Gaazexeessitoonni Fox News lama Yukireen keessatti ajjeefaman

Ogeessa kaameeraa Fox News Piiyeer Zaakarzeewuskii (biraa)

Madda suuraa, Fox News/PA

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeessa kaameeraa Fox News Piiyeer Zaakarzeewuskii (biraa)

Gaazexeessitoonni miidiyaa 'Fox News' jedhamuuf hojjatan lama Yukireen keessatti ajjeefamuusaanii dhaabbatichi Ameerikaa irraa beeksise.

Ogeessi kaameeraa kan umuriin waggaa 55 Piiyaar Zaakarzeewuskii fi shamarree waggaa 24 kan taate Oleksaandiraa Kuvishiinoovaa bakka Kiyeev keessaa xiqqoo bahee argamu Horankaa jedhamuutti erga konkolaataansaanii rukutameen booda ajjeefaman.

Waahilli isaanii Beenjaamin Hool kan umuriin waggaa 39 miidhaan irra qaqqabuun hospitaala galeera.

Hojii gaggeessituun Fox News Suzaan Iskoot taateen kuni dhaabbata isaaniif ''kan onnee cabseera'' jedhan.

Itti dabaluunis ogeessi kaameeraa Zaakarzeewuskiin ''jaallalli inni ogummaa gaazexessummaa isaatiif qabuufi kennaan isaa kan dorgomaa hin qabnedha,'' jedhan.

''Piiyeer yeroo dheeraa nu waliin hojjataa tureetti waraana Iraaqii hanga Afgaanistaan fi Sooriyaa turan irratti gabaasaa ture. Kanaafuu gabaasa idil-addunyaa hunda irratti jedhamu hanga danda'amutti gabaasaa dhaabbatichaa addawwan waraanaa ture,'' jechuun ibsan.

Gabaastuun nageenya biyyaalessaa dhaabbatichaa Jeeniifar Giriifiin gama isheetiin, ogeessa kaameeraa Zaakarzewusikiin ''kan baayyee beekamuu fi gabaasa hojjachuuf beekumsa gahaa kan qabudha'' jechuun ibsite.

Kana malees gaazexeessituun waggaa 24 kan ogeessa kaameeraa kana waliin ajjeeffamte, Kusvishiinovaan shamarree ''dandeettii cimaa qabdu'' turte jettee jirti. ''Isaan dhabuutti waan nutti dhagahamee jechaan ibsuun ni rakkisa'' jechuun miirashee ibsite.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Ministirri Mummee Ayerlaand Miisheel Maartiin Kuvishiinoovaa fi lammuummaa Ayirish kan qabu Zaakarezyywuskiin ajjeefamusaaniitti baayyee gadduusaanii dubbataniiru.

Ministirri muummichaa dabaluun, maatii, hiriyyootaafi waahilawwan hojiisaanitiif toora tiwiitara isaaniirratti jajjabiina hawwaniiru.

Zaakarzeweskii fi Kuvaashiinovaan osoo hin ajjeefamiin guyyoota muraasaan duras gaazexesseaan lammii Ameerikaa kan waggaa 50, Bireenti Reenaawud Dilbata darbe magaalaa Iriipiin keessatti rasaasaan dhahamee ajjeeffamuunsaa ni yaadatama.

Ukrainian parliament's human rights chief

Paarlaamaa Yukireenitti itti gaafatamaan mirgoota namoomaa Lyudmyla Denisova, waraana kanaan dabalataan yoo xiqqaate gaazexeessitoonni lammummaa Yukireen qaban lama ajjeeffamaniiru jedhan.