti walgahanii turan.

Tarii mariin isaanii fuuldurrati deemee/milkaa'ee galma yaadamu bira hin geenye. Taatullee mariyachuuf waliigalaniiru.

Pirezedant Puutin yoo xiqqaate dhukaasa dhaabu waliigalteerrati hundaa'e ni fudhatu fakkaata.

Dippilomaatonni akka jedhanitti, hogganaan Raashiyaa qoqqobbii biyyoota Lixaa ofirraa kaasuuf waliigaltee kabajaa isaanii hin minee yoo xiqqaate akka barbaachisu ni beeku.

Taatee kana sirnaan xiinxali. Waraanni Raashiyaaf milka'aa hin jiru. Qoqqobbiiwwan dabarfaman Mooskoo tasgabbii dhorkuu eegaleera. Reeffii loltoota sanduuqaan garaa biyyatti hanguma deebi'u mormiin biyyattii keessatti jabaateera. Mr. Putin haala jajaba kanaan itti fufuun itti cimeera.

Putin waraana goolabuun caala waraanicha itti fufuun hoggansa isaatiif yaaddoo guddaa ta'uu ni murteessa. Chaayinaan dhimmicha gidduu seenuun, Mooskoon gara waliigalteetti akka deebitu dhiibbaa kan uumte yoo ta'u, Raashiyaan yoo waraana qabbaneessite malee Chaayinaan gaaziifi zayita boba'aa akka irraa hin bitanne akeekkachifte.

Kanaaf, Mr. Putin marii eegalan. Gama biraatiin, qondaaltoonni Yukireen biyyisaanii itti fufinsaan manca'aa jiraachuu argaa kan jiran yoo ta'u, waliigalteen siyaasaa tarii waraana lubbuu namaa akka malee balleessu kana caalaa fala ni ta'a jedhanii yaadasaanii dhiyeessaniiru.

Kanaafuu, dippiloomatonni itti hirmaachuun waliigalteerra gahama. Yukireen birmadummaa Raashiyaan Kireemiyaafi naannoo Dimbaasi irratti qabdu nan simadha jetti.

Gama biraatiin ammoo Putin birmadummaa Yukiren amanee fudhachuun, mirga hariiroo Awurooppaa waliin cimsachuu akka qabdu simata.

Kuni shakkisiisa ta'uu mala. Kun dhugaarra kan fagaatu miti, taatee akkasii tarii lola hamaa dhiiga namoota dhangalaasurraa madda.

Putin aangoorra buqqifama

Pirezedant Putin wayita weerara jalqabu "Bu'aa boodarra argamu kamiyyuu simachuuf qophiidha," jedhan.

Tarii bu'aan waraana booda argamu yoo isuma [Putin] aangoorraa kan buusu ta'ehoo? Kunis tarii waan yaadamu hin fakkaatu ture.

Guyyoota muraasan asitti garuu addunyaan geeddaramteetti, amma waanti akkasii yaadamuu mala.

Pirofeesar Lawuraans Firiidmaa, pirofeesaara gameessa qorannoo waraanaa Kolleejjii Kiing Landanitti argamuuti.

Torban kana keessa akkas jechuun barreessan: "Akkuma Kiyeev Mooskootti jijjiramni sirnaa jiraachuun yeroon malu amma".

Maaliif kana jedhan? Tarii Mr. Putin waraana balaa hamaa qaqqabsiisu kana itti fufuu malu.

Loltoonni Raashiyaa kumaataman lakkaa'aman ni du'u. Qoqqobbiin dingadee itti cimuun Mr. Putin deeggarsa/fudhatama dhaba.

Tarii yaaddoon walqabatu warraaqsi jiraachuu mala. Putin garuu humnoota nageenyaa biyya keessaa gargaaramuun mormii mudatu ukkaamsa.

Taatullee, haalicha itti hammeessuun miseensota waraanaa, siyaasaa, dureeyyii irratti kakaasa.

Poolisoonni Raashiyaa keessatti namoota mormii bahan yeroo qabanitti, Bitootessa 02, 2022

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoonni Lixaammoo yoo Putin aangoorra bu'e, hogganaa fudhatama qabu kan biraatiin bakka buufamae fedhu. Raashiyaarraa qoqqobbiiwwan muraasa kaasanii, hariiroo dippiloomaasii deebisuus malu.

Putin masaraa keessa lola jabduun aangoorra fonqolfamanii baafamu. Kunis ammatti waanta sirrii hin fakkaatu.

Taatullee, namoonni Mr. Putin irraa fayidaa argatan yoo kana booda bu'aa keeenya hin kabachiisu jedhan malee shakkisiisadha.

Guduunfaa

Taaateewwaan kunneen waltumsanii waliin hin adeeman. Muraasni isaanii garuu walitti ida'amanii bu'aa gargaaraa qabaatu. Lolli kun akkatuma tokkichaan raawwatamaa jira, addunyaan garuu geeddaramteetti.

Hariiroon biyyoota kana gidduu ture akka duraniitti hin ta'u. Hariiroo Raashiyaan biyyoota kaan waliin qabaattus adda ta'a. Biyyoonni Awurooppaas ilaalchi nageenyaafi tasgabbiirratti qaban ni geeddarama/ni wayyaa'a.

Ilaalchi walabaa, seerrri idil-addunyaa bu'uura gaarii qabu tarii waan deebiyee kan lafa qabatus ta'a.