Waraana Yukireen: Vilaadmir Putiin bara kolonii dhuguma loltoota Afrikaa waraana leenjisaniiruu?

Vilaadmiir Putiin

Madda suuraa, Reuters

    • Barreessaa, Piitar Muwaayi
    • Gahee, BBC Reality Check

Suurri 'Black and White' kan namoonni pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin sochii bilisummaa Kibba Afrikaa yeroo jajjabeessan agarsiisa jedhan miidiyaa hawaasaa gubbaa naanna'aa jira.

Gariin suura kana fayyadamuun biyyootni Afrikaa waraana Yukireeniin walqabatee Raashiyaa deeggaruu qabuu jedhanii kaasu.

Suurri kun ilma pireezidantii Yugaandaa Yuweerii Museveniitiin twiitara gubbaatti maxxanfameera.

Haata'u malee suurichi Puutiin Afrikaa dhufanii akka turan hin akeeku, Yeroon suurichi kaafameera jedhamee dubbatamus yeroo Putiin Afrikaatti argamuu danda'an hin fakkaatu.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Putiin Taanzaaniyaa hin turre

Suurri kun miidiyaa hawaasaa gubbaatti bal'inaan qoodamu kan eegale dhuma bara 2018 blogiin Zimbaabiwee tokko erga maxxansee booda.

Maxxansi sun Putiin sochii walabummaa biyyoota Kibba Afrikaa deeggaruuf bara 1973 kaampii waraanaa Taanzaaniyaa argamaniiru jedha.

Suuricharra Pireezidantiin fuula duraa Moozaambiik Samoraa Makeel fi pireezidantiin ammaa Zimbaabiwee Emersen Manaangaaguwaa ni mula'tus jedhamee ture

''Putiin loltoota walabummaa leenjisaa bara 1973-1977 waggoota afuriif Taanzaaniyaa turaniiru'' jedha barreeffamni bloogii sanii.

Screengrab of misleading tweet by Museveni's son Muhoozi Kainerugaba

Haata'u malee namni dubbii ijoo addunyaa ta'an kun bara 1952 dhalatan Vilaadmiir Putiin bara 1970'oota keessa Afrikaa dhufuu isaanii ragaan qabatamaan agarsiisu gama Afrikaanis ta'e Raashiyaan hin jiru.

Marsariitii Kreemliin irrattii seenaan Puutiin barreeffame kan jedhu Putiin bara san 'Leningrad State University' keessatti barnoota qara'aa turanii bara 1975 eebbifamaniiruudha.

Gaazexessaan Moozambiik keessa barkurneewwaniif jiraatan Pool Fooveet dubbiin Putiin Afrikaa ture jedhu ''qoosaadha'' jedhu.

Loltoota walabummaa Moozaambiikiif kaampii Taanzaaniyaatti leenjiin kan kennamaa ture ''leenjiftoota Chaayinaan malee warra Sooviyeetiin hin turre'' jedhu.

Akka jedhamu osoo hin taane Manaangaagwaanis bara sana Taanzaaniyaa hin turre. Sababni isaas bara 1965 irraa eegalee waggoota 10 bulchiinsa warra adii bara sana Kibba Roodeezhiyaa bulchaa turaniin hidhamanii waan tureef.

Suura Samoraa Maakel seeqaa mul'isu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidant Samoraa Maakel bara 1986 xiyyaarri kufee lubbuun isaanii darbe

Imala nama Raashiyaa gara Moozambiiq bara 1980'ootaa?

Barreessaan Zimbaabiwee Renaatoo Matussee kitaaba isaa bara 2018 keessatti suura fayyadameen, suurichi Makeel leenjistoota Sooviyeet waliin magaalaa guddoo Moozaambiik Maputootti dhiyaatee buufata waraanaa argamu walakkeessa bara 1980 daawwatan jedha.

Putiin isaan keessaas tokko ta'uu hin malan. Sababni isaas hojjetaa basaasaa dhaabbata tikaa KGB kan ta'an Putiin, bara 1985-1990 Baha Jarman turan. Sana dura garuu hojjetaa sadarkaa gad-aanaa ture. Kanummoo garee olaanaa kana hoogganee Afrikaatti imaluuf hireen jiru xiqqaadha.

Seenaa Putiin keessatti Moozaambiikitti imalee akka beeku wanti dubbatu hin jiru.

Joosee Milhaazes qorataa seenaa fi gaazexessaadha namni suura irratti mul'atu Putiin osoo hin taane hooggana gameessa Sooviyeet kan Afrikaa Kibbaa keessa ture jedha.

''Akka walfakkeenya isaaniitti, akkaan walirra bu'eera'' jedhan namni kun.

Bara 1980'oota keessa Afaan Poortugaaliifi Raashiyaa hiikuun tajaajilaa kan turee fi amma barsiisaa Yunivarsiitii Niiw Yoork Abuu Daabii kan ta'e Joorj Derluugiiyaan, namni suura irra jiru Putiini yaadni jedhu qoosaadha jedha.

Koopheen suura irraa mul'atu namichi miseensa waraanaa ta'uu akeeka, Putiin ammoo hojii basaasaa malee waraana keessa hin turre. Suurichi ijoollummaa osoo hin taane dulluma Putiiniin walfakkaatas jedheera.

Vilaadimiir Putiin osoo waa dhuguu

Madda suuraa, Getty Images

Dabalataan namni suura irratti Puutiini jedhamu sa'aatii harka bitaarratti hidhatee jira. Putiin ammoo hamma hanga ammaa beekamutti amala sa'aatii harka mirgaa irratti hidhachuu qabu.

Reality Check branding