Waraana Kaaba Itoophiyaa: Murteen adda bahu dhaabbileen amantaa Tigraay mufiimoo siyaasa?

Paatiriyaarkii Bataskaana Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa, Abuune Maatiyaas

Madda suuraa, Getty Images

Waraana ji'oota 16 darban Kaaba Itoophiyaatti taasifame hordofee namoonni hedduun qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru. Qabeenyi birrii miliyoona hedduutti tilmaamamus manca'eera. Kuma hedduutti kanneen lakkaa'aman ammoo hanqinni nyaataafi qorichaa isaan mudateera.

Kun osoo kanaan jiruu abbootiin amantaa Ortodoksiifi Musliimaa naannoo Tigraay caasaa isaanii Federaala jiru keessaa adda akka of baasan beeksisaniiru.

Torban sadiin dura Phaaphaasonniifi luboonni amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa Tigraay Mana Lubummaa Waliigalaa Itoophiyaa waliin hariiroo bulchiinsaa qaban addaan kutuun mana lubummaa haaraa hundeessuu isaanii beeksisaniiru.

Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Tigraay gama isaatiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa waliin hariiroo qabu addaan kutuu ibseera.

Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaatti miseensa Mana Maree Ulamaa kan ta'aniifi itti-gaafatamaan damee nagaafi araaraa Hajjii Mohaammad Siraaj garuu "adda baaneerra" jechuun sirrii akka hin taane dubbatu.

Nuti uummata biyya tokkooti kan jedhan itti-gaaftamaan kun, rakkoon Itoophiyaa keessa jiru kan Tigraay keessa jirus akka ta'e ni beeku jechuun BBCtti dubbatan.

Yunivarsiitii Finfinneefi Mana Barumsaa Amantaatti barsiisaa Digirii Lammaffaa kan ta'an Doktar Takkaaliny Naggaa gama isaaniitiin, Manni Maree Dhimmoota Islaamaa kanaan duras akkaataan caaseffama isaa naannoleettis kan diriirfame waan ta'eef Manni Maree Tigraay isuma qabatanii itti fufuu isaanii agarsiisa jedhan.

Akkaataa caaseffama kan Ortodoksii garuu irra caalaan isaa sadarkaa naannoleetti jechuun akka hin danda'amne ibsan.

Kanarraa ka'uudhaan tarkaanfii dhaabbileen amantaa fudhataa jiran dhiibbaan siyaasaa akka irra jiru dubbachuun ni danda'ama jedhan.

"Akka ani yaadutti yeroo adda ba'iinsi akkasii kun uumamu karaa bakka bu'oota isaanii taa'anii walii walii isaanii waliin dhimma adda isaan baasu irratti ifatti mariyatanii kan murtaa'e waan hin taaneef dhiibbaan siyaasaa baayyeen murtoo irra jiru godheen fudhadha ani."

Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa Abuune Maatiyaas Bitootessa 2021 keessa biyyattii keessa bakkawwan gara garaa rakkoowwan akka jiran ibsaniiru.

"Yeroo hedduu, keessumaa gochi gara jabinaan Tigraay keessatti raawwataman akka dhaabbatuuf dubbachuu barbaadee naaf hin taane. Hayyamni anaaf hin kennamne," jedhanii turan.

Ergaan Paatiriyaarkichaa kun Ameerikaatti Kollejjii Fireminaaxos Qulqulluu keessa hojjetan Piroofeesar Deniis Waadileyiin kan waraabame yoo ta'u, "Bataskaanaafi gadaamii Dabire-Daamootti madifiin dhukaafameera, monokseewwan keessa jiraatan diigameera, abbootiin amantaa ajjeefamaniiru," jechuun dubbataniiru.

Kanaan alatti Qulqulluun Sinoodoosiis ta'e Manni Lubummaa Waliigalaa Itoophiyaa kasaaraa namoomaa waraanichi qaqqabsiise, miidhaawwan dhaabbileen amantaafi amantootarra gahe ilaalchisuun yaadni kenne hin jiru.

Manni Islaamaafi bataskaanni Ortodoksii Tigraay akka adda bahaniif akka sababaatti kan dhiyaatu dhaabbileen amantaa Federaalaa jala jiran miidhaan ummata Tigraay fi bakkawwan amantaarra yeroo gahutti hin balaalleffanne kan jedhudha.

Pirezidantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Tigraay Sheek Adam Abdelqaadir, yaada Sagalee Raadiyoo Ameerikaatiif kennaniin yeroo waraanni gaggeeffamaa turetti musliimonni nagaa ta'aan, Imaamonniifi Ulamoonni ajjeefamaniiru jedhan.

"Abbootiin amantaa waraana keessatti meeshaa fudhatanii hin waraanan. Haata'u malee, Musliimonni lakkoofsi isaanii baayyee ta'e nu jalaa dhumaniiru.

