Waraana Raashiyaa- Yukireen: Akaakayyuun Iskootilaand tokko Raashiyaa waraanuuf Yukireenitti duulan

Raab Giredii, maanguddoo walakkaadha dhaabataniif fi Yuukireen deeggaranii Raashiyaan lola jiran ta'u viidiyoon maxxansan kan mul'ise

Madda suuraa, RAB GRADY

Ibsa waa'ee suuraa, Raab Giredii, maanguddoo walakkaadha dhaabataniif fi Yuukireen deeggaranii Raashiyaan lola jiran ta'u viidiyoon maxxansan kan mul'ise

Maanguddoon lammii Iskootilaand akaakayyuu argan humnoota Yukireen gargaaranii weerartota Raaashiyaan loluuf gara Yuukirenitti imalan.

Viidiyoon toora intarneetiirratti maxxanfame tokko akka agarsiisutti, maanguddoo Edenbiraa Raab Giredii jedhaman kan jaakkeettii rasaasa ofirra qolatufi uffannaa loltuu uffachuun, qawwee hidhatan agarsiisa.

Maanguddoon kun loltoota Yuukireen lamaan dabaalamaniiru, namni kun’’maqaan koo Roob jedhama, Ani nama akaakaayyuu argeedha, Ani Iskootilaand irraan dhufe jedhan.

Iskootilaandiirraa tola-ooltummaan namoonni 100 ol lola kanarratti akka hirmaataa jiran BBC’n odeeffateera.

Lammileen Biriteen waraanatti dabalamanii loluurra, UK turanii akka Yuukireen gargaaran hogganaan humnoota waraanaa UK Siir Tooni Radakiin waamicha dhiyeessaniiru.

Aab Gireediin dhaamsa qabu;’’ Ani Yuukireenitti kanan imale loltoota Yuukreen gargaaree warra Raashiyaa loluufi,’’ jedhan.

''Yuukireen Puutin jalaa baraaruuf waan humni koo danda’u hunda nan gumaacha’’ jedhan. ‘’Namoonni addunyaa kanarra jirtan kamiyyuu, Yuukireen deeggarsa keessan barbaaddi, tola –ooltonni adaraa keessan gargaraa,’’ jedhan.

Dhaamsa kilippii kana biratti abbaan daa’ima tokko akkas jechuun barrreesse:’’ Kuni filannoo kooti, ani gahuumsan qabuniin uummata Yuukireen gargaaruun dhaqe,’’ jedhe.

Aab Gireediin BBC Iskootilaandiin, ''birgeedii waraanaa idil-addunyaa Kiyeevitti dabalame,’’ jedhan.

Kanaan dura waraana loltoota’’ Territorial Army’ jedhaman waliin hirmaachuun akka muuxannoo horatan himaniiru. Miseensonni maatii Aab Gireeedii dhaamsa murtoo isaanii deeggaru barreessanii maxxansan.

Miseensota maatii isaanii keessaa tokko akkas jedhe: ''Goota, nagaan garaa biyyaatti deebi’i Roob Gireedii. Aanga’oonni siyaasaa lammiileen Biriteen Yuukireen dhaqanii waraana kessatti hirmaachuu isaanii ilaalchee ejjannoo gargar ta’e qabu.

Ministirri Dhimma Alaa Biriteen Liiz Tiraas, namoota humnoota sadarkaa idil-addunyaatti dabalamuu barbaadan nan deeggara jedhan.

Haata’u malee, Ministirri Ittisaa UK Been Waalaas, otoo shaakala waraanaa hin qabaatiin Yuukireen hin dhaqiinaa jedha.

Ministirrii Iskootilaandi Nikolaa Istarjin nama leenjii waraanaa qabu yoo ta’e malee namni leenjii hin qabne dirree waraanaa dhaquun miidhaa isaatu caala jedhan.