Yaalii farra misaa'elii Raashiyaan taasifte Ameerikaan balaaleeffatte

Yeroo caccabaan saatalaayitii Raashiyaan rukutte yoo dhufu astiroonaatonni ISS gubbaa jiran tarkaanfii of eeggannoo gochuuf dirqamanii turani

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo caccabaan saatalaayitii Raashiyaan rukutte yoo dhufu astiroonaatonni ISS gubbaa jiran tarkaanfii of eeggannoo gochuuf dirqamanii turani

Yunaayitid Isteet yaalii misaa'elii Raashiyaan taasiste astiroonota Buufata Hawaa Idil-addunyaa (ISS) balaa keessa buuse jechuun balaaleeffatte.

''Balaa kan qabuufi maal na dhibdeedhaan kan raaawwatte,'' jechuun Ministeerri Dhimma Alaa US qeeqeera.

Haleellaan Raashiyaan raawwatte saatalaayitii Raashiyaa mataashee kan rukute yoo ta'u, hojjettoonni ISS caccabaan isaa jalaa akka of eegan dirqeera.

Buufatichi yeroo ammaa miseensota torba qaba; lammiilee Ameerikaa afur, Jarman tokkoofi lammiilee Raashiyaa lama.

Biyyoonni muraasni jechuunis kanneen akka US, Raashiyaa, Chaayinaafi Hindiin lafarraa saatalaayitii rukutuu danda'u.

Misaa'elii akkanaa yaaluun hammana hin baramne, garuu yero hundaa ni balaaleeffatama. Sababni isaas naannawa hawaa waan faaluuf.

Buufati Hawaa Idil-addunyaa fageenya ol ka'iinsa 420km'n naannawa.

''Federeeshiniin Raashiyaa maal na dhibdeedhaan yaalii misaa'elaa badiif saaxileefi misaa'ela ishiirratti bu'e raawwatte,'' jechuun Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa US Ned Piraayis dubbataniiru.

''Yaaliin kuni caccabaa sibiilaa 1,500 oliifi kanneen xixiqqoo ta'anii kuma dhibbaan lakkaa'aman uumuun fedhii biyya hundaa yaaddoo keessa galcha,'' jedhan.

Bulchaan NASA Biil Neelsan waan raawwateen guddaa mufachuu ibsan.

''Osoo gama balalii hawaan osoo seenaa bal'aa qabdu Raashiyaan michuuwwaan ishii Amerikaafi kaan ISS gubbaa jiran, kosmonaatii isaanii akkasumas kan Taayikonaatsi kan Chaayinaa yaaddoo keessa galchu jedhanii yaaduun nama rakkisa,'' jechuun ibsa baasaniin qeeqan.

Dhaabbati hawaa Raashiyaa Roskomoos garuu taate kana gad qabaa ilaale.

''Caccabaan har'a akkaataa hojimaataatti hojjattoonni ISS akka dawoo barbaadan dirqe orbitii ISS irraa fagoo jira. Buufatichi zoonii magariisa keessa jira,'' jechuun gama tiwiitaraan ibse.

Dabalataan US taatee ''maal na dhibdeedhaan raawwate'' jetteef michuuwwan ishee waliin deebii akka kennitu ibsite.

Ministeerri Ittisaa UK Ben Waalas yaaliin Raashiyaan raawwatte ''nageenya, eegumsaafi egereen hawaaf dhimmuu dhabuudha,'' jechuun qeeqan.

Gaazexeessaan BBC addatti waa'ee saayinsii gabaasu Jonaataan Amos yaalii farra misaa'elii raawwachuu akka maraachuutti ilaaluu dhabuun nama dhiba jechuun ibsa.

Hanga yoonaa caccabaan sibilaafi maashinaa kumaan lakkaa'aman uumamaniiru. Muraasni lafatti bu'u garuu waan namarra balaa buusan miti. Kaan garuu ol bahuun opireeshinii fuula duratti taasifamu danqu jedhe.