''Masjiidni AL-Najaashii ta'e jedhamee diigameera. Yeroo rakkoon kun hundi qaqqabu ni beeku, rakkoo keenyas itti himneerra. Ta'us garuu nu hin hubanne," jedhan.

Sababa kanarraa kan ka'een hariiroo Mana Maree Dhimmoota Islaamaa waliin qaban addaan kutuu beeksisaniiru.

Qondaalli Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa Hajji Mohaammad Siraaj gama isaaniitiin, Affaariifi Walloo Kaabaa keessatti masjiidawwan 110 ol ta'an miidhaan akka irra gaheeru yaadatu.

"Rakkoon kun hundumaarra miidhaa geessisaa jira. Abbootiin amantaa hedduufi barsiisonni Qur'aanaa du'aniiru. Kana kan taasise waraana walii waliiniiti.

''Nuti asiinis ta'e achiin nama waraana barbaadu hin deeggarru. Maaliif dhiigni dhangala'a, maaliif qabeenyi barbadaa'a, maaliif dhaabbileen amantaa diigamu jechuun ni dubbannaam," jedhan.

Hordofaa amantaa kan ta'eefi Yunaayitid Arab Immiratis keessa kan jiraatu Kamaal Mohaammad Yaasin, tarkaaniif Manni Marichaa fudhate dhiibbaan kan irra hin jirredha jedhamuu baatus garuu murtoo sirriidha jedhee akka amanu dubbata.

"Sababa waraanichaan miidhaa naannicha keessatti qaqqabe baruudhaaf gabaasawwan dubbisuun gahaadha. Kana arganiis ta'a waamicha nuti dhiyeessaa turre fudhatanii miidhaan isaanirra gaheetii? jedhanii nu hin ilaalle," komii jedhu akka qabu dubbata.

Hajjii Mohaammad Siraaj garuu irra deddeebiin waraanni hin barbaachisu jedhanii dubbachuu isaanii ibsu. "…gochicha akka abbaa amantaa tokkotti mormuu malee nama dallane ta'anii dubbachuun anatti hin mul'atu.

''Akka dhaabbataattis jedhamuu hin qabu. Abbootiin amantaa asiinis achiinis jiran osoo wanti kun hin raawwatiin dura waraanni hin barbaachisu, hundinuu ni miidhama, qabeenyi ni manca'a, lubbuun ni bada yeroo meeqa jedhame? Kanarraa bilisa ta'anii dubbachuu qabu. Maaliif akka akkas jedhan hin beeknu," jedhu.

Nama harka ballisee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Doktor Takkaaliny gama isaaniitiin maneen amantaa maatii ta'aniifi obbolaanidha jedhanii amanan kunneen Keewwanni amantaa haaraan uuman [Article of Faith] akka hin jirre eeruun murteen isaanii kun mufii akka ta'e kaasan.

"Yeroo rakkoo kana keessa taanutti nu waliin dhaabbachuun osoo nurra jiruu, qaama kallattiinis ta'e al-akkallattiin nurratti miidhaa geessisaa jiru tumsitaniittu, dhimma kanarratti mufii qabna kan jedhu akka ta'e nan arga.

''Kiristinnaa keessatti miidhaan yeroo qaqqabutti, amantaan yeroo dhiibamutti waldaan Kiristaanaa sagalee ta'uu qabdi kan jedhu jira. Kanarraa ka'uun mufii qaban kan ittiin ibsanidha jedheen yaada," jedhu.

Siyaasaafi Amantii

Mohaammad Girmaa barreessaa kitaaba Understanding Religion and Society in Ethiopia' fi barsiisaan Yunivarsiitii Rohaampitaniiti.

Mohaammad ji'a Sadaasaa 2021 keessa 'Amantiin yeroo tokko Itoophiya fayyisee ture, ammas biyyattii diigamuu irraa oolchuudhaaf gahee qabaataa laata?' mata-duree jedhuun barreeffama barreessaniiru.

Kana keessa rakkoon siyaasaafi hawaasummaa Itoophiyaa kufaatii hamilee dhaabbileen amantii keessa jiran irraa madda jechuun kan falman jiru.

"Gareewwan amantii kunneen madda nagaafi araaraa, waliin jiraachuu ta'uu waan hin dandeenyeef rakkoo kallattii dhabuu hawaasa keessatti mul'atuuf itti gaafatamoodha," jechuun qeeqa barreeffamni kun.

Kanaaf ammoo yeroo Paatiriyaarkiin Bataskaanittii mootummaan namoota nagaa irratti miidhaa qaqqabsiisaa jira jedhanii dubbatanitti luboonni warri kaan ammoo mootummaa deeggaruu isaanii akka fakkeenyaatti eeru.

Kun, "dhaabbileen amantii keessoo isaaniitti rakkoo sabummaa waliin walqabatu akka qaban kan agarsiisudha," jechuun ibsaniiru.

