Waraana Yukireen: Raashiyaan loltootashee Yukreenitti du’aniif gaddaa jirti

Bataskaana Aleksaandiraa fi Antooniyaa keessatti saanduqni reeffaa mul’ata. Alaabaa Raashiyaa halluu sadii qabuun haguugameera.
Mikaaheel Orchiikoov koomandara itti aanaa birgeedii garee waraanaati. Yukreen keessatti ajjeefame. Loltoonni Raashiyaa hidhatan simannaa kabajaa taasisaniiruufi.
Lubni Orotodoksii kadhannaa dhageessisaa fi ixaana aarsaa reeffa isaatti naanna’u. Urgaan ixaanaa sagalee faarfattootaatti makamee mana sagadaa guuteera.
Haati warraa duraanii loltuu du’ee firoottan bira jiraniin jajjabeeffamaa jirti.
Hanga yoonaa loltoota meeqatu Yukreenitti ajjeefame? Raashiyaatti lakkoofsa mootummaan kennuun alattii dubbachuun seeraan nama adabsiisa.
Akka odeeffannoon Ministeera Ittiisaa Raashiyaatiin kenname yoo tahe loltoonni 498 lubbuu isaanii dhabaniiru. Kuni lakkoofsa guddaa yeroo dhumaaf gaafa Bitootessa 2 kenname dha.
‘’Haalli biyya keenyaa salphaa miti,’’ jechuun lubni uummata achi jirutti hima. ‘’Namni hundi kana ni hubata.’’
Kireemliin namni hundi loltoonni achi jiran gootota akka tahaniifi haleellaan Raashiyaan raawwataa jirtu immoo, gochaa ittisaa akka tahe akka baran barbaaddi.
Sagantaa odeessa torbanii kara TV mootummaan darbuun, ergaaan akkas jedhu darbeera: ’’Raashiyaan otoo amma tarkaanfii hin fudhanne tahee waggaa sadii keessatti, Yukireen Nato’tti makamti, innis boombii Niwkileeraa wajjini. Yukreen gara Kireemiyaa dhuftee, gara kibba Raashiyaa galti ture.’’
Namoonni baayyeen waan mootummaan jedhe ni amanu. Kunis gama tokkoon dhiibbaa miidiyaan ilaalcha namootaarratti qabuuni. Tahus yeroo rakkoo uummanni Raashiyaa baayyee mootummaa isaanii cinaa dhaabbachuun, pireezidantiin isaanii waan sirrii hin taane akka hin hojjennetti amanuu barbaadu.
‘’Nato’n ollaa keenyatti suuqii banachuu barbaada (Yukreenitti), niwuukileera immoo qabu,’’ jechuun dubbata lammiin biyyattii Nikoolaayi. ‘’Gaarii goote Puutiin. Akka galan waan hin eeyyamneef.’’
'’Raashiyaan hamma dhumaatti dhiibuu qabdi,’’ jette dubartiin sooroma baate Ninaa Ivaanoovnaa.
‘’Odeeffannoo miidiyaa Raashiyaa irraa argattu hangam amanta jechuun gaaffii dhiyaateef, ‘’nan amana maaliifan hin amanu? Ani intarneetiidha hin amanu.’’

Namni hunduu haleellaa Raashiyaan Yukreen irratti taasiftu ni amana jechuu miti. Ganda Nikoolskooye keessatti lubni Ortodoksii Loo’aan Buurdiin sagantaa tajaajilaa dhiyoo kana kennaniin, waraana balaaleffataniiru, mormii isaaniis marsariitii waldaa irratti dhageessisaniiru.
Boodarra garuu qabamanii seera haaraa maqaa Humna Waraanaa Raashiyaa balleessuu jedhuun adabamaniiru.
Lubni kuni ‘’dhiiga dhangalaasuun kamiyyuu fudhatama qabaachuu hin danda’u, cubbuudha,‘’ jedhan. ‘’Dhiigni harka nama dhiiga dhangalaaserra jira. Ajajni yoo kenname, harka isa ajaja kennerra jira,’’ jedhu.
‘’Hunda kan caalu immoo jibbi dhalateera. Hundee jabeeffatee ni guddata, haala Yukreen jiruunis kanuma argaa jirra.
Siyaasni kamiyyuu kana hin dhaabsisu. Jibbi gama lamaaniinuu jiru uummata lamaan gidduu gimbii tahaa jira.’’

Sagantaa Kostroomaatti taasifameen loltoonni saddeet saanduuqa reeffaa Mikheel qabatanii gara awwaalchaatti geessan. Kabaja isaaf qawween erga dhukaasameen booda, faaruun alaabaa faarfatamee, awwaalchi raawwate.
Haasaan gabaabaa jira ture: ‘’Ilma, obboleessa fi abbaa dhabuun yeroo hundayyuu gadda guddaa dha. Garuu inni kuni biyyasaa otoo tiksuu du’e, kanaan ni boonna. Mikheeliin, ’’tiksaa biyya abbaasaa’’ jechuun isa waaman.
Raashiyaan haleellaa Yukreen irratti raawwachaa jirtu ‘’oppireeshinii waraanaa addaa’’ jechuun waamtu kanaan, Yukreen waraanaan akka hin jabaanne gochuu barbaaddi. Kaayyoon bal’aa weerara kanaa garuu waan ifatti himame miti.
















