Raashiyaan muddama jidduutti astiroonotii US gara dachiitti deebisuuf waliigalte

Madda suuraa, Getty Images
Qorataan hawaa lammii Ameerikaa Raashiyaan gara dachiitti deebi'uu isaa diduu dandeessi jedhamuun sodaatamullee, Raashiyaan waan waliigalteefuu gara lafaatti deebi'aa jira.
Astronaut Maark Vaande Hei kan guyyoota 355'f hawaa keessatti dabarse, muddama Raashiyaafi Yukireen jidduu jiruun wal qabatee gara lafaatti deebii'uunsaa turuu mala jedhamee sodaatamee ture.
Haata'u malee xiyyaar-samii Raashiyaa fayyadamuun Kaazaakhistaanitti akka qubatu mirkanaa'eera.
Imala kanaanis lammiin Ameerikaa tokkoofi lammiileen Raashiyaa lama waliin gara lafaatti deebi'u.
Jool Montaalbaanoo, hogganaan sagantaa ISS Naasaa akkas jedhan: ''Dhugaan isinitti himaatii Maarki gara manaa deebi'aa jira... Waahillan keenya Raashiyaa waliin dubbataa jirra. Isarras rakkoon omtu hin jiru.''
Aabba Joel ''qorattoonni kunneen addunyaa irratti maaltu gaggeeffamaa akka jiru ni beeku'' jechuun, garuu akka gareetti waliin hojjatu jedhan.
Dimitirii Rogoziin Hogganaan Eejansii Hawaa Raashiyaa - Roscosmos, dhimmoota ISStti rakkina teknikaa uumuu danda'an irra qoqqobbii kaa'uun akeekkachisuun, garuu Mr Montaalbaanoon haaluma gaariin adeemuu itti fufeera jedhan.
''Sochiiwwan kunneen hundis kan waggoota 20f itti fufaniifi torbanoota sadan darbaniitti waan geeddarame omtuu hin jiru. Jidduugalli to'annoo keenyas milkaa'inumaan hojjataa jira,'' jedhan.
Ameerikaan anniisaa fi boordii deeggarsa lubbuu ISS kan to'attu yoo ta'u, Raashiyaan ammoo wantoota akka sochii imalichaa dhiibuu fa'i to'atti.
Mr Roogooziin jalqaba baatii kanarratti TV motummaa Raashiyaa gubbaatti akka ibsanitti, qoqqobbii Ameerikaan Raashiyaarra keesseef deebii kennuuf Roscosmos rookkeettii UStti gurguruu ni dhaabdi jedhanii ture.
Mr Vaandee Hei kan umuriin waggaa 55, hawaa keessaa guyyoota 355'f turuun Ameerikaatti riikardii haaraa galmeessiseera.