Doktar Takkaalliny Naggaa gama isaaniitiin, ''Amma hundi keenya yeroo dhukkuba keessatti argamnudha, yeroo kanatti sagaleen akka dhaga'amu barbaadnu kankoo qofa kan jedhudha.

''Wal qeequun uumama ta'us namni dhaggeeffachuu kan barbaadu kan ofii isaati," jechuun garaa gartee dhaabbileen amantii Tigraay agarsiisan amantiidha jechuuf akka ulfaatu ibsaniiru.

Abbaa Saraq-Birhaan garuu garaa garummaan kun amantiidha jechuun falmu.

"Mootummaa Tigraay fi Federaala gidduu garaa garummaan siyaasaa jiraachuu danda'a. Kun ammoo garaa garummaa amantii, [qanoonaa]dha. Bataskaanni Tigraay waan ganamteef, hayyoonni ishee, luboonni ishee waan ajjeefamaniifidha murtee kana kan murteessite," jedhu.

Miseensa Mana Maree Ulamaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaafi itti-gaafatamaan Damee Nagaafi Araaraa Hajjii Mohaammad gama isaaniitiin, "ani akka gaggeessaa amantii tokkootti gocha lubbuu namaa balleessu, qabeenya namaa mancaasu, nama qe'ee isaarraa kan buqqisu sirrii miti jechuun nurra jiran jedha. Kun kan abaaramedha," jedhu.

Obbo Kamaal gama isaaniitiin, Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Tigraay ta'es kan Itoophiyaa sababii dhiibbaa siyaasaatiin dogoggorawwan hedduun waan hojjetamaniif "meeshaa siyaasaa ta'eera" komii jedhu yeroo dhiyaatu tureera jechuun ibsa.

Ta'us amantii Islaamaa irratti miidhaan yeroo qaqqabu hordoftootaafi dhaabbaticharra wantonni eegaman sadii jiru.

Isaanis, "Isa miidhame waliin dhaabbachuu, miidhaa raawwatamu saaxiluu, yoo dadhabame ammoo wanta raawwatamu balaaleffachuudha. Gaggeessitoonni keenya Federaala jala jiran garuu faallaa kanaa kan ta'e cinaa dhaabbatan," jedhu.

"Asiis ta'e achii kan miidhaman lammileen keenyadha. …Yeroo muraasa booda garuu miirri sanyummaa calaqqisee, babal'atee obbolaawwan dhiiraafi dubaraa keenya, abbootii keenya, haadhotii keenya dhabaa jirra.

''Kallattii hundaan namni du'aa jira, maaliif du'a jechuutu nurra jira," jechuun kan falman ammoo Hajjii Mohaamad fa'idha.

Ummanni Itoophiyaa haaluma mootonni jijjiiramaniin du'uu, buqqa'uun irra hin jiru kan jedhan Hajji Mohaammad, "Affaar, Amaaraa, Tigraay, Oromiyaafi kan biroo keessaa kan buqqa'aniifi gidirfaman obbolaan keenya, uummata keenyadha jennee amanna. Kana balaaleffachuutu nurra jiraata," jedhaniiru.

Balleessaan yeroo jiraatu amantii maatii ta'an gidduu miidhaa qaqqabe hin balaaleffanne, deeggarsa barbaachisu nuuf hin taasifne jedhanii wal komachuun kan jrudha jedhu Doktora Takkaaliny.

Ta'us, rakkoo isaanii irratti mariyachuudhaaf waltajjiin tokko osoo hin uumamiin murteen ofii isaanii qofaatti murteessan garuu hojmaata amantii miti jechuun qeequ.

Akkasitti wal komachuun garuu balleessaan kun kan hundumaati ergaa jedhu hin dabarsu jedhu

Wanti itti aanu maal ta'inna?

Obbo Girmaa Mohaammad dhaabbileen amantaa keessatti jijjiiramni dhufuu akka qabu ibsuun, gidduu isaaniitti tokkummaan akka jiraatu gochuuf, akkasumas dhiibbaa siyaasaa irraa haala bilisa itti ta'an uumuun akka barbaachisu amanu.

Garaa garummaan amma dhaabbileen amantaa naannoofi Federaala jala jiran gidduutti dhalatan furuudhaaf jalqaba tasgabbiin siyaasaa dhufuu akka qabu Doktor Takkaaliny ni himu.

Siyaasi itti aanu nagaa, wal amanuufi waliin jiraachuu danda'uu kan uumu yoo ta'e adda baaneerra warri jedhan araarsuun hin ulfaatu jedhan.

"Siyaasni yoo sirrate dhaabbileen amantaa walitti boo'anii, balleessineerra, yakkineerra jechuun, inni tokko isa kaan miila irratti kufee dhiifama gaafachuu waan danda'uuf waliin sirrata jedheen yaada," jechuun abdii qabu ibsatan.