Waraana Yukireen: Mucaa ganna 11 waraana Yuukireen baqa km 1200 kophaa imale

Madda suuraa, Slovak interior ministry
Mucaan ganna 11 Baha Yuukireen irraa ka'uun kiiloomeetira 1,200 kophaa isaa imale Isloovaakiyaa gahe tola ooltotaan simatamee jira.
Haasan harmeen isaa haadha ishii kan socho'uu hin dandeenye gattee deemuu waan hin dandeenyeef kophaa baqachuuf dirqame.
Qe'ee isaa iddoo Zaaporizhizhiyaa jedhamturraa boorsaa lama, paaspoortii isaafi lakkoofsa bilbila firoota isaa qofa qabatee ture.
Haati isaa baabura yaabsiftee biraa deebite. Wayita daangaa Isloovaakiyaarra gahu qondaalota to'annoo daangaatiin gargaaramee daangaa akka qaxxaamuru godhame.
Mucaan kun goota ta'uu fi seeqa isaan qalbii namoota hedduu akka booji'e qondaalonni kunneen ni himu.
Tola ooltonni namoota baqatan gargaaran nyaataa fi bishaan dhugaatii erga kennaniifi booda lakkoofsa bilbila qabatee tureen firoota isaa magaalaa guddittii Isloovaakiyaa Biraatislaavaa jiraatan qunnamuu danda'aniiru.
Harmeen isaa viidiyoo poolisiin Isloovaakiyaa booda gadhiiseen namoota mucaa ishee gargaaran hunda galateeffattee, maaliif ilmi ishii Yuukireen keessaa akka baqate ibsiteetti.
"Ollaa koo buufata anniisaa humnooti Raashiyaa qilleensarraan haleelaantu jira. Ani haadha koo dhiisee baqachuu hin dandeenye - socho'uu hin dandeessu, kanaafan mucaakoo gara Isloovaakiyaa erge" jette Juuliyaa Piseekaa.
Zaaporizhizhiyaa buufata niwukileeraa isa guddicha Awurooppaa keessa jirudha. Humnooti Raashiyaa haleellaa Sanbattan darberra raawwataniin booda to'ataniiru.
Haleellaan kun badii bara 1986 buufata niwukileeraa Chernoobilirra gaheen dhaqqabe caalaa gaaga'ama hamaa kan fidu jechuun pireezidantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniiskii akeekkachiisan.
Hasan namoota miliyoona lama waraana Raashiyaan Yuukireen irratti bante baqachuun gara biyyoota ollaa godaanan keessaa tokko. Namoonni miliyoona 1.2 gara Poolaand kan baqatan yoo ta'u, 140,745 ammoo gara Isloovaakiyaa baqatan jedhan UN.

Madda suuraa, AFP
Juuliyaan daa'imman sababa waraanaan buqqa'an eegumsi akka godhamuuf imimmaaniin dabaalte kadhatti.
Tola ooltonni lakkoofsa bilbilaa harka isaa fi waraqaa cittuu giphii isaa keessa jirtu irratti barraa'etti fayyadamuun firoota isaa Biraatislaavaa jiraniif bilbilanii, firooti isaas dhufanii akka fudhatan himu.
Aanga'oonni Isloovaakiyaa namoota harmee fi akkawoo Hasan duubatti hafan gargaaruu fedhaniif waamicha dhiyeessanii jiru.

Madda suuraa, Slovak interior ministry












